Qorontos Tokkoffaa 13:1-13

  • Jaalala isa karaa hundumaa irra caalu (1-13)

13  Qooqa namootaa fi qooqa maleekotaatiin yoon dubbadhe illee, jaalala hin qabu taanaan akka sibiila iyyuu yookiin akka siimbaalii* walitti rukutamuu nan taʼa.  Kennaa raajii dubbachuu yoon qabaadhe, iccitii qulqulluu hunda yoon hubadhe, beekumsa hunda yoon qabaadhee+ fi amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu* yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan ani gatii hin qabu.+  Warra kaan sooruuf qabeenya koo hunda yoon kennee+ fi akkan ittiin boonuufis qaama koo dabarsee yoon kenne illee jaalala hin qabu taanaan,+ faayidaa tokko illee hin argadhu.  Jaalalli+ ni obsa,+ gaarummaas ni argisiisa.+ Jaalalli hin hinaafu.+ Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu,+  amala naamusaan ala taʼe* hin argisiisu,+ faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu,+ hin aaru.+ Miidhaa isa irra gaʼe* galmeessee hin qabatu.+  Jalʼinatti hin gammadu,+ kanaa mannaa dhugaa wajjin gammada.  Waan hundumaa dandaʼa,+ waan hundumaa amana,+ waan hundumaa abdata,+ waan hundumaa dandamata.+  Jaalalli matumaa hin badu. Haa taʼu malee, kennaan raajii dubbachuu ni hafa; qooqa biraadhaan dubbachuun* ni dhaabbata; beekumsas yoo taʼe ni hafa.  Sababiin isaas, beekumsi nuti qabnu guutuu miti,+ raajiin dubbannus guutuu miti; 10  wanti guutuu taʼe yommuu dhufu garuu, wanti guutuu hin taane ni hafa. 11  Yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleetti nan dubbadha, akka ijoolleetti nan yaada, akka ijoolleetti nan xiinxalan ture; amma garuu nama guddaa waanan taʼeef, amala ijoollummaa dhiiseera. 12  Amma daawwitii sibiilaatiin bifa dimimmisaaʼu* argina, yeroo sana garuu fuulaa fuulatti argina. Amma beekumsa guutuu hin qabu, yeroo sana garuu akkuma Waaqayyo guutummaatti na beeku, anis beekumsa guutuu nan qabaadha. 13  Haa taʼu malee, wantoonni sadan kun yeroo hundumaa jiraatu; isaanis amantii, abdii fi jaalala; isaan keessaa inni caalu garuu jaalala.+

Miiljaleewwan

Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
Ykn., “bakka tokkoo buqqisee bakka biraa dhaabu.”
Ykn., “Balleessaa.”
Ykn., “addaggummaa.”
Jechuunis, dinqiidhaan qooqa gara biraa dubbachuu.
Ykn., “bifa adda baafachuun rakkisu.”