Keessa Deebii 10:1-22

  • Gabateewwan lamaan yeroo lammataatiif tolfaman (1-11)

  • Wanta Yihowaan barbaadu (12-22)

    • Yihowaa sodaadhu, akkasumas jaalladhu (12)

10  “Yeroo sanatti Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bociitii+ gaaricha irratti gara kootti ol baʼi; taabota* tokkos ofii keetiif muka irraa tolfadhu.  Anis gabateewwan kana irratti jechoota gabateewwan dhagaa warra jalqabaa warra ati caccabsite sana irra turan nan barreessa; atis taaboticha keessa isaan kaaʼi.’  Kanaafuu, muka laaftoo irraa taabota tokko nan tolche; achiis gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bocee gabateewwan lamaan sana harka kootti qabadhee gaarichatti ol nan baʼe.+  Innis jechoota duraan barreesse,+ jechuunis Ajajawwan Kurnan*+ warra Yihowaan guyyaa yaaʼichaatti*+ gaaricha irratti ibidda keessaa isinitti dubbate sana+ gabateewwan kana irratti ni barreesse; achiis Yihowaan gabateewwan sana natti kenne.  Anis deebiʼee gaaricha irraa gad nan buʼe;+ achiis akkuma Yihowaan na ajajetti gabateewwan kana bakkuma amma jiran, jechuunis taabota ani tolche keessa nan kaaʼe.  “Achiis Israa’elonni Beʼeerot Benee Yaʼaaqaan irraa kaʼanii gara Moseraa dhaqan. Aaron achitti duʼee awwaalame;+ ilmi isaa Eleʼazaaris bakka isaa luba taʼee tajaajiluu jalqabe.+  Achii kaʼaniis gara Gudgoodaatti qajeelan; Gudgoodaa irraa kaʼaniis gara Yotbaataa+ ishii lageen qabdutti qajeelan.  “Akkuma hamma harʼaatti gochaa jiranitti, taabota kakuu Yihowaa akka baataniif,+ isa tajaajiluuf Yihowaa dura akka dhaabbatanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif+ yeroo sanatti Yihowaan gosa Leewwii adda ni baase.+  Leewwiidhaaf obboloota isaa wajjin gaʼee yookin yookiin dhaalli kan hin kennamne kanaafi. Akkuma Waaqni kee Yihowaan isatti himetti, gaʼeen isaa Yihowaa dha.+ 10  Anis akkuman jalqaba godhetti guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra nan ture;+ Yihowaan yeroo sanattis na dhagaʼeera.+ Yihowaan si balleessuu hin barbaanne. 11  Achiis Yihowaan, ‘Isaan biyya ani isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakadhetti seenanii dhaalaan akka fudhataniif,+ sabicha dura buʼiitii deemuuf qophaaʼi’ naan jedhe. 12  “Yaa Israaʼel, Waaqni kee Yihowaan maal si irraa barbaada?+ Wanti inni si irraa barbaadu, Waaqa kee Yihowaa akka sodaattu,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtu,+ akka isa jaallattu, garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaan Waaqa kee Yihowaa akka tajaajiltu,+ 13  akkasumas ajajawwanii fi dambiiwwan Yihowaa warra ani faayidaa keetiif harʼa si ajaju kana akka eegdu qofa dha.+ 14  Kunoo, samiin, samiin samiiwwanii illee, laftii fi wanti ishii irra jiru hundis kan Waaqa kee Yihowaa ti.+ 15  Haa taʼu malee, Yihowaan kan itti dhihaatee fi jaalala isaa kan ibse abbootii keetti qofa dha; inni akkuma harʼa taʼetti saboota hundumaa keessaa isin warra sanyii isaanii taatan filateera.+ 16  Ammas garaa keessan qulqulleeffadhaa;+ mata jabeeyyii taʼuu keessanis dhiisaa.*+ 17  Sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan Waaqa waaqolii,+ Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaatamaa taʼe dha; inni eenyuuf iyyuu hin loogu,+ mattaʼaas hin fudhatu. 18  Inni mucaa abbaa* hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa;+ nama biyya ormaa ni jaallata;+ nyaataa fi uffatas isaaf ni kenna. 19  Biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa waan turtaniif, isinis nama biyya ormaa jaallachuu qabdu.+ 20  “Waaqa kee Yihowaa sodaadhu, isa tajaajili,+ isatti maxxani, maqaa isaatiinis kakadhu. 21  Isa jajadhu.+ Inni Waaqa kee isa wantoota guguddoo fi sodaachisoo ati ijuma keetiin argite kana hundumaa siif raawwate sana dha.+ 22  Abbootiin kee yeroo gara Gibxiitti gad buʼanitti namoota* 70 turan;+ amma garuu Waaqni kee Yihowaan akkuma urjiilee samiitti si baayʼiseera.+

Miiljaleewwan

Ykn., “saanduqa.”
Kal., “Jechoota Kurnan.”
Ykn., “gumichaatti.”
Kal., “kana booda boquu keessan jabeessuu dhiisaa.”
Ykn., “warra.”
Ykn., “lubbuu.”