Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Karaa Intarneetii Hubaatiin Yoo Na Irra Gaʼe Maal Gochuun Qaba?

Karaa Intarneetii Hubaatiin Yoo Na Irra Gaʼe Maal Gochuun Qaba?

 Wanta beekuu qabdu

 Intarneetiin hubaatii salphaa taasisa. Kitaabni, CyberSafe jedhamu, Intarneetiin “fuula isaanii waan hin argisiisneef, ijoollee gaariin illee hamoota taʼu” jedheera.

 Tokko tokko caalaatti saaxilamuu dandaʼu. Kun warra ija laafeyyii taʼan, kanneen warra kaan irraa adda akka taʼanitti ilaalaman ykn warra ofitti amanamummaa hin qabne dabalata.

 Hubaatiin karaa intarneetii gaʼu miidhaa cimaa geessisa. Kophummaa fi dhiphinni nutti dhagaʼamu akka itti caalu gochuu, darbees tokko tokko akka of ajjeesan gochuu illee ni dandaʼa

 Wanta gochuu dandeessu

 Dura akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dhuguma kun hubaatii dhaa?’ Yeroo tokko tokko namoonni utuu hin beekin wanta nama miidhu dubbatu. Yeroo kanatti gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofuu dandeessa:

 “Aariin mallattoo nama gowwaa waan taʼeef, aariidhaaf hin ariifatin.”—Lallaba 7:9, miiljalee.

 Gama biraatiin namni tokko karaa intarneetii taʼe jedhee nama kan biraa yoo dhiphise, yoo salphise ykn yoo doorsise kun karaa intarneetii hubaatii geessisuu jedhama.

 Miidhaan akkasii si irra gaʼaa jira yoo taʼe kana yaadadhu: Deebiin kennitu dhimmi sun akka fooyyaʼu ykn akka itti caalu gochuu dandaʼa. Yaada armaan gadii keessaa tokko ykn isaa ol hojii irra oolchuuf yaali.

 Nama miidhaa si irraan gaʼu sanaaf deebii hin kennin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni beekumsa qabu qusatee dubbata, namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha” jedha.—Fakkeenya 17:27.

 Sababii gorsi kun gaarii itti taʼe ilaalchisee Barreessituun Naansii Wiilaardi jedhamtu kitaaba ishii Cyberbullying and Cyberthreats jedhamu irratti akkana jetteetti: “Kaayyoon namoota hubaatii geessisanii inni guddaan nama sana aarsuu dha. Kanaafuu namni miidhaan irra gaʼe yoo aare, akka itti caalan taasisa.”

 Yaada ijoo: Yeroo tokko tokko deebii gaariin deebii kennuu dhiisuu taʼuu dandaʼa.

 Haaloo baʼuu irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa.”—1 Pheexiros 3:9.

 Sababii gorsi kun gaarii itti taʼe ilaalchisee, Kitaabni, Cyber-Safe Kids, Cyber-Savvy Teens jedhamu akkana jedheera: “Aariin dadhabina akka qabdu argisiisa, kun immoo caalaatti akka si miidhan godha; akkasumas haaloo baʼuun akkuma nama sanaa miidhaa gaʼeef atis itti gaafatamaa akka taate fakkeessa.”

 Yaada ijoo: Ibiddichatti bobaʼaa hin naqin.

 Dursii tarkaanfii fudhadhu. Kitaabni Qulqulluu, “hamaadhaan hin moʼamin” jedha. (Roomaa 12:21) Haalli isaa caalaatti akka hammaatu utuu hin godhin hubaatiin si irra gaʼu akka dhaabbatu wanti gochuu dandeessu jira.

 Fakkeenyaaf:

  •    Nama ergaa akkasii ergu of irraa cufi. Kitaabni, Mean Behind the Screen jedhamu, “Wanti ati hin dubbisne si miidhuu hin dandaʼu” jedha.

  •   Yoo hin dubbisne taʼe illee ragaawwan sii ergaman hunda kaawwadhu. Kunis ergaawwan hubaatii geessisuuf qophaaʼan kan akka ergaa gabaabaa, iimeelii, biloogii fi wantoota weebsaayitii hawaasaa irratti baʼan, ergaa sagalee ykn wantoota kaan dabalata.

  •   Namni hubaatii geessisu sun akka dhaabu itti himi. Ergaa cimaa taʼe ergiif, garuu aariidhaan taʼuu hin qabu. Ergaa akka armaan gadii erguu dandeessa:

    •  “Kana booda ergaa kam iyyuu naaf hin ergin.”

    •  “Wanta intarneetii irratti baaste kana balleessi”

    •  “Yoo dhaabuu didde, tarkaanfii akka dhaabdu si godhu nan fudhadha.”

  •   Ofitti amanamummaa kee guddifadhu. Dadhabina kee irratti utuu hin taʼin, cimina kee irratti xiyyeeffadhu. (2 Qorontos 11:6) Akkuma namoota hubaatii qaamaa geessisanii, namoonni karaa intarneetii miidhaa geessisanis warra dadhaboo fakkaatan irratti xiyyeeffatu.

  •  Nama guddaatti himi. Warra kee irraa jalqabuu dandeessa. Haala sana weebsaayitii namni sun itti fayyadamuuf gabaasuu dandeessa. Haalli isaa kan hammaatu yoo taʼe atii fi warri kee mana barumsaa keetti, poolisiitti gabaasuu ykn namoota seeraa illee mariisisuu dandeessu.

 Yaada ijoo: Miidhaa karaa intarneetii sirra gaʼu hambisuuf ykn hirʼisuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessu jiru.