GAAFFII DARGAGGOOTAA
Yoon Nuffe Maalan Godha?
Namoota tokko tokkoof guyyaa bokkaan roobu utuu homaa hin hojjetin ykn bakka tokko illee utuu hin dhaqin mana ooluun baayʼee isaanitti ulfaata. Dargaggeessi Roobertoo jedhamu, “Anis yeroo tokko tokko wantan godhu wallaaleen taaʼa” jedheera.
Atoo miirri akkasii sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa!
Wanta beekuu qabdu
Teknooloojii fayyadamuun furmaata taʼuu dhiisuu dandaʼa.
Intarneetii sakattaʼuudhaan yeroo dabarsuu dandeessa taʼa taʼus, dandeettii kee ukkaamsuu fi akka nuffitu gumaacha gochuu dandaʼa. Jeermii inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe akkana jedheera: “Callisteedhuma televijiinii ilaalta malee sammuun kee homaa akka hin hojjenne hubatta.”
Shamarreen Eelenaa jedhamtu yaada kana irratti walii galti. Akkas jettetti: “Teknooloojiidhaan wanti gochuu dandeessu muraasa dha. Dhugaa jiru irratti akka hin xiyyeeffanne si taasisa, kanaafuu meeshaa kee yommuu keessu caalaatti nuffita!”
Ilaalchi jijjiirama fida.
Wanta hojjettu hedduu qabaachuun akka hin nuffine si taasisaa? Kun fedhii ati wanta hojjettuuf qabdu irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, shamarreen Kaaren jedhamtu akkas jettetti: “Guyyaa hundumaa wantan hojjedhu kanan qabu taʼus, anaaf barumsi baayʼee nuffisiisaa ture. Akka hin nuffineef wanta hojjechaa jirtu irratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabda.”
Kana beektaa? “Wanta hojjettu dhabuun” gufuu utuu hin taʼin, akkuma biyyoo gaarii carraa waa kalaquuf si dandeessisu siif bana.
Yeroon ati qabdu akkuma biyyoo gaarii dandeettii kee guddifachuuf carraa gaarii siif bana
Wanta gochuu dandeessu
Fedha wantoota garagaraa raawwachuuf qabdu guddifadhu. Michoota haaraa horadhu. Wanta haaraa hojjedhu. Wanta haaraa baradhu. Namoonni wanta adda addaa gochuuf fedhii qaban yeroo baayʼee yeroo kophaa taʼanittis taʼee, yeroo namootaa wajjin taʼanitti hin nuffan.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.”—Lallaba 9:10.
“Dhiheenyatti afaan Chaayinaa Mandariin barachuun jalqabe, achiis guyyaa guyyaadhaan yommuun shaakalu barumsa akkasii dursee jalqabuun akka na irra tureen hubadhe. Wantan hojjedhu tokko qabaachuu nan jaalladha. Sammuun koo hojiidhaan akka qabamuu fi yeroo koo sirriitti akkan itti fayyadamu na gargaara.”—Meeliindaa.
Galma kee irratti xiyyeeffadhu. Kaayyoo wanta hojjettuu yoo hubatte, fedhiin ati wanta sana hojjechuuf qabdu ni dabala. Kaayyoo kee irratti yoo xiyyeeffatte, hojiin mana barumsaa baayʼee si hin nuffisiisu.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “[Namni] hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammachuu argachuu caalaa wanti namaaf gaarii taʼe tokko illee hin jiru.”—Lallaba 2:24.
“Barumsa koo xumuruu jala yommuun gaʼu, dursee qoʼachaa waanan hin turreef, guyyaatti saʼaatii saddeet qoʼachaan ture. Nama hin nuffisiisuu? Lakki, sababiin isaas galma koo irra gaʼuuf waanan murteesseefi. Barumsa koo xumuree eebbifamuu irratti xiyyeeffachuun koo kakaʼumsa koo naaf dabaleera.”—Haannaa.
Wanta jijjiiruu hin dandeenye amanii fudhadhu. Hojiin baayʼee nama gammachiisu illee, wanta nuffisiisu tokko tokko qaba. Akkasumas michoonni keenya gaggaarii taʼan yeroo tokko tokko beellama qabanne jijjiiru, kunis hojii nu hiiksisa. Haalli akkasii gammachuu akka si dhabsiisu heyyamuu mannaa, ilaalcha sirrii qabaachuuf yaali.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Namni garaa gammade qabu yeroo hunda affeerraa irra jira.’—Fakkeenya 15:15.
“Michuun koo tokko yeroo kophaa taʼuudhaan dabarsuutti gammadduu akkan baradhu natti himte. Isheen, yeroo warra kaan wajjin dabarsitu yeroo kophaa taʼuudhaan dabarsitu wajjin wal madaalchisuu barachuun ogummaa jireenya keessatti gatii guddaa qabuu fi namni hundi horachuu qabudha naan jettetti.”—Iviiyi.