Fakkeenya 13:1-25

  • Warri gorsa barbaadan ogeeyyii dha (10)

  • Abdiin turu garaa dhukkubsa (12)

  • Ergamaa amanamaan faayidaa argamsiisa (17)

  • Ogeessaa wajjin deemuun ogeessa nama godha (20)

  • Adabni ibsa jaalalaa ti (24)

13  Ilmi ogeessi adaba abbaa isaa ni fudhata,+Namni qoostuu taʼe garuu ifannaa* hin dhagaʼu.+   Namni firii dubbii* isaa irraa wanta gaarii taʼe ni nyaata,+Hawwiin* gantootaa garuu jeequmsa dha.   Namni afaan isaa* eeggatu lubbuu isaa eeggata,+Namni afaan isaa balʼisee banu garuu ni bada.+   Namni dhibaaʼaan ni hawwa, taʼus homaa hin qabaatu,+Namni* dhimmee hojjetu garuu akka gaariitti ni quufa.*+   Namni qajeelaan soba ni jibba,+Gochi hamootaa garuu qaanii fi salphina isaanitti fida.   Qajeelummaan nama daandiin isaa qulqulluu taʼe ni eega,+Hamminni garuu nama cubbamaa taʼe gad ni buusa.   Namni sooressa of fakkeessu jira, garuu homaa hin qabu;+Namni hiyyeessa of fakkeessus jira, garuu qabeenya guddaa qaba.   Soorumni lubbuu namaatiif furii dha,+Hiyyeeyyiin garuu wanti isaan doorsisu illee hin jiru.*+   Ifni qajeelotaa akka gaariitti ni ifa,*+Ibsaan hamootaa garuu ni dhaama.+ 10  Of tuulummaan gara lolaatti qofa nama geessa,+Ogummaan garuu kan warra gorsa barbaadanii ti.*+ 11  Qabeenyi saffisaan argame* xiqqaachaa deema,+Qabeenyi namni tokko xinnuma xinnoodhaan* walitti qabatu garuu ittuma dabalaa deema. 12  Abdiin turu garaa nama dhukkubsa,+Fedhiin dhugoome garuu muka jireenyaa ti.+ 13  Namni qajeelfama* tuffatu kam iyyuu ni adabama,+Namni ajaja eegu garuu ni badhaafama.+ 14  Barumsi* nama ogeessa taʼee madda jireenyaa ti,+Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha. 15  Hubannaa guddaan fudhatama argamsiisa,Daandiin gantootaa garuu rakkisaa dha. 16  Namni abshaalli beekumsaan hojjeta,+Namni gowwaan garuu gowwummaa isaa saaxila.+ 17  Ergamaa hamaan rakkina irra buʼa,+Ergamaa amanamaan garuu faayidaa argamsiisa.+ 18  Namni adaba tuffatu kam iyyuu ni hiyyooma, ni salphatas,Namni sirreeffama* fudhatu garuu ulfina argata.+ 19  Fedhiin dhugoome namatti* miʼaawa,+Gowwoonni garuu wanta hamaa irraa goruu ni jibbu.+ 20  Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa,+Namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.+ 21  Badiisni cubbamoota ni hordofa,+Badhaadhinni garuu qajeelota ni badhaasa.+ 22  Namni gaariin ijoollee ijoollee isaatiif dhaala ni kaaʼa,Qabeenyi nama cubbamaa garuu nama qajeelaadhaaf kuufama.+ 23  Maasiin hiyyeessaa midhaan hedduu kenna,Taʼus* jalʼina haqaatiin haxaaʼamee baduu dandaʼa. 24  Namni ilma isaa uleedhaan rukutuu* irraa of qusatu isa ni jibba,+Namni ilma isaa jaallatu garuu dhimmee* isa adaba.+ 25  Namni qajeelaan ni nyaata, fedhii nyaataa* isaas ni guuttata,+Garaan nama hamaa garuu duwwaa dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “sirreeffama.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “wanta dubbatu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “ni furdata.”
Kal., “ifannaa hin dhagaʼan.”
Kal., “ni gammada.”
Ykn., “kan warra waliin mariʼatanii ti.”
Ykn., “Qabeenyi wanta gatii hin qabne irraa argame.”
Kal., “harkaan.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “Seerri.”
Ykn., “adaba.”
Ykn., “lubbuutti.”
Ykn., “Taʼus inni.”
Ykn., “ilma isaa adabuu.”
Ykn tarii, “dafee.”
Ykn., “lubbuu.”