Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 7

Ajajamuunkee Eegumsa Siif Argamsiisa

Ajajamuunkee Eegumsa Siif Argamsiisa

WANTA barbaaddu hunda gochuu utuu dandeessee sitti tolaa? Wantan gochuu qabu eenyuyyuu utuu natti himuu baatee jettee yeroo itti hawwite qabdaa? Mee wanta sitti dhagaʼamu utuu hin dhoksin natti himi.—

Maanguddoota dhagaʼuu kan qabdu maaliifi?

Haataʼu malee, wanti caalaatti siif wayyuu isa kamidha? Wanta barbaaddu hunda yoo raawwattemoo, abbaakeefi haadhakeetiif yoo ajajamte buʼaa gaarii waan argattu sitti fakkaata?— Waaqayyo warra keetiif ajajamuu akka qabdu waan dubbateef isaaniif ajajamuuf sababii gaʼaa qabda. Mee sababii itti ajajamuu qabnu haa ilaallu.

Umriinkee meeqa?— Umriin abbaakee meeqa akka taʼe beektaa?— Umriin haadhakee ykn akkookee ykn akaakayyuu keehoo meeqa akka taʼe beektaa?— Isaan si caalaa waggaa hedduu jiraataniiru. Namni tokko waggaa dheeraa yommuu jiraatu, wantoota hedduu barachuuf yeroo gaʼaa argata. Waggaa waggaadhaanis wantoota hedduu dhagaʼuu, arguufi raawwachuuf yeroo gaʼaa argata. Kanaaf, ijoollee xixinnoon maanguddootarraa waan hedduu barachuu dandaʼu.

Mucaa umriinsaa sii gadi taʼe beektaa?— Wanta inni ykn isheen beektu caalaa beektaa?— Isaan caalaa beekuu kan dandeesse maaliifi?— Umriinkee isaanirra waan caaluufidha. Mucaa umriinsaa sii gadi taʼe caalaa wantoota hedduu barachuuf yeroo argatteetta.

Qaamni sirras taʼe nama kamiyyuu caalaa jiraate eenyudha?— Yihowaadha. Inni sirras taʼe ana caalaa waan hedduu beeka. Ulfaataa taʼullee, wanta inni godhaa jedhe raawwachuun keenya sirrii taʼuusaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Barsiisaa Guddichillee yeroo tokko ajajamuun itti ulfaatee akka ture beektaa?—

Yeroo tokko Waaqayyo, wanta baayʼee ulfaataa taʼe akka raawwatu Yesusiin gaafatee ture. Akkuma fakkii kanarratti arginu, Yesus waaʼee dhimma kanaa, “Fedha kee yoo taʼe, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi” jedhee kadhatee ture. Yesus akkas jedhee kadhachuudhaan, fedha Yihowaa raawwachuun yeroo hundumaa salphaa akka hin taane argisiiseera. Haataʼu malee, Yesus kadhannaasaa yommuu xumuru maal akka jedhe beektaa?—

Kadhannaa Yesus dhiheesserraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

Yesus, “Akka ani jaalladhe utuu hin taʼin, akka ati jaallatte haa taʼu!” jechuudhaan kadhannaasaa xumureera. (Luqaas 22:41, 42) Eeyyee, fedhiisaa utuu hin taʼin, fedhiin Waaqayyoo akka raawwatamu barbaada ture. Wanta ofiisaatii gaariidha jedhee yaade utuu hin taʼin, wanta Waaqayyoo barbaadu raawwateera.

Kanarraa maal barachuu dandeenya?— Salphaa taʼuu baatus, yeroo hundumaa wanta Waaqayyo jedhe raawwachuun sirrii akka taʼe baranna. Barumsi argannu garabiraanis jira. Barumsi kun maal akka taʼe beektaa?— Akka namoonni tokko tokko jedhan utuu hin taʼin, Waaqayyoofi Yesus wal qixxee akka hin taane baranna. Yihowaan Ilmasaa caalaa umrii dheeraa qaba; akkasumas Yesus caalaa wantoota hedduu beeka.

Waaqayyoof yeroo ajajamnu, akka isa jaallannu argisiisaa jirra jechuudha. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha” jedha. (1 Yohannis 5:3) Kanaaf, hundi keenya Waaqayyoof ajajamuun akka nu barbaachisu hubatteetta jechuudha. Atis isaaf ajajamuu barbaadda mitii?—

Mee Macaafa Qulqulluu keenya baasnee, wanta Waaqayyo ijoolleetti dubbate haa ilaallu. Macaafni Qulqulluun Efesoon boqonnaa 6, lakkoofsa 1, 2 fi 3⁠rratti maal akka jedhe haa dubbisnu. Akkas jedha: “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha. Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’ isa jedhuu dha. Abdichis, ‘Gaarii akka siif taʼutti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!’ jedha.”

Kanaaf, haadha keetiifi abbaa keetiif ajajami kan jedhe Yihowaadha jechuudha. “Ulfina” isaaniif kennuu jechuun maal jechuudha? Akka isaan kabajdu argisiisuu qabda jechuudha. Waaqayyo, warra keetiif yoo ajajamte “gaarii akka siif taʼu” abdii kenneera.

Mee seenaa namoota ajajamuusaaniitiin badiisarraa oolan tokkoon sitti hima. Namoonni kun magaalaa guddoo Yerusaalem jedhamtu keessa jiraatu turan. Namoonni magaalattii keessa jiraatan hedduun Waaqayyoon dhaggeeffachuu waan didaniif, Waaqayyo magaalattii akka balleessu Yesus akeekkachiisee ture. Wanta sirrii taʼe yoo jaallatan garuu, akkamitti badiisa sanarraa ooluu akka dandaʼanis isaanitti himeera. Yesus, “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhiʼaate beekaa. Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan” jedheera.— Luqaas 21:20-22.

Abboommii Yesus kenneef ajajamuunsaanii namoota kana kan oolche akkamitti?

Akkuma Yesus jedhe, waraanni warra Roomaa Yerusaalemiin waraanuuf magaalattiitti marse. Sana booda garuu, loltoonni sun sababii hin beekamneen duubatti deebiʼan. Kanaan kan kaʼes namoonni hedduun balaan magaalattiirra gaʼuuf jiru sun waan hafe isaanitti fakkaatee ture. Kanaaf magaalattii keessa jiraachuusaanii itti fufan. Haataʼu malee, Yesus maal gochuu akka qaban isaanitti himee ture?— Ati yeroo sana Yerusaalem keessa utuu jiraattee maal goota turte?— Namoonni Yesusitti amanan manasaanii dhiisanii gara gaarota Yerusaalemirraa fagoo jiranitti baqataniiru.

Waggaa tokko guutuudhaaf wanti tokkoyyuu Yerusaalemirra hin geenye. Waggaa isa lammaffaattis wanti tokkoyyuu hin geenye. Waggaa isa sadaffaattis wanti raawwatame hin turre. Namoonni tokko tokko warri magaalattii dhiisanii baqatan gowwootadha jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, waraanni warra Roomaa waggaa afuraffaatti deebiʼee dhufee Yerusaalemitti marse. Amma garuu magaalattii keessaa baqachuun hin dandaʼamu. Yeroo kanatti, loltoonni sun magaalattii ni balleessan. Namoonni magaalattii keessa turan hedduun ni ajjeefaman, kaanimmoo ni boojiʼaman.

Haataʼu malee, namoonni Yesusiif abboomaman akkam taʼan?— Isaan Yerusaalemirraa fagaatanii jiraachaa waan turaniif badiisa kanarraa oolaniiru. Kanaaf miidhaan isaanirra hin geenye. Ajajamuunsaanii isaan eegeera.

Atoo abboomamuunkee eegumsa kan siif argamsiisu sitti fakkaataa?— Warrikee matumaa karaarratti ykn bishaan keessatti akka hin taphanne sitti himu taʼa. Akkas kan siin jedhan maaliifi?— Konkolaataan akka si hin rukunneef ykn bishaan akka si hin nyaanneef jedhanii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee gaaf tokko akkas jettee yaadda taʼa: ‘Amma konkolaataan tokkoyyuu karaarra hin jiru. Balaan narra hin gaʼu. Ijoolleen garabiraan karaarra ykn bishaan keessatti taphachaa jiru, yeroo balaan isaanirra gaʼu garuu argee hin beeku.’

Balaa tokko arguu yoo baatteyyuu ajajamuu kan qabdu maaliifi?

Namoonni Yerusaalem keessa turan hedduunis akkasuma jedhanii yaadanii turan. Waraanni warra Roomaa duubatti waan deebiʼeef, haalli gaariin waan jiru isaanitti fakkaatee ture. Warri kaan magaalattii keessa waan jiraataniif, isaanis achuma jiraachuusaanii itti fufan. Akeekkachiisni isaaniif kennamuyyuu, isaan garuu hin dhageenye. Kanaan kan kaʼes lubbuusaanii dhabaniiru.

Mee fakkeenya gara biraa haa ilaallu. Kibriitiidhaan taphatee beektaa?— Kibriitii qabsiisuun tapha sitti fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, kibriitiidhaan taphachuun balaa geessisuu dandaʼa. Balaan sun mana tokko barbadeessuurra darbee, siinis ajjeesuu dandaʼa!

Darbee darbee qofa ajajamuun gaʼaa akka hin taane yaadadhu. Yeroo hundumaa ajajamuunkee eegumsa siif argamsiisa. “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!” kan jedhe eenyudha?— Waaqayyodha. Kana kan jedhes, waan si jaallatuuf akka taʼe yaadadhu.

Caqasawwan ajajamuun barbaachisaa taʼuusaa argisiisan kana dubbisi: Fakkeenya 23:22; Lallaba 12:13; Isaayaas 48:17, 18 fi Qolosaayis 3:20.