Wangeela Luqaas 12:1-59

  • Raacitii Fariisotaa (1-3)

  • Namoota utuu hin taʼin, Waaqa sodaachuu (4-7)

  • Kiristoosii wajjin tokkummaa akka qaban argisiisuu (8-12)

  • Fakkeenya sooressa gowwaa (13-21)

  • Yaaddaʼuu dhiisaa (22-34)

    • Tuuta xinnoo (32)

  • Dammaqoo taʼuu (35-40)

  • Bulchaa manaa amanamaa taʼee fi bulchaa manaa amanamaa hin taane (41-48)

  • Nagaa utuu hin taʼin, wal qoqqooduu (49-53)

  • Yericha qoruun barbaachisaa dha (54-56)

  • Wal dhabiinsaaf furmaata kennuu (57-59)

12  Yeroo sanatti, namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman hamma wal irra ejjetanitti walitti qabaman; innis jalqaba barattoota isaatiin akkana jedhe: “Raacitii Fariisotaa, jechuunis fakkeessuu irraa of eeggadhaa.+  Haa taʼu malee, wanti of eeggannoodhaan dhokfamee utuu hin mulʼifamin, wanti iccitii taʼee utuu hin beekamin hafu hin jiru.+  Kanaafuu, wanti isin dukkana keessatti dubbattan ifa keessatti ni dhagaʼama; wanti gola keessatti hasaastanis baaxii manaa irraa ni lallabama.  Kana malees, michoota koo,+ ani isiniin nan jedha, warra foon ajjeesuudhaan alatti sana caalaa homaa gochuu hin dandeenye+ hin sodaatinaa.  Garuu isa sodaachuu qabdan isinitti nan argisiisa: Isa erga ajjeesee booda Gahaannam* keessatti darbachuuf aangoo qabu sana sodaadhaa.+ Eeyyee, ani isinitti nan hima, isa sodaadhaa.+  Dimbiixiiwwan shan saantima gatii xinnoo qabdu lamatti* gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa ishiin tokko illee Waaqayyo duratti hin dagatamtu.+  Isin garuu rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera.+ Hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.+  “Ani isinitti nan hima, nama namoota duratti dhugaa anaaf baʼu+ hundumaatiif, Ilmi namaa immoo maleekota Waaqayyoo duratti dhugaa isaaf ni baʼa.+  Namni namoota duratti na ganu kam iyyuu garuu, maleekota Waaqayyoo duratti ni ganama.+ 10  Namni Ilma namaa irratti dubbii hamaa dubbatu kam iyyuu dhiifama ni argata; namni hafuura qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu dhiifama hin argatu.+ 11  Yeroo yaaʼii uummataa,* abbootii taayitaa mootummaa fi warra aangoo qaban duratti isin dhiheessan akkamitti yookiin maal jennee falmanna yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa;+ 12  sababiin isaas, hafuurri qulqulluun saʼaatii sanatti wantoota dubbachuu qabdan isin barsiisa.”+ 13  Sana booda uummaticha gidduudhaa namichi tokko, “Barsiisaa, obboleessi koo dhaala keenya akka anaaf hiru itti naa himi” isaan jedhe. 14  Yesuusis, “Namicha nana, isin lamaan gidduutti abbaa murtii yookiin araarsituu akkan taʼu eenyutu na muude?” isaan jedhe. 15  Achiis, “Of eeggadhaa, namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef+ sassata hundumaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe. 16  Sana booda akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Lafti namicha sooressa tokkoo oomisha guddaa isaaf kenne. 17  Kanaafuu, ‘Midhaan koo bakkan itti galfadhu waanan hin qabneef amma maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaaduu jalqabe. 18  Achiis akkana jedhe: ‘Kaʼeen akkana godha:+ Gootaraawwan koo diigeen gootaraawwan guguddaa ijaara; midhaan koo hundumaa fi miʼa koo hundumaas achitti nan naqadha; 19  achiis ofii* kootiin, “Ati,* wantoota gaggaarii hedduu waggaa baayʼeedhaaf si gaʼu qabda; egaa dhimma hin qabaatin, nyaadhu, dhugi, gammadis” nan jedha.’ 20  Waaqayyo garuu, ‘Gowwaa nana, halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu. Egaa wanti ati walitti qabatte kun eenyuuf taʼa ree?ʼ+ isaan jedhe. 21  Kanaafuu, namni ofii isaatiif qabeenya kuufatu, Waaqayyo biratti garuu badhaadhaa hin taane dhumni isaa akkanuma taʼa.”+ 22  Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ 23  Sababiin isaas, jireenyi* nyaata caalaa, dhaqnis uffata caalaa gatii guddaa qaba. 24  Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora.+ Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?+ 25  Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa? 26  Maarree isin waan xinnoo akkanaa illee gochuu erga hin dandeenyee, waaʼee wantoota kaanii maaliif yaaddoftu?+ 27  Abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalaa: Isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; ani garuu isinitti nan hima, Solomoon illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne.+ 28  Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti darbataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree? 29  Kanaafuu, waan nyaattanii fi waan dhugdan ilaalchisee yaaddaʼuu keessan dhiisaa, akkasumas akka malee dhiphachuu dhiisaa;+ 30  sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni addunyaa argachuuf baayʼee hawwani dha; haa taʼu malee, Abbaan keessan wantoonni kun akka isin barbaachisan beeka.+ 31  Egaa, hundumaa dura Mootummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kunis isiniif ni dabalamu.+ 32  “Isin tuuta+ xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummicha isiniif kennuutti waan gammadeef hin sodaatinaa.+ 33  Qabeenya keessan gurguraatii kennaa gara laafinaa* kennaa.+ Boorsaa maallaqaa hin moofofne qabaadhaa, jechuunis bakka hattuun bira hin geenyee fi bakka biliin hin nyaanne, samii irratti qabeenya hin dhumne kuufadhaa.+ 34  Sababiin isaas, bakkuma qabeenyi keessan jiru sana, garaan keessanis achuma ni taʼa. 35  “Mudhii keessan hidhadhaa;+ ibsaa keessanis ibsaa;+ 36  akkuma namoota hanga Gooftaan isaanii bakka cidha gaaʼelaatii+ deebiʼutti eeganii+ fi yommuu inni dhufee balbala rurrukutu yeruma sana isaaf banan sanaa taʼaa. 37  Garboonni yommuu gooftaan isaanii dhufu utuu dammaqanii eeganii isaan argatu gammadoo dha! Dhuguman isiniin jedha, inni erga mudhii isaa hidhatee booda, maaddiitti akka dhihaatan godhee isaan bira dhaabbatee isaan keessummeessa. 38  Inni halkan keessaa kutaa isa lammaffaattis* taʼe, kutaa isa sadaffaatti* dhufee qophaaʼoo taʼanii yoo isaan argate isaan gammadoo dha! 39  Garuu wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti akka dhufu utuu beekee, manni isaa cabsamee akka saamamu hin godhu ture.+ 40  Isinis Ilmi namaa saʼaatii isin hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa.”+ 41  Yeroo kanatti Pheexiros, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo namoota hundatti dubbachaa jirta?” jedhe. 42  Gooftaanis akkana jedhe: “Bulchaan* amanamaanii fi ogeessi,* yeroo sirrii taʼetti nyaata gaʼaa akka isaaniif kennu gooftaan isaa tajaajiltoota isaa irratti muudu dhuguma eenyu?+ 43  Gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu yoo isa arge garbichi sun gammadaa dha! 44  Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda. 45  Haa taʼu malee, garbichi sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo dafee hin dhufu’ jedhee yaaduudhaan, tajaajiltoota dhiirotaa fi dubartoota taʼan reebuu,* akkasumas nyaachuu, dhuguu fi machaaʼuu yoo jalqabe,+ 46  gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti dhufee adaba guddaa isa adaba; gaʼee isaas warra amanamoo hin taanee wajjin godha. 47  Garbichi fedhii gooftaa isaa hubatee qophaaʼaa hin taane yookiin wanta inni isa gaafatu* hin hojjenne sun siʼa baayʼee garafama.+ 48  Garbichi utuu hin hubatin wanta isa garafsiisu hojjetu garuu muraasa garafama. Nama baayʼeen itti kenname hunda irraa baayʼeetu barbaadama; nama itti gaafatamummaa hedduun kennameef irraas hedduutu barbaadama.+ 49  “Ani lafa irratti ibidda qabsiisuufan dhufe; maarree ammuma iyyuu qabsiifameera erga taʼee kana caalaa maalan barbaada? 50  Ani cuuphaan cuuphamu tokko qaba; hamma inni raawwatamuttis baayʼee nan dhiphadha!+ 51  Ani lafa irratti nagaa fiduuf waanan dhufe isinitti fakkaataa? Lakki, ani isinitti nan hima, qoqqooduufan dhufe.+ 52  Ammaa jalqabee namoonni wal qoqqoodan shan mana tokko keessa jiraatu; sadan isaanii lamaan isaanii irratti, lamaan isaanii immoo sadan isaanii irratti kaʼu. 53  Abbaan ilma irratti, ilmi abbaa irratti, haati intala irratti, intalli haadha irratti, amaatiin haadha manaa ilmaa irratti, haati manaa ilmaas amaatii irratti kaʼanii wal qoqqoodu.”+ 54  Achiis namoota sanaan akkana jedhe: “Yommuu duumessi karaa dhihaa dhufu argitanii yeruma sana, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. 55  Yommuu bubbeen kibbaa bubbisu argitaniis, ‘Hoʼi cimaan ni dhufa’ jettu; akkuma jettanis ni taʼa. 56  Fakkeessitoota nana, isin bifa lafaa fi samii akkamitti akka qortan ni beektu; maarree yeroo adda taʼe kana akkamitti akka qortan maalif wallaaltan?+ 57  Wanta qajeelaa taʼe isinumti ofuma keessanii maaliif hin murteessitan? 58  Fakkeenyaaf, nama si himatee wajjin gara bulchaa tokkotti utuma deemaa jirtuu, wal dhabiinsa nama si himate sanaa wajjin qabduuf furmaata kennuuf carraaqqii godhi; taʼuu baannaan, namni si himate sun abbaa murtii duratti si dhiheessa; abbaan murtii sunis waardiyyaa mana murtiitti si kenna; waardiyyaan sun immoo mana hidhaatti si galcha.+ 59  Ani sitti nan hima, saantima dhumaa ishii xinnoo* hanga kaffaltutti matumaa achii hin baatu.”

Miiljaleewwan

Kal., “assaariyonii lamatti.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “mana sagadaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “Yaa lubbuu koo.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Gara saʼaatii 3 kaasee hanga halkan walakkaatti.
Halkan walakkaadhaa hanga saʼaatii 9tti.
Ykn., “Bulchaan manaa.”
Ykn., “hubataan.”
Jechuunis, dhaanuu.
Ykn., “akka fedhii isaatti.”
Kal., “leptaa ishii dhumaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.