Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaarummaa Argisiisuun—Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa Qaba

Gaarummaa Argisiisuun—Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa Qaba

DARGAGGEESSI biyya Jaappaan jiraatu tokko gaarummaa maanguddoon tokko itti argisiiseen baayʼee tuqamee ture. Maanguddoon misiyoonii taʼe kun, biyya ardii Eeshiyaatti argamtu kana keessa waggoota hedduudhaaf waan hin jiraanneef afaan Jaappaan akka gaariitti dubbachuu hin dandaʼu. Taʼus, Macaafa Qulqulluu waliin mariʼachuuf torban torbaniin gara mana dargaggeessa kanaa dhaqa ture. Gaaffii hedduu dargaggeessi kun hawwii guddaadhaan gaafatuuf, fuula ifaa, gaarummaafi obsaan deebii kenna ture.

Dargaggeessi kun gaarummaa maanguddoon misiyoonii taʼe sun itti argisiise yoomiyyuu hin irraanfatu. Dargaggeessichi, ‘Macaafni Qulqulluun namni tokko gaarummaafi jaalala guddaa akka argisiisu kan godhu erga taʼee macaafa kana qayyabachuun qaba’ jedhee yaade. Kunimmoo matumaa wanta kanaan dura hin beekne barachuuf fedhii akka qabaatu isa godheera. Eeyyee, gaarummaan garaa namaa tuqa; yeroo baayʼee wanta dubbannu caalaas humna qaba.

Amala Akka Bifa Waaqayyootti Uumamuu Keenyaan Arganne

Gaarummaa jechuun jaalala walitti dhihaachuurraa maddu jechuu waan taʼeef, namoota caalaatti nutti dhihaatanitti gaarummaa argisiisuun waanuma jirudha. * Haataʼu malee, gaarummaan amala fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan argisiifamudha. Yesus, Abbaansaa inni samii warra isa jaallataniif qofa utuu hin taʼin “warra galata hin qabne[ttis]” gaarummaa akka argisiisu dubbateera. Yesus gama kanaan duuka buutonnisaa Waaqayyoon akka fakkaatan, “Abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma taʼe, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa!” jechuudhaan gorseera.​—⁠Luqaas 6:35; Maatewos 5:48; Baʼuu 34:6.

Ilmaan namootaa akka bifa Waaqayyootti waan uumamaniif gaarummaa argisiisuu dandaʼu. (Uumama 1:27) Eeyyee, Waaqayyoon fakkaachuudhaan namoota hin beeknettis gaarummaa argisiisuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, gaarummaan kutaa ija hojii hafuuraa taʼuusaa ibsa. (Galaatiyaa 5:22) Kanaaf, namni tokko waaʼee Waaqayyoo barachuudhaan caalaatti yommuu isatti dhihaatu caalaatti amala kana horachuu dandaʼa.

Gaarummaan amala uumamumaan qabnu qofa utuu hin taʼin, hunda caalaa amala Waaqayyoo waan taʼeef, ‘walitti kan tollu’ ykn gaarummaa kan walitti argisiisnu akka taanu nu gorsuunsaa sirriidha. (Efesoon 4:32) “Keessummoota simuu,” jechuunis gaarummaa itti argisiisuu akka hin dagannes gorfamneerra.​—⁠Ibroota 13:2.

Haataʼu malee, biyya lafaa yeroo harʼaa gaarummaafi galateeffannaa hin qabne keessatti namoota kaanitti, keessumammoo namoota hin beeknetti gaarummaa argisiisuun ni dandaʼamaa? Kana gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Dhimmi kun nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?

Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa Qaba

Phaawulos ergamaan waaʼee namoota kaanitti gaarummaa argisiisuu erga dubbatee booda, “Karaa kanaa namoonni utuu hin beekin ergamoota Waaqayyoo simataniiru” jedheera. Ergamoota Waaqayyoo keessumsiisuuf utuu carraa argattee maaltu sitti dhagaʼama? Haataʼu malee, Phaawulos kana dubbachuusaa dura yaada “utuu hin beekin” jedhu caqaseera. Yaanni Phaawulos kun kallattii garabiraatiin, namoota hin beekne dabalatee warra kaanitti gaarummaa argisiisuu amaleeffanneerra taanaan karaa hin eegneen eebba argachuu akka dandeenyu argisiisa.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran qaban hedduun, jechoota Phaawulos kana biratti seenaa Abrahaamiifi Loox isa Macaafa Uumamaa boqonnaa 18⁠fi 19⁠rra jiru caqasu. Seenaa lamaanirrattuu, ergamoonni Waaqayyoo ergaa cimaa qabatanii akka keessummaatti garasaanii akka dhufan dubbisna. Ergaan Abrahaamiin ilaalchisee dubbatame, waadaa Waaqayyo ilma akka kennuuf dubbate raawwatamuu wajjin kan wal qabate siʼa taʼu, kan Looximmoo badiisa magaalaa Sodoomiifi Gomoraarra gaʼu kan ilaallatu ture.​—⁠Uumama 18:1-10; 19:1-3, 15-17.

Caqasoota olii yoo dubbiste, Abrahaamiifi Loox namoota hin beeknetti gaarummaa akka argisiisan hubatta. Bara durii michootaafi firoota qofa utuu hin taʼin, namoota hin beekne dabalatee karadeemtota keessumsiisuun akka aadaafi dirqamaatti ilaalamaa ture. Seerri Musee, Israaʼeloonni namoota lammii Israaʼel hin taaneefi biyyicha keessa jiraataniif akka yaadan ajaja ture. (Keessa Deebii 10:17-19) Keessummaa simachuun baramaa taʼuyyuu, Abrahaamiifi Loox wanta seerri yeroo booda kenname ajajurra darbanii kan raawwatan fakkaata. Keessummootatti gaarummaa argisiisuuf carraaqqii guddaa kan godhan siʼa taʼu, kunis eebba isaaniif argamsiiseera.

Abrahaam gaarummaa argisiiseen ilma godhachuunsaa isaaf qofa utuu hin taʼin, nuufis eebba argamsiiseera. Karaa kamiin? Abrahaamiifi ilmisaa Yisihaq kaayyoo Waaqayyoo raawwachuurratti gaʼee guddaa taphataniiru. Hidda dhalootaa Yesus isa Masiihii taʼe argamsiisuurratti iddoo guddaa qabu turan. Kana malees, amanamummaan isaan argisiisan, qophii Waaqayyo jaalalaafi gaarummaasaatiin kakaʼee ilmaan namootaa fayyisuuf godheef gaaddidduu taʼee tajaajileera.​—⁠Uumama 22:1-18; Maatewos 1:1, 2; Yohannis 3:16.

Seenaawwan kun, Waaqayyo namoota jaallaturraa maal akka barbaadu, akkasumas gaarummaa argisiisuuf bakka guddaa akka kennu akka gaariitti kan ibsanidha. Waaqayyo amala kanaaf bakka guddaa waan kennuuf, gaarummaa argisiisuun filannaadhaaf kan dhiifame miti.

Gaarummaa Argisiisuun Caalaatti Waaqayyoon Beekuuf Nu Gargaara

Macaafni Qulqulluun, yeroo harʼaa namoonni hedduun ‘galata kan hin qabne, wanta qulqullaaʼaadhaan kan mormaniifi warra jaalala of keessaa hin qabne’ akka taʼan dubbata. (2 Ximotewos 3:1-3) Yeroo hunda namoonni akkasii akka si mudatan hin shakkisiisu. Taʼus, kun namootatti gaarummaa akka hin argisiisne sababa hin taʼu. Kiristiyaanotaaf gorsi, “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa taʼe yaadatti qabadhaa!” jedhu kennameera.​—⁠Roomaa 12:17.

Namoota kaanitti gaarummaa argisiisuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Macaafni Qulqulluun, ‘Namni jaalala argisiisu hundinuu Waaqayyoon akka beeku’ kan dubbatu siʼa taʼu, karaan itti jaalala argisiisnu tokkommoo namootatti gaarummaa argisiisuudha. (1 Yohannis 4:7; 1 Qorontos 13:4) Eeyyee, namoota hundumaatti gaarummaa argisiisuudhaan caalaatti Waaqayyoon beekuu kan dandeenyu siʼa taʼu, kunimmoo gammachuu nuuf argamsiisa. Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti, “Namoonni gaarummaa argisiisan gammadoodha; gaarummaa ni argatu. Garaansaanii qulqulluu kan taʼe gammadoodha; Waaqayyoon ni argu” jedheera.​—⁠Maatewos 5:7, 8, Yaangis Liitraal Tiraansileeshin.

Maal dubbachuu ykn maal gochuu akka qabdu yeroo wallaaltutti wanta gaarummaa argisiisu dubbadhu ykn godhi

Dubartii dargaggeettii Akii jedhamtu ishee biyya Jaappaan jiraattuufi ijoollee dhiiraa lama qabdu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Haadhashee akka tasaa duʼaan erga dhabdee booda dhibee dhiphina sammuu cimaa taʼeen qabamte. Yeroo tokko tokko dhiphinnishee kun garmalee waan itti hammaatuuf, ogeessa fayyaa mariisisuun ishee barbaachisa ture. Yeroo booda maatiin tokko naannooshee jiraachuu jalqaban. Abbaansaanii dhiheenyatti balaadhaan waan duʼeef, haadhattiin kophaashee ijoollee xixinnoo shan guddisti turte. Akiin haalli maatii kanaa baayʼee waan ishee gaddisiiseef isaanitti michoomuuf carraaqqii gochuu jalqabde. Nyaata, uffata ijoollee sanaaf barbaachisuufi wantoota garabiraa isaanii kennuudhaan maatii kana gargaaruuf waan isheedhaaf dandaʼame hunda gochuunshee miirashee tasgabbeessuuf ishee gargaareera. Kana gochuusheetiin yaadni Macaafa Qulqulluu, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhu dhugaa taʼuusaa hubatteetti. (Hojii Ergamootaa 20:35) Eeyyee, yommuu dhiphinni si mudatu warra kaanitti gaarummaa argisiisuunkee faayidaa guddaa siif argamsiisuu dandaʼa.

“Waaqayyoof Liqeessuu”

Warra kaanitti gaarummaa argisiisuun, “Waaqayyoof liqeessuu” akka taʼetti ilaalama

Gaarummaa argisiisuun dirqama baasii hedduu gochuu kan gaafatu miti. Kana gochuun dandeettii keerratti ykn cimina qaamaa keerratti kan hundaaʼes miti. Seequu, jecha gara laafina argisiisu dubbachuu, deggersa barbaachisu gochuu, kennaa xinnoo itti yaadamee qopheeffame kennuu ykn dabaree eeggachaa jirra yoo taʼe nama kaan dursuunillee ergaa cimaa dabarsuu dandaʼa. Maal dubbachuun ykn maal gochuun sirrii akka taʼe yeroo wallaaltuttillee wanta gaarummaa argisiisu dubbadhu ykn godhi. Dargaggeessi seensarratti caqasame, maanguddoon misiyoonii taʼe afaanicha akka gaariitti kan hin beekne taʼus, gaarummaan inni itti argisiise baayʼee garaasaa tuqeera. Dhugumayyuu, ulaagaa Waaqayyo tajaajiltootasaarraa eegu keessaa tokko “gaarummaa jaallachuu” taʼuunsaa nama hin dinqisiisu!​—⁠Miikiyaas 6:8.

Mammaaksi Baha Fagoo tokko, ‘Jechi gaarummaadhaan dubbatame tokko qorra gannaa jiʼa sadii nama irraanfachiisa’ jedha. Mammaaksi kun gaarummaa xinnoo argisiisuun faayidaa guddaa akka qabu ibsa. Kakaʼumsa sirrii taʼeen, keessumaa jaalala Waaqayyoof qabnuun kakaanee gaarummaa argisiisuun, garaan keenyas taʼe kan warra gaarummaa itti argisiisnuu gammachuudhaan akka guutamu godha. Namoonni ati gaarummaa itti argisiiste si galateeffachuu dhiisanillee, wanti ati goote gatii akka hin qabne sitti dhagaʼamuu hin qabu. Gochikee kun Waaqayyo duratti iddoo guddaa qaba. Macaafni Qulqulluun warra kaanitti gaarummaa argisiisuun, “Waaqayyoof liqeessuu” akka taʼe mirkaneessa. (Fakkeenya 19:17) Maarree, namoota naannookee jiranitti gaarummaa argisiisuuf maaliif carraa hin barbaaddattu?

^ key. 5 Ze Oksifoordi Ingilish Dikshinariin jechi afaan jalqabaatiin “gaarummaa” argisiisuuf itti hojjetame, hiika “fira dhiigaa, hariiroo ykn jaalala cimaa sababa kanaan uumamu” jedhu qaba.