Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 42

Hojii Hojjechuu kan Qabnu Maaliifi?

Hojii Hojjechuu kan Qabnu Maaliifi?

HOJII hojjechuumoo taphachuutu caalaatti si gammachiisa?— Taphachuun dogoggora akka hin taane beekamaadha. Macaafni Qulqulluun waaʼee Yerusaalem yeroo dubbatu, “Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa karaa irra guutanii mandaricha keessa in taphatu” jedha.—Zakaariyaas 8:5.

Barsiisaa Guddichi ijoolleen yommuu taphatan ilaaluudhaan ni gammada ture. Gara lafaa dhufuusaa dura, ‘Ani yommus hojjetaa isa guddaan ture.’ [NW] “Yeroo hundumaa fuula isaa duratti . . . nan gammadan ture” jedheera. Yesus samiirratti Yihowaa wajjin hojjechaa akka ture qalbeeffadhu. Yommuu achi turetti, “Nama hundumaattis nan gammadan ture” jedheera. Eeyyee, akkuma kanaan dura baranne, Barsiisaa Guddichi ijoollee xixinnoo dabalatee namoota hunda garaadhaa ni jaallata ture.—Fakkeenya 8:30, 31.

Barsiisaa Guddichi gara lafaa dhufuusaa dura maalitti gammada ture?

Yesus ijoollummaasaatti kan taphate sitti fakkaataa?— Tarii taphatee taʼuu dandaʼa. Samiirratti “hojjetaa isa guddaa” erga taʼee, lafarrattoo hojii hojjeteeraa?— Yesus, “ilma isa muka sooftichaa” jedhamee ture. Haataʼu malee, innumtiyyuu “muka soofticha” jedhameera. Kun maal nu hubachiisa?— Yoseef inni akka ilmasaatti Yesusiin guddise, hojii kana akka isa barsiise hin shakkisiisu. Yesusis muka sooftuu kan taʼe kanaafidha.—Maatewos 13:55; Maarqos 6:3.

Yesus muka sooftuu akkamii ture?— “Hojjetaa isa guddaa” jedhamuunsaa, hojiisaa isa samii ogummaa guddaadhaan akka raawwate argisiisa. Kanaaf, lafarrattis muka sooftuu ogummaa guddaa qabu kan ture sitti hin fakkaatuu?— Yeroo sanatti muka sooftuu taʼuun, hangam ulfaataa akka ture mee yaadi. Yesus tarii gara bosonaa dhaqee muka muree erga quqqurxee booda, baatee gara manaa fiduudhaan mukicharraa minjaala, barcumaafi wantoota kaan hojjetee taʼuu dandaʼa.

Yesus hojii kana hojjechuunsaa kan isa gammachiise sitti fakkaataa?— Minjaala, barcumaafi wantoota gara garaa namootaaf hojjechuu utuu dandeessee hin gammadduu?— Macaafni Qulqulluun namni tokko, ‘wanta itti dadhabetti gammaduunsaa’ gaarii akka taʼe dubbata. Hojiin, gammachuu tapharraa argamuu hin dandeenye siif argamsiisa.—Lallaba 3:22.

Hojiin, sammuu keenyaafis taʼe qaama keenyaaf baʼeessadha. Ijoolleen hedduun taaʼanii hiriyootasaanii wajjin haasaʼuufi taphachuudhaan yeroosaanii dabarsu. Ijoolleen akkasii dhibaaʼoofi mata jabeeyyii taʼu; akkasumas gammachuu hin qabaatan. Warra kaaniifis gammachuu hin argamsiisan. Gammachuu argachuuf maal gochuutu nu barbaachisaree?—

Boqonnaa 17ffaa kitaaba kanaarratti, warra kaaniif kennuufi namoota gargaaruun gammachuu akka namaaf argamsiisu baranneerra. (Hojii Ergamootaa 20:35) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan “Waaqa gammadaa” akka taʼe dubbata. (1 Ximotewos 1:11, NW) Yesus, “yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa” akka ture Macaafa Fakkeenyaarraa dubbisneerra. Yesus kan gammade maaliif ture?— “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” jechuudhaan sababii itti gammade tokko ibseera.—Yohannis 5:17.

Yesus yommuu lafarra ture, umriisaa guutuu muka sooftuu taʼee hin dabarsine. Yihowaan, lafarratti hojii adda taʼe tokko isaaf kenneera. Hojiin kun maal akka taʼe beektaa?— Yesus, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luqaas 4:43) Yeroo tokko tokko yommuu Yesus lallabu, akkuma dubartiin Samaariyaa asirratti argitu kun goote, namoonni isatti ni amanu, akkasumas wanta inni dubbate warra kaanitti ni himu turan.—Yohannis 4:7-15, 27-30.

Yesus yommuu lafarra ture hojiiwwan akkamii lama hojjete?

Yesus hojii kana hojjechuusaatti maaltu itti dhagaʼama ture? Hojicha hojjechuu ni barbaada turee?— “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jedheera. (Yohannis 4:34) Nyaata jaallattu tokko nyaachuun hammam sitti tola?— Yaanni kun, Yesus hojii Waaqayyo isaaf kenne hangam akka jaallatu hubachuuf si gargaara.

Waaqayyo hojii barachuun akka nu gammachiisu godhee nu uume. Waaqayyo, namni tokko ‘wanta itti dadhabetti akka gammadu’ godhee akka isa uume dubbateera. Kanaaf, ijoollummaa keetti hojii yoo barte, jireenyakee guutuu gammachuu guddaa argatta.—Lallaba 5:19.

Kana jechuun, mucaan tokko hojii namni guddaan hojjetu hojjechuu dandaʼa jechuu miti; taʼus, hundi keenya hojiiwwan tokko tokko hojjechuu dandeenya. Warrikee, qarshii maatiin keessan nyaataafi mana jireenyaa akka qabaatu gargaaru argachuuf guyyaa guyyaadhaan gara hojii dhaqu taʼa. Akkuma beektuttimmoo, mana qulqulleessuufi akka gaariitti qabuun hojii hedduu gaafata.

Hojii maatiikee hunda fayyadu akkamii hojjechuu dandeessa?— Miʼa nyaataa dhidhiheessuu, miʼa dhiquu, kosii gatuu, bakka ciisichaakee qulqulleessuufi wantoota itti taphattu karaarraa kakaasuudhaan isaan gargaaruu dandeessa. Tarii hojiiwwan kana keessaa tokko tokko ni hojjetta taʼa. Hojiin kun maatiikee ni fayyada.

Meeshaawwan itti taphatte karaarraa kaasuunkee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Mee hojiin akkasii faayidaa akkamii akka qabu haa ilaallu. Meeshaawwan itti taphatte karaarraa kaafamuu qabu. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliif sitti fakkaata?— Manichi qulqulluu akka taʼuufi balaan akka hin geenye gargaara. Meeshaawwan kana karaarraa hin kakaastu taanaan garuu, tarii gaaf tokko haatikee miʼa hedduu harkatti qabattee yeroo dhuftu irra ejjechuu dandeessi. Achiis gufattee kufuudhaan miidhamuu dandeessi. Kanaan kan kaʼes mana yaalaa dhaquun ishee barbaachisuu dandaʼa. Kun wanta baayʼee nama gaddisiisu mitii?— Kanaafuu, meeshaawwan itti taphatte karaarraa yoo kaaste, hundi keessan ni fayyadamtu jechuudha.

Hojiin ijoolleen hojjechuu qaban garabiraanis jira. Fakkeenyaaf hojii mana barumsaa hojjechuu qabu. Mana barumsaatti dubbisuu ni baratta. Ijoollee tokko tokkoof dubbisuun salphaadha; ijoollee tokko tokkottimmoo ni ulfaata. Dubbisuun jalqabarratti ulfaataa fakkaatuyyuu, akka gaariitti dubbisuu yommuu dandeessu ni gammadda. Yommuu dubbisuu barattu, wantoota nama gammachiisan hedduu hubatta. Kitaaba Waaqayyoo kan taʼe Macaafa Qulqulluullee dubbisuu dandeessa. Maarree, akka gaariitti hojii mana barumsaa hojjechuunkee faayidaa guddaa qaba mitii?—

Namoonni hojii hin jaallanne tokko tokko jiru. Tarii atis nama akkasii beekta taʼa. Haataʼu malee, Waaqayyo hojii akka hojjennu godhee waan nu uumeef, hojiitti gammaduu barachuu qabna. Barsiisaa Guddichi hojiisaa hammam jaallata ture?— Hojiisaa akkuma nyaata jaallatu tokkootti ilaala ture. Asirratti Yesus waaʼee hojii akkamii dubbachaa ture?— Waaʼee Yihowaafi akkamitti jireenya barabaraa argachuu akka dandaʼan namootatti himaa ture.

Yaadawwan hojii keenyatti akka gammannu nu gargaaran armaan gaditti ibsamaniiru. ‘Hojiin kun hojjetamuu kan qabu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. Barbaachisummaa hojii tokkoo yoo hubatte, hojii sana hojjechuun salphaa sii taʼa. Hojichi guddaa taʼes taʼuu baates, akka gaariitti hojjedhu. Kana yoo goote, akkuma Barsiisaa Guddichaa hojii keetti gammaduu dandeessa.

Macaafni Qulqulluun namni tokko cimee akka hojjetu isa gargaaruu dandaʼa. Yaada Fakkeenya 10:4; 22:29; Lallaba 3:12, 13 fi Qolosaayis 3:23⁠rratti ibsame dubbisi.