Fakkeenya 29:1-27

  • Mucaan gadhiisii taʼe qaanii geessisa (15)

  • Mulʼanni yoo jiraachuu baate uummanni gadhiisii taʼa (18)

  • Namni aaru lola kakaasa (22)

  • Namni gad of qabu ulfina argata (23)

  • Nama sodaachuun kiyyoo dha (25)

29  Namni yeroo baayʼee erga ifatamee booda boquu isaa jabeessu*+Akkuma tasaa ni caba, fayyuus hin dandaʼu.+   Yeroo qajeelonni baayʼatan uummanni ni gammada,Yeroo namni hamaan bulchu garuu uummanni ni aada.+   Namni ogummaa jaallatu garaa abbaa isaa ni gammachiisa,+Namni michuu sagaagaltootaa taʼu garuu qabeenya isaa qisaasessa.+   Mootiin haqaan biyya tasgabbeessa,+Namni mattaʼaa barbaadu garuu biyya mancaasa.   Namni sobaan michuu isaa jajuMiila isaatiif saaphana diriirsa.+   Namni hamaan yakki isaa kiyyootti isa galcha,+Namni qajeelaan garuu ni ililcha, ni gammadas.+   Namni qajeelaan mirgi seeraa hiyyeeyyiin qaban isa yaaddessa,+Namni hamaan garuu waaʼeen kanaa isa hin yaaddessu.+   Namoonni of jajan magaalaa gubu,+Namoonni ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.+   Namni ogeessi nama gowwaa wajjin yeroo wal morkatuIyyaa fi qoosaatu taʼa malee boqonnaa hin argatu.+ 10  Namoonni dhiiga dheebotan nama qulqulluu* kam iyyuu ni jibbu,+Lubbuu nama qajeelaas balleessuu barbaadu.* 11  Namni gowwaan miira* isaa hundumaa gad baasa,+Namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora.+ 12  Bulchaan tokko yommuu sobaaf xiyyeeffannaa kennu,Tajaajiltoonni isaa hundi hamoota taʼu.+ 13  Wanti hiyyeessaa fi nama nama cunqursu wal fakkeessu* kana dha: Ija lamaan isaaniitiif iyyuu ifa kan kennu Yihowaa dha.* 14  Mootiin haqaan hiyyeeyyiidhaaf yommuu murtii kennu,+Yeroo hundumaa teessoon isaa amansiisaa taʼa.+ 15  Uleenii* fi ifannaan ogummaa argamsiisu,+Mucaan gadhiisii taʼe garuu haadha isaa qaanessa. 16  Hamoonni yommuu baayʼatan yakkis ni baayʼata,Qajeelonni garuu kufaatii isaanii ni argu.+ 17  Ilma kee adabi, innis boqonnaa siif kenna,Gammachuu guddaas siif argamsiisa.*+ 18  Bakka mulʼanni* hin jirretti, uummanni gadhiisii taʼa,+Warri seericha eegan garuu gammadoo dha.+ 19  Tajaajilaan tokko dubbiidhaan qofa sirreeffama hin fudhatu,Inni wanta itti himamu yoo hubate iyyuu hin ajajamu.+ 20  Nama dubbachuuf ariifatu argiteettaa?+ Isa caalaa namni gowwaan abdii qaba.+ 21  Tajaajilaan tokko ijoollummaa isaatii jalqabee yoo qanansiifame,Yeroo booda kan hin galateeffanne taʼa. 22  Namni dafee aaru walitti buʼiinsa kakaasa;+Namni dheekkamsa jaallatu kam iyyuu yakka hedduu raawwata.+ 23  Namni tokkoo of tuulummaan isaa gad isa qaba,+Namni hafuura isaatiin gad of qabu kam iyyuu garuu ulfina argata.+ 24  Namni michuu hattuu taʼe of* jibba. Inni ragaa akka baʼu waamicha isaaf dhihaate* yoo dhagaʼe iyyuu homaa hin dubbatu.+ 25  Namoota sodaachuun* kiyyoo dha,+Namni Yihowaatti amanamu garuu eegumsa argata.+ 26  Namoonni hedduun bulchaa tokkoo wajjin taʼuu* barbaadu,Namni haqa kan argatu garuu Yihowaa biraa ti.+ 27  Namni haqa jalʼisu nama qajeelaa biratti jibbisiisaa dha,+Namni daandiin isaa qajeelaa taʼe garuu nama hamaa biratti jibbisiisaa dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “akkuma didaa taʼetti itti fufu.”
Ykn., “balleessaa hin qabne.”
Ykn tarii, “Namni qajeelaan garuu lubbuu isaa eeggachuu barbaada.”
Kal., “hafuura.”
Kal., “walitti fidu.”
Jechuunis, jireenya kan isaaniif kennu isa dha.
Ykn., “Adabnii.”
Ykn., “lubbuu keetiif ni argamsiisa.”
Ykn., “mulʼanni raajii.”
Ykn., “lubbuu ofii isaa.”
Ykn., “kakaa abaarsa fidu.”
Ykn., “duratti hollachuun.”
Ykn., “duratti fudhatama argachuu.” Kal., “fuula bulchaa tokkoo.”