Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 15

Barumsa Nama Gaarii Taʼuu Ilaalchisee Kenname

Barumsa Nama Gaarii Taʼuu Ilaalchisee Kenname

HALAALATTI nama jibbuu jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Namni tokko biftisaa ykn qooqnisaa nurraa adda waan taʼeef qofa isa jibbuu jechuudha. Kanaaf nama tokko halaalatti jibbuu jechuun, eenyummaasaa utuu sirriitti hin beekin waaʼeesaa waan gadhee yaaduu jechuudha.

Eenyummaa nama tokkoo sirriitti utuu hin beekin, inni nurraa adda waan taʼeef qofa isa jibbuun sirrii sitti fakkaataa?— Gochi kun sirrii kan hin taaneefi gaarummaa argisiisuurraa faallaa kan taʼedha. Namni tokko nurraa adda waan taʼeef qofa, nama sana jibbuu hin qabnu.

Nama biftisaa sirraa adda taʼe ykn nama afaan garabiraa dubbatu beektaa?— Tarii namoota balaadhaan ykn dhukkubaan qaamnisaanii hubamuusaatiin namoota kaanirra adda taʼe beekta taʼa. Namoota akkasiitti gaarummaafi jaalala ni argisiistaa?—

Namoota qomoo keenya hin taane akkamitti qabuu qabna?

Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesus Kiristosiin kan dhaggeeffannu yoo taʼe, nama hundumaatiif gaarummaa ni argisiisna. Namni tokko biyya kamirraayyuu dhufuunsaafi bifa akkamiiyyuu qabaachuunsaa nurratti dhiibbaa gochuu hin qabu. Nama kanatti gaarummaa argisiisuu qabna. Namoonni hedduun yaada kana kan hin fudhanne yoo taʼaniyyuu, Yesus garuu kana ilaalchisee barumsa kenneera. Mee wanta inni jedhe waliin haa ilaallu.

Namni Yihudii halaalatti namoota kaan jibbu tokko gara Yesus dhufee, “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf taʼa?” jedhee isa gaafate. Yesus, namni kun tarii Yesus namoota qomoo ykn lammii keenya taʼanitti qofa gaarummaa argisiisuu qabna jedhee akka isaaf deebisu yaadee akka ture beeka. Kanaaf, Yesus gaaffii nama kanaa kallattiidhaan deebisuu mannaa, ‘Seerri Waaqayyoo maal godhaa jedha?’ jedhee isa gaafate.

Namichis, ‘Garaakee guutuudhaan Waaqayyokee goofticha jaallachuu qabda; namas akka ofii keetiitti jaallachuu qabda’ jedhee deebiseef. Yeroo kanatti Yesus, ‘Deebiinkee sirriidha. Wantoota kana raawwachuukee itti fufi; jireenya barabaraas ni argatta’ jedheen.

Namichi kun garuu, namoota qomoosaa hin taanetti gaarummaa argisiisuu ykn isaan jaallachuu hin barbaanne. Gorsa kana hojiirra oolchuu waan hin barbaanneef sababii dhiheessuu jalqabe. Kanaaf, ‘Nama isa kamin jaallachuu qaba?’ jedhee Yesusiin gaafate. Namni kun Yesus “Michootakee” ykn “Namoota qomookee taʼan” jedhee akka isaaf deebisu yaadee ture. Kanaan kan kaʼes, Yesus seenaa waaʼee nama Yihudiifi nama Samaariyaa tokko ibsu dubbachuudhaan gaaffii kanaaf deebii kenne. Seenaan kunis armaan gaditti ibsameera.

Namichi tokko karaa magaalaa Yerusaalemirraa gara magaalaa Yerikootti geessurra gadi buʼaa ture. Innis nama Yihudii ture. Utuu adeemaa jiruus saamtonni erga isa qabatanii booda, reebanii qarshiisaafi uffatasaa irraa saaman. Saamtonni kun garmalee isa reebanii duʼaafi jireenya gidduutti karaarratti isa gatanii baqatan.

Yeroo xinnoo boodas, lubni tokko karaa sanarra dhufe. Namicha garmalee miidhame sana bira gaʼe. Utuu si taʼee maal goota turte?— Lubni kun garuu namicharraa goree darbe. Xinnumallee achi hin dhaabanne. Namicha gargaaruufis waan tokkittii hin goone.

Achiis namni amantiisaatiif bakka guddaa kennu tokko karaa sanarra dhufe. Namni kun Lewwoota mana qulqullummaa Yerusaalemitti tajaajilan keessaa tokko ture. Innoo nama kana gargaaruuf dhaabateeraa?— Lakki hin dhaabanne. Innis akkuma luba sanaa namicharraa goree darbe.

Dhumarrattis namni Samaariyaa tokko ni dhufe. Namni kun daandii jalʼuu sanarraan yommuu dhufu sitti mulʼataa?— Namni kun yommuu achi gaʼu, namichi Yihudii sun garmalee miidhamee arge. Bara sanatti namoonni Samaariyaafi Yihudaa hedduun wal hin jaallatan turan. (Yohannis 4:9) Maarree, namichi Samaariyaa kun nama kana utuu hin gargaarin bira darbaa laata? ‘Nama Yihudii kana maaliifan gargaara? Utuu anatu miidhame taʼee, inni na gargaara turee?’ hin jenne.

Namichi Samaariyaa kun, nama akka ofiisaatti jaallata ture kan jennu maaliifi?

Namichi Samaariyaa sun, namni kun karaarra ciisee yommuu isa argu ni gaddeef. Achumatti isa dhiisee akka inni duʼu gochuu hin barbaanne. Kanaaf, harreesaa oofee namichatti goruudhaan madaasaa walʼaanuufii jalqabe. Dhadhaa ejersaafi daadhii wayinii madaasaarratti dhangalaaseef. Wantoonni kun madaansaa akka fayyu kan gargaaranidha. Achiis madaasaa carqiidhaan hidheef.

Namichi Samaariyaa kun namicha miidhame sana suuta jedhee harreesaarra kaaʼe. Achiis hanga mana itti boqotan ykn hoteela xinnoo tokko bira gaʼanitti suuta jedhanii adeeman. Achittis namni Samaariyaa kun, hoteela kireeffateefii gargaarsa isa barbaachisu godheef.

Achiis Yesus namicha wajjin haasaʼaa ture sanaan, ‘Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha saamame kana akka ofii isaatiitti jaallate sitti fakkaata? Lubicha, nama Lewwiimoo nama Samaariyaati?’ jedhee isa gaafate.—

Namichis, ‘Nama gargaarsa godheef sanatu akka ofiisaatti isa jaallate’ jedhee deebiseef. Yesusis, ‘Dhugaakee jette. Atis dhaqii, akkasuma godhi’ jedheen.—Luqaas 10:25-37.

Seenaan kun namatti hin toluu? Nama akka ofiitti jaallachuu jechuun, maal jechuu akka taʼe akka gaariitti kan ibsudha. Akka ofii keenyaatti jaallachuu kan qabnu, namoota hiriyoota keenya taʼan, namoota bifa akka keenyaa qaban ykn namoota qooqa keenya dubbatan qofa miti. Yesus, namoonni biyya kamirraayyuu yoo dhufan, biftisaanii maaliyyuu yoo taʼe ykn qooqa kamiyyuu yoo dubbatan gaarummaa akka isaanitti argisiisnu nu barsiiseera.

Yihowaanis Waaqa akkasiiti. Inni halaalatti nama hin jibbu. Yesus, ‘Abbaan keessan aduusaa warra hamootaafi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaasaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa’ jedheera. Kanaaf, nuyis akkuma Waaqayyoo namoota hundumaatti gaarummaa argisiisuu qabna.—Maatewos 5:44-48.

Nama akka ofiikeetti jaallachuu kan dandeessu akkamitti?

Nama miidhaan irra gaʼe tokko yoo argite maal goota?— Namni kun nama biyya garabiraadhaa dhufe ykn nama biftisaa sirraa adda taʼe yoo taʼehoo isa gargaartaa? Nama kana gargaaruu qabda. Nama kana gargaaruu hin dandeessu taanaan, namni guddaan akka si gargaaru gaafachuu, tariimmoo poolisii ykn barsiisaa waamuu dandeessa. Akkas gochuunkee, atis akkuma namicha Samaariyaa sanaa nama gaarii taʼuukee argisiisa.

Barsiisaa Guddichi namoota gaarii akka taanu barbaada. Namoota hunda akka gargaarru barbaada. Seenaa nama biyya Samaariyaa isa gaarii taʼe sanaa kan dubbates kanaafidha.

Namoota qomoo ykn gosa akkamiiyyuu qabaniif gaarummaa argisiisuu ilaalchisee barumsa kenname hubachuuf, Fakkeenya 19:22; Hojii Ergamootaa 10:34, 35 fi 17:26 dubbisi.