Lallaba 12:1-14

  • Barri dullumaa dhufuu isaa dura Uumaa kee yaadadhu (1-8)

  • Xumura sassaabdichi irra gaʼe (9-14)

    • Jechoonni ogeeyyii akkuma arfii qotiyyoo ti (11)

    • Waaqa dhugaa sodaadhu (13)

12  Guyyoonni dhiphinaa* dhufuu isaanii dura,+ waggoonni, “Na hin gammachiisan” itti jettu gaʼuu isaanii dura, bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu;+  aduun, ifni, addeessii fi urjiileen dukkanaaʼuu isaanii dura,+ akkasumas duumessoonni bokkaan erga roobee booda* deebiʼanii dhufuu isaanii dura Uumaa kee yaadadhu;  guyyaa sanatti eegdonni mana eegan ni hollatu, dhiironni jajjaboon ni goophatu, muraasa taʼuu isaaniitiin kan kaʼe dubartoonni midhaan daakuu ni dhiisu, akkasumas giiftiiwwan karaa foddaa ilaalan isaanitti dukkanaaʼa;+  guyyaa sanatti balbaloonni gara daandiitti geessan ni cufamu, sagaleen dhagaa daakuu ni xiqqaata, namni sagalee simbiraatiin ni dammaqa, akkasumas sagaleen sirba ijoollee durbaa ni dadhaba.+  Kana malees, namni tabba ni sodaata, balaan daandii irratti uumamus isa yaaddessa. Mukti almoondii ni daraara,+ kuruphisni ni tirata, akkasumas fedhiin nyaataa* ni bada; namnis gara mana isaa isa yeroo dheeraadhaaf itti turutti ni qajeela,+ warri gaddanis daandii irra asii fi achi deemu;+  wadaroon meetii ciccituu isaa dura, saaniin warqii caccabuu isaa dura, hubboon* burqaa bira jiru cabuu isaa dura, geengoon bishaan boollaa ittiin waraabanis caccabuu isaa dura Uumaa kee yaadadhu.  Achiis biyyoon gara lafaatti,+ bakkuma duraan turetti deebiʼa; hafuurris* gara Waaqa dhugaa isa hafuuricha namootaaf kennetti deebiʼa.+  Sassaabdichi+ akkana jedha: “Homaa gatii hin qabu! Wanti hundi gatii hin qabu.”+  Sassaabdichi ogeessa taʼuu qofa utuu hin taʼin, wanta beekus utuu wal irraa hin kutin namoota barsiiseera;+ kana malees, fakkeenyota hedduu walitti qabuuf* irratti yaadeera, qorannaa guddaas godheera.+ 10  Sassaabdichi jechoota nama gammachiisan+ argachuu fi jechoota dhugaa sirriitti galmeessuuf carraaqqii godheera. 11  Jechoonni namoota ogeeyyii akkuma arfii* qotiyyoo ti;+ dubbiiwwan isaanii warri walitti qabamanis akkuma mismaara cimee cinqaarfamee ti; isaan tiksee tokko irraa kan argamani dha. 12  Yaa ilma koo, akeekkachiisa kanas hubadhu: Kitaabota hedduu qopheessuun dhuma hin qabu; isaan qoʼachuuf akka malee carraaqqii gochuunis nama* butucha.+ 13  Xumurri wanta dhagaʼame hundumaa kana dha: Waaqa dhugaa sodaadhu,+ ajajawwan isaas eegi;+ kun guutummaa dirqama namaa ti.+ 14  Sababiin isaas, Waaqni dhugaan gaariis taʼe hamaa wanta dhokate hundumaa dabalatee, gocha hundumaa irratti murtii ni kenna.+

Miiljaleewwan

Ykn., “rakkinaa.”
Ykn tarii, “bokkaa wajjin.”
Kallattiidhaan akaakuu goraa fedhii nyaataa kakaasuuf tajaajilu argisiisa.
Ykn., “okkoteen.”
Ykn., “humni jireenyaas.”
Ykn., “tartiibaan kaaʼuuf.”
Kal., “foon.”