Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 24:1-31
24 Gareen sanyiiwwan Aaron kanneen kana turan: Ilmaan Aaron Naadaab, Abihuu,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ turan.
2 Haa taʼu malee, Naadaabii fi Abihuun abbaa isaanii dura duʼan;+ isaan ilmaan hin qaban turan; Eleʼazaarii+ fi Itaamaar garuu luboota taʼanii tajaajiluu isaanii itti fufan.
3 Daawit, Saadoq+ isa ilmaan Eleʼazaar keessaa tokko taʼee fi Ahimelek isa ilmaan Itaamaar keessaa tokko taʼee wajjin taʼuudhaan akka itti gaafatamummaa tajaajila isaaniif kennameetti isaan hihire.
4 Ilmaan Eleʼazaar, ilmaan Itaamaar caalaa dura buutota waan qabaniif, isaan akka kanaan isaan hihiran: Ilmaan Eleʼazaar dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan 16 qabu turan; ilmaan Itaamaar immoo dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan 8 qabu turan.
5 Kana malees, ilmaan Eleʼazaarii fi ilmaan Itaamaar keessaa ajajjoonni iddoo qulqulluu fi ajajjoonni Waaqa dhugaa tajaajilan waan turaniif, garee isa tokko garee isa kaanii wajjin carraadhaan+ hihiran.
6 Achiis Shemaayaan ilmi Naataaniʼel inni barreessaa Leewwotaa taʼe mooticha, bulchitoota, Saadoq+ lubicha, Ahimelek+ ilma Abiyaataar,+ akkasumas dura buutota manneen abbootii lubootaa fi Leewwotaa duratti maqaa isaanii ni galmeesse; Eleʼazaariif manni abbootii tokko ni filatame; Itaamaariif immoo manni abbootii tokko ni filatame.
7 Carraan inni tokkoffaan Yehoyaariibiif ni baʼe; inni lammaffaan Yedaayaadhaaf,
8 inni sadaffaan Hariimiif, inni arfaffaan Seʼoriimiif,
9 inni shanaffaan Maalkiyaadhaaf, inni jaʼaffaan Miyaamiiniif,
10 inni torbaffaan Haqooziif, inni saddeettaffaan Abiyaadhaaf,+
11 inni saglaffaan Yeshuwaadhaaf, inni kurnaffaan Shekaaniyaadhaaf,
12 inni 11ffaan Eliyaashiibiif, inni 12ffaan Yaaqiimiif,
13 inni 13ffaan Huphaadhaaf, inni 14ffaan Yeshebiʼaabiif,
14 inni 15ffaan Bilgaadhaaf, inni 16ffaan Iimeriif,
15 inni 17ffaan Heziiriif, inni 18ffaan Haphizeeziif,
16 inni 19ffaan Petaahiyaadhaaf, inni 20ffaan Yehizqeeliif,
17 inni 21ffaan Yaakiiniif, inni 22ffaan Gaamuliif,
18 inni 23ffaan Delaayaadhaaf, inni 24ffaan immoo Maaʼaaziyaadhaaf ni baʼe.
19 Akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel abbaa isaanii Aaroniin ajajetti, yommuu gara mana Yihowaatti seenan akkaataa itti gaafatamummaa tajaajila+ isaanii itti raawwatan ilaalchisee qajeelfamni inni kenne kana ture.
20 Leewwota warra kaan keessaa kanneen kun ni argamu: ilmaan Amraam+ keessaa Shubaaʼel;+ ilmaan Shubaaʼel keessaa Yehdiyaa;
21 kan Rehaabiyaa+ keessaa: ilmaan Rehaabiyaa keessaa dura buʼaa kan taʼe Yishiyaa;
22 kan Yizhaarotaa keessaa Shelomoot;+ ilmaan Shelomoot keessaa Yaahaat;
23 ilmaan Kebroon keessaa dura buʼaa kan taʼe Yeriyaa,+ ilma lammaffaa kan taʼe Amaariyaa, ilma sadaffaa kan taʼe Yaahaaziʼel, ilma arfaffaa kan taʼe Yeqaamiʼaam;
24 ilmaan Uuziʼel keessaa Miikiyaas; ilmaan Miikiyaas keessaa Shaamiir.
25 Obboleessi Miikiyaas Yishiyaa ture; ilmaan Yishiyaa keessaa Zakkaariyaas.
26 Ilmaan Meraarii+ Maahlii fi Muushii turan; ilmaan Yaaʼaaziyaa keessaa Beenoo.
27 Ilmaan Meraarii: ilmaan Yaaʼaaziyaa keessaa Beenoo, Shohaam, Zaakurii fi Ibrii;
28 ilmaan Maahlii keessaa Eleʼazaar isa ilmaan hin qabne;+
29 kan Qiish keessaa: ilmaan Qiish keessaa Yeraamiʼel;
30 akkasumas ilmaan Muushii Maahlii, Edeerii fi Yerimoot turan.
Ilmaan Leewwii warri akka manneen abbootii isaaniitti lakkaaʼaman kanneen kana turan.
31 Kana malees akkuma obboloonni isaanii warri ilmaan Aaron taʼan Daawit Mooticha, Saadoq, Ahimelek, akkasumas dura buutota manneen abbootii lubootaa fi Leewwotaa duratti godhan, isaanis carraa ni buufatan.+ Manneen abbootii wajjin haala wal qabateen inni dura buʼaa taʼe obboleessa isaa isa quxisuu irraa garaa garummaa hin qabu ture.