Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 39

Waaqayyo Ilmasaa Yaadateera

Waaqayyo Ilmasaa Yaadateera

YESUS yommuu michuunsaa Alaazaar duʼe booʼee ture. Yommuu Yesus dhiphateefi duʼehoo Yihowaan kan gadde sitti fakkaataa?— Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo wantoota raawwatamanitti ‘gadduu’ ykn ‘aaruu’ akka dandaʼu dubbata.—Faarfannaa 78:40, 41; Yohannis 11:35.

Yihowaan Ilmisaa inni jaallatamaan yommuu duʼu arguunsaa hangam isa gaddisiisee akka ture tilmaamuu dandeessaa?— Yesus, Waaqayyo akka isa hin irraanfanne beeka ture. Ajjeefamuusaa dura, “Yaa abbaa ko, [lubbuu] koo harka keettan kennadha!” jechuunsaa kana kan argisiisudha.—Luqaas 23:46.

Yesus akka duʼaa kaafamu, jechuunis “iddoo warra duʼanii” ykn awwaala keessatti akka hin hafne beeka ture. Erga duʼaa kaafamee booda, Phexros yaada Macaafni Qulqulluun Yesusiin ilaalchisee, “Inni iddoo warra duʼaniitti hin dhiifamne, foon isaas tortoratti hin kennamne” jedhu caqaseera. (Hojii Ergamootaa 2:31; Faarfannaa 16:10) Foon Yesus yeroo dheeraadhaaf awwaala keessa waan hin turreef, tortoree foolii gadhee hin godhanne.

Yesus, duʼee yeroo dheeraadhaaf awwaala keessa akka hin turre duuka buutotasaatti himeera. ‘Akka duʼuufi guyyaa sadaffaattimmoo duʼaa akka kaafamu’ isaanitti himeera. (Luqaas 9:22) Kanaaf, yeroo Yesus duʼaa kaʼu dinqisiifamuu hin qaban turan. Haataʼu malee, dinqisiifamanii turanii?— Mee haa ilaallu.

Barsiisaa Guddichi mukarratti fannifamee kan ajjeefame Jimaata waaree booda gara saʼaatii sagaliitti ture. Yoseef inni sooressi miseensa Yaaʼii warra Yihudootaa taʼes, dhoksaadhaan Yesusitti ni amana ture. Yoseef, Yesus duʼuusaa yommuu hubatu gara bulchaa warra Roomaa, jechuunis gara Philaaxos dhaqe. Achiis, reeffa Yesus fannoorraa buusee awwaaluuf Philaaxosiin heyyama gaafate. Sana booda, reeffa Yesus bakka awwaalaa tokkotti geesse.

Reeffichi erga awwaalamee booda, awwaalichi dhagaa guddaa tokkoon cufame. Kun erga taʼee guyyaa sadaffaa yeroo taʼu, guyyaansaas Dilbata ture. Ammayyuu aduun waan hin baaneef, lafti hin bariine. Eegdonni bakka awwaalaa sana eegaa jiru. Kana akka godhan kan isaan ergemmoo angafoota lubootaati. Maaliif akka taʼe beektaa?—

Luboonnis, Yesus duʼaa akka kaʼu dubbachuusaa dhagaʼanii turan. Kanaaf, duuka buutonnisaa reeffasaa erga hatanii booda, Yesus duʼaa kaʼeera jedhanii akka hin dubbanne waan sodaataniif eegdota achi dhaaban. Yeruma sana lafti sochoʼuu kan jalqabe siʼa taʼu, dukkana sana keessaas ifti tokko ni mulʼate. Ergamaa Yihowaa ture! Loltoonni sun baayʼee waan sodaataniif, bakkuma jiranitti goganii hafan. Ergamaan sunis gara awwaalichaa dhaqee, dhagaa itti qadaadame sana irraa gangalche. Awwaalichi duwwaa ture!

Awwaalli kun duwwaa kan taʼe maaliifi? Maaltu raawwatame?

Eeyyee, akkuma Phexros yeroo booda dubbate, ‘Waaqayyo Yesusiin duʼaa kaaseera.’ (Hojii Ergamootaa 2:32) Waaqayyo, qaama Yesus gara lafaa dhufuusaa dura qabu deebisee isaaf kennuudhaan duʼaa isa kaaseera. Qaama hafuuraa ergamoonni qaban isaaf kenne. (1 Phexros 3:18) Kanaaf, namoonni isa arguu akka dandaʼanitti, Yesus qaama foonii uffatee isaanitti mulʼachuu qaba ture. Maarree akkas godheeraa?— Mee haa ilaallu.

Amma aduun baʼaa jirti. Loltoonnis achii deemaniiru. Maariyaam isheen Magdalaafi dubartoonni bartoota Yesus taʼan kaan gara awwaalichaa dhufaa jiru. ‘Eenyutu dhagaa guddaa sana balbala awwaalichaarraa nuuf garagalcha laata?’ waliin jechaa jiru. (Maarqos 16:3) Yommuu bakka awwaalichaa gaʼan garuu dhagichi kaafameera. Awwaalichis duwwaa ture. Reeffi Yesus achi keessa hin jiru. Maariyaam isheen Magdalaa ergamoota Yesus barbaacha fiigdee deemte.

Dubartoonni kaan garuu awwaalichuma biratti hafan. ‘Reeffi Yesus eessa dhaqe laata?’ jedhanii yaadaa turan. Yeruma sana namoonni uffata calaqqisu uffatan lama isaanitti mulʼatan. Namoonni kun ergamoota Waaqayyoo turan. Ergamoonni kun dubartoota kanaan, ‘Yesusiin maaliif asii barbaaddu? Inni duʼaa kaʼeera. Ammas dafaa dhaqaa bartootasaatti himaa’ jedhaniin. Yeroo kanatti dubartoonni kun saffisa akkamiitiin akka fiigan tilmaamuu dandeessa! Utuma karaarra jiranii nama tokko argatan. Namni kun eenyu akka taʼe beektaa?—

Yesustu foon uffatee isaanitti mulʼate. Yesus dubartoota kanaan, ‘Dhaqaatii bartoota kootti himaa’ isaaniin jedhe. Dubartoonni kun baayʼee dinqisiifaman. Duuka buutotasaa argatanii, ‘Yesus lubbuudhaan jira. Nuyyuu isa argineerra’ jedhaniin. Maariyaam iddoon awwaalaa sun duwwaa taʼuusaa Phexrosiifi Yohannisitti himtee turte. Akkuma fakkii kanarratti argitu, isaanis iddoo kana ilaalaa jiru. Carqii Yesus itti kafaname erga ilaalanii booda waan dubbatan dhaban. Yesus duʼaa akka kaʼe amanuu kan barbaadan taʼus, kun dhugaa taʼuu hin dandaʼu jedhanii yaadan.

Phexrosiifi Yohaannis waaʼee maalii yaadaa jiru?

Dilbata waaree booda, Yesus duuka buutotasaa warra gara mandara Emaahus deemaa turan lamatti mulʼate. Yesus isaanii wajjin adeemaafi haasaʼaa kan ture taʼus, qaama kanaan dura isaan beekan waan hin uffanneef isa beekuu hin dandeenye. Hanga inni isaanii wajjin nyaata nyaatuttiifi kadhannaa dhiheessutti eenyummaasaa hin hubanne turan. Duuka buutonnisaa kun baayʼee dinqisiifatanii waan turaniif, ariitiidhaan kiilomeetira hedduu deemanii Yerusaalemitti deebiʼan. Tarii Yesus lubbuudhaan akka jiru Phexros akka hubatu gochuuf kan isatti mulʼate, kun erga taʼee yeroo muraasa booda taʼuu hin oolu.

Gaafa Dilbataa galgala bartoonni hedduun mana tokko keessatti wal gaʼanii turan. Balballi manichaas cufamee ture. Battaluma sanatti Yesus isaan gidduutti argame. Yeroo kanatti Barsiisaa Guddichi dhugumaan duʼaa kaʼuusaa hubatan. Namoonni kun hangam gammadanii akka turan mee yaadi!—Maatewos 28:1-15; Luqaas 24:1-49; Yohannis 19:38–20:21.

Yesus duʼaa kaʼuusaa bartootasaatti beeksisuuf, guyyoota 40f qaama addaddaa uffatee isaanitti mulʼateera. Sana booda, gara Abbaasaa isa samii dhaqe. (Hojii Ergamootaa 1:9-11) Yeruma sana bartoonnisaa Waaqayyo Yesusiin akka duʼaa kaase namoota hundatti himuu jalqaban. Luboonni kan isaan reebaniifi isaan keessaa tokko tokko kan ajjeesan taʼullee, lallabuusaanii hin dhiisne. Yoo duʼanillee, Waaqayyo akkuma Ilmasaa yaadate isaaniinis akka yaadatu beeku turan.

Yeroo duʼaa kaʼuun Yesus kabajamutti namoonni hedduun waaʼee maalii yaadu? Atoo waaʼee maalii yaadda?

Duuka buutonni Yesus namoota yeroo ammaatti argaman hedduurra baayʼee adda turan! Biyyoota tokko tokkotti, namoonni hedduun yeroo duʼaa kaʼuu Yesus ayyaaneffatan, waaʼee illeettiifi buphaa Faasikaa halluu garaagaraa dibame qofaa yaadu. Macaafni Qulqulluun garuu waaʼee Waaqayyoon tajaajiluu malee, waaʼee illeettii Faasikaas taʼe waaʼee buphaa Faasikaa hin dubbatu.

Nuyis Waaqayyo yommuu Ilmasaa duʼaa kaase wanta dinqisiisaa raawwachuusaa namootatti himuudhaan, fakkeenya bartoota Yesus hordofuu dandeenya. Namoonni akka nu ajjeesan yoo dubbatanillee, matumaa sodaachuu hin qabnu. Yoo duunellee, Yihowaan akkuma Yesusiif godhe nuunis yaadatee duʼaa nu kaasa.

Waaqayyo namoota isa tajaajilan akka yaadatuufi duʼaallee akka isaan kaasu beekuun nama hin gammachiisuu?— Kana beekuun keenya, akkamitti Waaqayyoon gammachiisuu akka dandeenyu beekuuf nu kakaasuu qaba. Waaqayyoon gammachiisuu akka dandeenyu beekta turtee?— Mee amma waaʼee kanaa haa mariʼannu.

Duʼaa kaʼuu Yesusitti amanuun, abdii keenya nuu cimsa, akkasumas amantii keenya nuu jabeessa. Mee Hojii Ergamootaa 2:22-36; 4:18-20 fi 1 Qorontos 15:3-8, 20-23 dubbisi.