Ximotewos Lammaffaa 1:1-18

  • Nagaa dhaamuu (1, 2)

  • Phaawulos amantii Ximotewosiif Waaqa galateeffate (3-5)

  • Kennaa Waaqaa akka ibiddaatti qabsiisi (6-11)

  • Dubbii gaarii hordofuu kee itti fufi (12-14)

  • Diinotaa fi michoota Phaawulos (15-18)

1  Phaawulos isa abdii jireenyaa karaa Kiristoos Yesuus+ kennamee wajjin haala wal simuun, fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,  Ximotewos ilma koo isa jaallatamaadhaaf:+ Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus biraa gaarummaa guddaan, gara laafinnii fi nagaan siif haa taʼu.  Ani Waaqa isan akkuma abbootiin koo gochaa turanitti qalbii qulqulluudhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuuf sana nan galateeffadha; kanaafuu, wawwaannaa ani halkanii fi guyyaa dhiheessu keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha.  Imimmaan kee yommuun yaadadhu, si argee gammachuudhaan guutamuuf nan hawwa.  Amantii kee isa fakkeessaa hin qabne+ isa jalqaba akkoo tee Looyisii fi haadha tee Ewunqee keessa ture nan yaadadha, si keessas akka jiru nan amana.  Kanaan kan kaʼes, kennaa Waaqayyoo isa yommuu ani harka koo si irra kaaʼe sii kenname akka ibiddaatti akka qabsiistu sin yaadachiisa.+  Sababiin isaas, Waaqayyo hafuura humnaa,+ hafuura jaalalaa fi hafuura sammuu fayyaa malee hafuura sodaa nuuf hin kennine.+  Kanaafuu, waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuuttis taʼe ana isa isaaf jedhee hidhamee jirutti hin qaanaʼin;+ kanaa mannaa, humna Waaqayyootti amanamuudhaan+ atis gama keetiin rakkina misiraachichaan kan kaʼe si irra gaʼu dandaʼi.+  Inni sababii hojii keenyaatiin utuu hin taʼin, kaayyoo isaa fi gaarummaa isaa isa guddaadhaan kan kaʼe nu oolcheera,+ waamicha qulqulluudhaanis nu waameera.+ Kunis Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen yeroo dheeraa dura nuu kenname; 10  amma garuu mulʼachuu Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus,+ isa duʼa balleessee+ karaa misiraachichaa+ jireenyaa fi qaama hin tortorre+ irratti ifni akka ifu godhe+ sanaatiin akka gaariitti beekameera; 11  anis kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.+ 12  Rakkinni kun na irra gaʼaa kan jiru kanaafi;+ taʼus ani hin qaanaʼu.+ Sababiin isaas, ani isan amane sana beeka; inni hamma guyyaa sanaatti wantan imaanaadhaan itti kennadhe eeguu akka dandaʼu hin shakku.+ 13  Dubbii gaarii*+ isa ana irraa dhageesse akka qajeelfamaatti* hordofi; akka nama Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabuutti amantii fi jaalala argisiisuu kee itti fufi. 14  Wanta gaarii imaanaadhaan sitti kenname kana hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun+ eegi. 15  Figeelosii fi Hermogenes dabalatee namoonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiran+ hundi na dhiisanii akka deeman beekta. 16  Gooftaan maatii Oneesiforositti+ gara laafina haa argisiisu; inni yeroo baayʼee na jajjabeesseera; funcaadhaan hidhamuu koottis hin qaanofne. 17  Inni yeroo Roomaa keessa turetti dhimmee na barbaadee na argateera. 18  Gooftaan keenya Yihowaan* guyyaa sanatti gara laafina isatti haa argisiisu. Atis tajaajila inni Efesoon keessatti raawwate hunda akka gaariitti beekta.

Miiljaleewwan

Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
Ykn., “tooriitti.”