Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ergaawwan Fedhii Saalaa Kakaasan Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Ergaawwan Fedhii Saalaa Kakaasan Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan maali dha?

  “Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan (Sexting)” jechuun, barreeffama, suuraa ykn viidiyoo kallattiidhaan waa’ee saalaa ibsu karaa moobaayilii walii erguu jechuu dha. Kana ilaalchisee namichi tokko, “Yeroo ammaa waan akkanaa walii erguun baramaa dha. Irra deddeebitee waliif barreessita, achiis utuma baay’ee hin turin suuraawwan fedhii saalaa kakaasan waliif erguu jalqabda” jedheera.

 Namoonni kana kan godhan maaliifi? Hayyuun seeraa, The New York Times irratti ibsame tokko, kana ilaalchisuudhaan, dargaggoonni tokko tokko, “Suuraa qullaa qaamaa argisiisuu fi namni jaallattan tokko isaaniif erge, moobaayilii isaanii irraa qabaachuun, saalqunnamtii raawwachuuf ga’umsa akka qaban akka isaaniif beeksisu godhanii yaadu” jedheera. Shamarreen takka immoo, “Saalqunnamtii miidhaa hin qabne dha” jetteetti. Hunda caalaa immoo, “Kana gochuu keetiin hin ulfooftu, dhukkuboota karaa saalqunnamtii darbanis hin dabarsitu” jetteetti.

 Sababiiwwan itti dargaggoonni ergaa fedhii saalaa kakaasan ergan kan biraan kanatti aananii jiru:

  •   Nama jaallachuu barbaadan tokko kolomsuuf.

  •   Namni tokko suuraa ifatti qullaa argisiisu waan isaaniif ergeef, isaanis waanuma akkanaa ‘deebisanii erguu’ akka qaban waan isaanitti dhaga’amuuf.

Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan miidhaa akkamii qabu?

  Suuraa kee moobaayiliidhaan erga ergitee booda, deebisuus ta’ee, namoonni akkamitti itti fayyadamuu akka danda’an, yookiin maqaa kee irratti miidhaa akkamii akka geessisu to’achuu hin dandeessu. Dhaabbata Pew Research Center jedhamu keessatti qorattuu kan taate Amandaa Lenhaart, ergaa fedhii saalaa kakaasu ilaalchisee, “Dogoggora namoonni raawwatan tokko dabarsanii namaa erguu fi galmeessanii kaa’uun akka yeroo ammaatti matumaa salphaa ta’ee hin beeku” jetteetti.

 Yeroo tokko tokko

  •    Namni tokko hiriyoota isaa bohaarsuuf jecha, suuraawwan qullaa namaa argisiisanii fi isaaf ergaman hunda akkuma jirutti dabarsee warra kaaniif erga.

  •    Jaalalleewwan walitti mufatan haaloo walitti ba’uuf jecha suuraa qullaa argisiisan dabarsanii namoota kaaniif ergu.

 KANA BEEKTA TURTEE? Suuraa qullaa argisiisuu fi fedhii saalaa kakaasu erguun yeroo baay’ee, ijoollee gudeeduu fi poornoogiraafii ijoollee raabsuu wajjin tokko akka ta’etti ilaalama. Ijoolleen suuraa akkanaa namootaaf ergan tokko tokko yakka saalqunnamtii wajjin wal qabateen himatamaniiru.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin gaaela keessatti godhamu gammachiisaa akka ta’e dubbata. (Fakkeenya 5:18) Saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti godhamu ilaalchisee garuu wanti inni dubbatu ifaa dha. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ilaali:

  •   “Halalummaan, xuraaʼummaan yookiin sassatni akaakuu hundumaa isin gidduutti hin dubbatamin; gochi qaanessaan yookiin dubbiin gowwummaa yookiin qoosaa fokkisaan [isin gidduutti hin dubbatamin].”—Efesoon 5:3, 4.

  •   “Kanaaf, kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwa hamaa fi sassata.”—Qolosaayis 3:5.

 Caqasoonni kun kan akeekkachiisan, “halalummaa” (saalqunnamtii gaaʼelaa alatti godhamu) qofa miti, kanaa mannaa kan akka, “xuraaʼummaa” (jecha hiika hedduu qabuu fi naamusa xuraaʼaa hunda argisiisu) akkasumas “fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” (jechuunis miira jaalalaa isa gaaʼela keessatti mulʼatu utuu hin taʼin, miira gocha dogoggoraa raawwachuutti geessu) kan dabalatu dha.

 Akkana jedhii of gaafadhu:

  •   Suuraa qullaa argisiisu erguun gosa “xuraaʼummaa” keessaa tokko dha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

  •   Kun, “fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” kan kakaasu karaa kamiini?

  •   Suuraa qullaa argisiisu ilaaluuf yookiin raabsuuf hawwii qabaachuun “hamaa” kan taʼe maaliifi?

 Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii, ergaa fedhii saalaa kakaasu erguu irraa fagaachuuf sababii kana caalaa guddaa taʼe nuuf kennu.

  •   “Akka hojjetaa . . . waan itti qaanaʼu tokko illee hin qabneetti, Waaqayyo duratti fudhatamaa gootee of dhiheessuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi.”—2 Ximotewos 2:15.

  •    “Amala qulqulluu qabaachuu fi hojii Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan hojjechuudhaan namoota akkamii taʼuu akka qabdan itti yaadaa!”—2 Pheexiros 3:11.

 Caqasoonni kun buʼaa gaarii amala gaarii qabaachuun qabu ibsu. Amala galateeffamu yoo qabaatte, gochi koo na gaabbisiisa jettee dhiphachuun si hin barbaachisu.—Galaatiyaa 6:7.

 Akkana jedhii of gaafadhu:

  •    Ani nama akkamiiti?

  •    Maqaa gaarii namoonni qabaniif of eeggannoo nan godhaa?

  •    Wanta namoota kaan miidhutti bashannanuu nan barbaadaa?

  •    Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan erguun maqaa gaarii ani qabu irratti dhiibbaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti?

  •    Ergaawwan fedhii saalaa kakaasan erguun amantaa warri koo ana irratti qaban kan miidhu akkamitti?

 SEENAA DHUGAA “Hiriyaan tiyya takka dhiira tokkoo wajjin dhoksaatti walitti dhufeenya jaalalaa jalqabdee turte. Achiis ishiin suura ishii qullaa argisiisu isaaf ergite, innis kan isaa ishiidhaaf ni erge. Kun taʼee utuu saʼaatii 48 hin guutin abbaan ishii moobaayilii ishii ilaaluuf murteesse. Innis ergaa sana argee baayʼee gadde. Achiis kan ishiidhaan lole siʼa taʼu, ishiinis waan hundumaa ni amante. Ishiin wanta gooteef dhiifama akka gaafatte beeka, haa taʼu malee warri ishii baayʼee naʼanii, akkasumas aaranii turan! Sana booda ishii amanuu dandaʼuu isaanii illee shakkanii turan.”

 Dhugaa jiru: Ergaa fedhii saalaa kakaasu erguun isa ergus taʼe isa ilaalu ni salphisa. Shamarreen umuriin ishii waggaa 18 taʼee fi jaalalleen ishii ergaa akkanaa akka isaaf ergitu dhiibbaa ishii irratti godhe takka, “Akkan of jibbuu fi akkan ofitti qaanaʼu na godhe” jetteetti.

 Ergaa fedhii saalaa kakaasu erguun si irrattis taʼe warra kaan irratti miidhaa geessisa, akkasumas gama seeraatiin si gaafachiisuu dandaʼa. Kanaafuu gorsa Kitaaba Qulqulluu akkana jedhu hordofuun kee gaarii dha:

Utuu si taʼee maal goota?

  Haala akkamii keessatti iyyuu gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchi. Wanta Jaanet dubbatte dubbisiitii isa caalaatti gaarii akka taʼe yaaddu filadhu.

 “Yeroo tokko gurbaa tokkoo wajjin wal barre, achiis lakkoofsa bilbilaa keenya waliif kennine. Torban lama booda uffata ittiin bishaan daakaniin suuraa kaʼee akkan isaaf ergu na gaafate.”—Jaanet.

 Jaanet maal gochuu qabdi jettee yaadda? Utuu si taʼee maal goota?

  •  FILANNAA A Sababii akkanaa dhiheessuu dandeessa: ‘Kana gochuu dogoggora tokko iyyuu hin qabu. Utuu qarqara galaanaa deemnee uffata daakaa uffadhee na arguun isaa hin oolu.’

  •  FILANNAA B Sababii akkanaa dhiheessuu dandeessa: ‘Maaliif akka inni barbaade hin beeku. Suuraa guutummaatti qaama koo hin argisiisne isaaf ergeen, sana booda maal akka inni jedhu ilaala.’

  •  FILANNAA C Sababii akkanaa dhiheessuu dandeessa: ‘Gurbaan kun waan tokko qofa ana irraa barbaada. Kanaafuu ergaa kana nan balleessa.’

 Filannaa Cn hunda caalaa gaarii fakkaata, mitii? Kana malees, Kitaabni Qulqulluu, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedha.—Fakkeenya 22:3.

 Yaadni olitti ibsame kun wanta ergaa fedhii saalaa kakaasu erguu fi gocha kan biraa kaaniif bu’uura ta’e addeessa; kunis Michoota filachuu irratti of eeggannoo gochuu dhiisuudha. (Fakkeenya 13:20) Shamarreen Saaraa jedhamtu takka, “Namoota amala sirrii hin taane callisanii bira hin darbinetti michoomi” jetteetti. Shamarreen Diiliyaa jedhamtus yaada kana irratti walii galti. “Namoonni michoota jedhaman tokko tokko, naamusa kee akka eeggattu si gargaaruu utuu hin ta’in, akka cabsitu gochuuf yaalu. Isaan naamusa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu kan qaban yoo ta’e, naamusa qulqulluu ati qabdu cabsuuf yaalii godhu. Maarree wanti akkanaa akka si irra ga’u ni barbaaddaa?” jetteetti.