Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 43

Obboloonni Keenya Eenyufaʼi?

Obboloonni Keenya Eenyufaʼi?

YEROO tokko Barsiisaa Guddichi gaaffii nama ajaaʼibsiisu tokko gaafatee ture. Gaaffichi, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufaʼi?” kan jedhu ture. (Maatewos 12:48) Ati gaaffii kana deebisuu dandeessaa?— Tarii maqaan haadha Yesus Maariyaam akka taʼe beekta taʼa. Maqaa obbolootasaa garuu beektaa?— Obboleettotahoo qaba turee?—

Macaafni Qulqulluun maqaan obboloota Yesus “Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihudaa” akka taʼe dubbata. Yesus obboleettotas kan qabu yommuu taʼu, yeroo inni lallabaa turetti lubbuudhaan jiru turan. Yesus ilma angafaa waan taʼef, hundisaanii quxisuusaati.—Maatewos 13:55, 56; Luqaas 1:34, 35.

Obboloonnisaa bartootasaa turanii?— Macaafni Qulqulluun obboloonnisaa, jalqabarratti akka “isatti hin amanne” dubbata. (Yohannis 7:5) Yeroo booda garuu, Yaaqoobiifi Yihudaan bartootasaa kan taʼan siʼa taʼu, kitaabota Macaafa Qulqulluus barreessaniiru. Macaafota kamfaa akka barreessan beektaa?— Eeyyee, macaafa Yaaqoobiifi macaafa Yihudaati.

Maqaan obboleettota Yesus Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamuu baatus, yoo xinnaate obboleettota lama akka qabu beekna. Tarii lamaa olis taʼuu dandaʼu. Isaanoo duuka buutotasaa turanii?— Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa waan hin ibsineef, hin beeknu. Haataʼu malee Yesus, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufaʼi?” jedhee kan gaafate maaliif akka taʼe beektaa?— Mee waaʼee kanaa haa ilaallu.

Yesus utuu duuka buutotasaa barsiisaa jiruu namni tokko dubbiisaa gargar kutee, “Haati kee fi obboloonni kee ala dhaabatanii jiru, sii wajjin dubbachuu barbaadu” jedheen. Kanaaf, Yesus carraa kanatti fayyadamee, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufaʼi?” jedhee gaafachuudhaan, barumsa barbaachisaa tokko isaan barsiisuu barbaade. Achiis harkasaa gara bartootasaatti qabee, “Kunoo ti haati koo, obboloonni koos!” jechuudhaan deebii kenne.

Achiis Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa kan godhu eenyu iyyuu, obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis” jechuudhaan maal jechuusaa akka taʼe ifa godheera. (Maatewos 12:47-50) Kun, Yesus duuka buutotasaa hangam akka jaallatu argisiisa. Duuka buutonnisaa obboloota, obboleettotaafi haadhotasaa warra dhugaa akka taʼan barsiisuusaa ture.

Yesus obboloonnisaa eenyufaa akka taʼan dubbate?

Yeroo sanatti obboloonnisaa Yaaqoob, Yoseef, Simooniifi Yihudaan, Yesus Ilma Waaqayyoo taʼuusaa hin amanan turan. Wanta Gabriʼel ergamaan haadhasaaniitti hime hin amanne jechuudha. (Luqaas 1:30-33) Kanaaf, Yesusitti hammaatanii taʼuu dandaʼa. Namni akkasii obboleessa ykn obboleettii dhugaa namaaf taʼuu hin dandaʼu. Nama obboleessasaatti ykn obboleettiisaatti hammaate garabiraa beektaa?—

Macaafni Qulqulluun waaʼee Esaawuufi Yaaqoob kan dubbatu siʼa taʼu, Esaawuu obboleessasaatti aaree, “Ani Yaaqoobin obboleessa koo nan ajjeesa” akka jedhe nutti hima. Haatisaanii Ribqaan baayʼee waan sodaatteef, Esaawuu akka isa hin ajjeesne Yaaqoobiin gara biyya biraatti ergite. (Uumama 27:41-46) Haataʼu malee, waggoota hedduu booda amalli Esaawuu waan jijjiirameef, Yaaqoobiin hammatee dhungateera.—Uumama 33:4.

Yeroo booda Yaaqoob ilmaan 12 dhalche. Ilmaan Yaaqoob warri angafaa garuu Yoseef isa quxisuusaanii taʼe ni jibban. Abbaansaanii Yoseefiin baayʼee waan jaallatuuf isatti hinaafu turan. Kanaaf, daldaltoota garbaa gara biyya Gibxii dhaqaa turanitti isa gurguran. Achiis, Yoseefiin bineensatu nyaate jedhanii abbaasaaniitti himan. (Uumama 37:23-36) Kun nama hin gaddisiisuu?—

Yeroo booda obboloonnisaa wanta godhanitti waan gaddaniif, Yoseef dhiifama isaanii godheera. Amalli Yoseefiifi amalli Yesus akka wal fakkaatu beektaa?— Yeroo Yesus rakkina keessa galetti, ergamoonnisaa isa dhiisanii kan baqatan siʼa taʼu, Phexrosimmoo isa beekuusaayyuu ganee ture. Haataʼu malee, innis akkuma Yoseef hundasaaniitiif dhiifama godheera.

Wanta Qaayin Abeelirratti raawwaterraa maal baranna?

Obbolaan Qaayiniifi Abeel jedhaman garabiraanis jiru turan. Isaanirraas barumsa argachuu dandeenya. Waaqayyo Qaayin obboleessasaa akka hin jaallanne waan hubateef, amalasaa akka sirreessu itti hime. Qaayin dhuguma Waaqayyoon kan jaallata utuu taʼee, wanta jedhame hojiirra oolcha ture. Garuu inni Waaqayyoon hin jaallatu ture. Gaaf tokko Qaayin Abeeliin, ‘Kottu gara bakkeetti baana’ jedheen. Abeelis Qaayinii wajjin deeme. Kophaasaanii bakkee keessa utuu jiranii, Qaayin obboleessasaa garmalee rukutee ajjeese.—Uumama 4:2-8.

Macaafni Qulqulluun kanarraa barumsa adda taʼe tokko akka argannu nutti hima. Barumsi kun maal akka taʼe beektaa?— Dubbiin Waaqayyoo, ‘Kun ergaa jalqabarratti dhageessanidha. Wal jaallachuu qabna malee, akka Qaayin isa kan isa hamaa taʼe sanaa taʼuu hin qabnu’ jedha. Kanaaf, obboloonni wal jaallachuu qabu malee, akka Qaayin taʼuu hin qaban.—1 Yohannis 3:11, 12.

Akka Qaayin taʼuun gadhee kan taʼe maaliifi?— Macaafni Qulqulluun Qaayin Seexana ‘isa hamaa biraa akka dhufe’ waan dubbatuufidha. Qaayin hojii Seexanaa waan hojjeteef, Seexanni abbaasaa akka taʼetti ibsameera.

Obbolootakee jaallachuun maaliif barbaachisaa akka taʼe hubattee?— Yoo isaan jaallachuu baatte, fakkeenya ijoollee eenyuu hordofaa jirta jechuudha?— Fakkeenya ilmaan Seexanaa hordofta jechuudha. Atimmoo nama akkasii taʼuu hin barbaaddu mitii?— Mucaa Waaqayyoo taʼuukee argisiisuu kan dandeessu akkamittiree?— Obbolootakee garaadhaa jaallachuudhaani.

Garuu jaalalli maalidha?— Jaalalli, miira warra kaaniif wanta gaarii gochuuf fedhii akka qabaannu nu kakaasudha. Namoota kaaniif miira gaarii qabaachuufi wanta gaarii isaaniif gochuudhaan akka isaan jaallannu argisiisna. Ofii, obboloonni keenya warri jaallachuu qabnu eenyu faʼi?— Yesus, Kiristiyaanota addunyaa maratti argaman taʼuusaanii akka nu barsiise yaadadhu.

Obboleessakee akka jaallattu akkamitti argisiisuu dandeessa?

Obboloota keenya jaallachuun hammam barbaachisaadha?— Macaafni Qulqulluun, “Obboleessa isaa [ykn obboleettii isaa] isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin dandaʼu” jedha. (1 Yohannis 4:20) Kanaaf, Kiristiyaanota muraasa qofa utuu hin taʼin, hundasaanii jaallachuu qabna. Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:35) Obboloota hunda ni jaallattaa?— Hin jaallattu taanaan, Waaqayyoon nan jaalladha jechuu akka hin dandeenye yaadadhu.

Obboloota keenya akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya?— Dhugumaan kan isaan jaallannu yoo taʼe, isaan dubbisuu jibbuudhaan irraa hin fagaannu. Kanaa mannaa, hundasaaniitiif jaalala qabaanna. Yeroo hunda wanta gaarii isaanii goona, akkasumas waan qabnu isaaniif hirra. Rakkinni yoo isaanirra gaʼemmoo, maatii tokko waan taaneef isaan gargaarra.

Obboloota keenya hunda jaallachuun keenya maal argisiisa?— Bartoota Barsiisaa Guddichaa taʼuu keenya argisiisa. Wanti taʼuu barbaannus kanuma mitii?—

Obboloota keenya jaallachuu akka qabnu, Galaatiyaa 6:10 fi 1 Yohannis 4:8, 21⁠rrattis ibsameera. Macaafa Qulqulluukee baasii caqasoota kana dubbisi.