Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 20:1-8

  • Raabaan ni qabamte (1-3)

  • Filisxeemonni baayʼee guguddaa taʼan ni ajjeefaman (4-8)

20  Jalqaba waggichaatti,* yeroo mootonni duula dhaqanitti, Yoʼaab+ raayyaa waraanaa geggeessee biyya Amoonotaa balleesse; achiis dhufee Raabaatti+ marse; yeroo kanatti Daawit Yerusaalem keessatti hafee ture.+ Yoʼaab Raabaa haleelee ishii diige.+  Achiis Daawit gonfoo Maalkaam mataa isaa irraa ni fuudhe; ulfaatinni isaa warqii taalaantii* tokko ture; achi irras dhagoonni gatii guddaa qaban jiru turan; innis mataa Daawit irra ni kaaʼame. Kana malees, inni magaalattii keessaa boojuu hedduu ni fudhate.+  Achiis namoota achi keessa jiran gad baasee, dhagaa akka muran, meeshaawwan sibiilaa qara qabanii fi qottoodhaan akka hojjetan isaan godhe.+ Daawit magaalota Amoonotaa hundumaattis akkanuma godhe. Dhuma irrattis Daawitii fi loltoonni hundi gara Yerusaalemitti deebiʼan.  Kana booda Geezeritti Filisxeemotaa wajjin waraanni ni jalqabame. Yeroo sanatti Sibekaay+ Hushaatichi, Siphaay isa sanyii Refaayim+ taʼe ni ajjeese; isaanis ni moʼaman.  Ammas Filisxeemotaa wajjin waraanni ni jalqabame; Elhaanaan ilmi Yaaʼir Laahmii obboleessa Goliyaad+ isa nama Gaat taʼe sanaa ni ajjeese; inni eeboo mukti isaa muka namni wayyaa dhaʼu wayyaa itti maru fakkaatu qabatee ture.+  Ammas Gaatitti+ waraanni ni jalqabame; namichi akka malee guddaa taʼe,+ harka isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabuu fi miila isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabu, walumaa galatti quba 24 qabu tokko achi jira ture; inni sanyii Refaayim+ ture.  Inni Israaʼelotatti ni qoosa+ ture. Kanaafuu, Yonaataan ilmi Shimeʼaa+ obboleessa Daawit isa ni ajjeese.  Namoonni kun namoota Gaat+ sanyii Refaayim+ turan; isaan harka Daawitii fi harka tajaajiltoota isaatiin ni kufan.

Miiljaleewwan

Jechuunis, waqtii arfaasaatti.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.