GAAFFII DARGAGGOOTAA
Aarii Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Gaaffii
Hammam aarta?
matumaa
darbee darbee
yeroo hunda
Aariin kee hammam cimaa dha?
qabbanaaʼaa
hoʼaa
danfaa
Yeroo baayʼee eenyutti aarta?
warra keetti
obbolaa keetti
michuu keetti
Aarii kee toʼachuun akka si barbaachisu yoo hubatte mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa. Jalqaba, wantoonni si aarsan tokko tokko yommuu si mudatan tasgabbaaʼuun kan si barbaachisu maalif akka taʼe ilaali.
Xiyyeeffannaa kennuun kan barbaachise maalifi?
Fayyaa kee irratti dhiibbaa qaba. Fakkeenyi 14:30, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna” jedha. Faallaa kanaatiin, barreeffamni Journal of Medicine and Life jedhamu, “aariin dhukkuba onneetiif nama saaxiluu akka dandaʼu” ibseera.
Michoota kee irratti dhiibbaa qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Nama dheekkamaatti hin firoomin, nama dafee aaruttis hin hidhatin!” jedha. (Fakkeenya 22:24) Kanaaf, aaruu keetiin namoonni kan si irraa fagaatan yoo taʼe kun si dinqisiisuu hin qabu. Shamarreen Jaazmiin jedhamtu, “Aarii kee toʼachuu barachuu dhiisuun kee michummaa gaarii qabdu si dhabsiisuu dandaʼa” jetteetti.
Maqaa kee irratti dhiibbaa qaba. Dargaggeessi umuriin isaa waggaa 17 taʼee fi Eetaan jedhamu, “Aarii kee toʼachuu dhiisuun namoota kaan biratti waan beekamuuf, ilaalcha isaan siif qaban irratti dhiibbaa godha” jedheera. Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Nama tasgabbii qabu moo, nama aarii isaa hin toʼanne akkan taʼettan beekamuu barbaada?’ Kitaabni Qulqulluun, “Namni dheekkamsatti suuta jedhu, hubannaa guddaa qaba; namni dheekkamsatti ariifatu garuu, gowwuma bakkeetti in baasa” jedha.—Fakkeenya 14:29.
Namni kam iyyuu nama aarii isaa hin toʼanne wajjin taʼuu hin barbaadu
Maal gochuu dandeessa?
Caqasootaa fi yaadawwan armaan gadii ilaali; achiis gaaffiiwwan itti aansanii jiran of gaafadhu.
Fakkeenya 29:22: “Namni dheekkamaan lola in kaasa; namni aaraanis irra-daddarbaa in baayʼisa.”
“Jalqaba umurii waggoota kurnanii keessa yommuun turetti aarii koo toʼachuun baayʼee natti ulfaata ture. Firoonni koo kan karaa abbaa kootiis rakkina akkanaa qabu. Amala kana maatii keenya irraa akka dhaalle nutti dhagaʼama ture. Aarii keenya toʼachuun baayʼee nutti ulfaata.”—Keerii
Dafeen aaraa? Amalawwan koo warra gaarii taʼaniif galata fudhadhee, amala gadhee taʼe kana immoo dhalootaan akkan argadhetti yaaduudhaan balaaleffachuun sirriidhaa?
Fakkeenya 15:1: “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”
“Miira kee toʼachuu barachuun murteessaa dha. Amala garraamummaa yoo horattee fi wanta sirrii taʼe qofa irratti yoo xiyyeeffatte aarii kee toʼachuun baayʼee sitti hin ulfaatu.”—Daariil
Yommuun aarutti tarkaanfiin jalqaba fudhadhu murteessaa kan taʼe maalifi?
Fakkeenya 26:20: “Qoraan hin jiru yoo taʼe, ibiddi in dhaama.”
“Yommuun gaarummaadhaan deebii kennu yeroo baayʼee namoonni ni tasgabbaaʼu, akkasumas miirri keenya utuu toʼannaadhaan ala hin taʼin waliin haasaʼuu dandeenya.”—Jaazmiin.
Dubbiin koo ykn gochi koo caalaatti aarii dabaluu kan dandaʼu akkamitti?
Fakkeenya 22:3: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.”
“Yeroo tokko tokko bakka sanaa deemuu fi waaʼee wanta uumame sanaa yeroo fudhadhee yaaduun barbaada; kunis yeroon tasgabbaaʼu dhimmichaaf furmaata kennuuf na gargaara.”—Gaarii
Haala dhiphisaa taʼe tokko keessatti namoota kaan karaa hin mufachiisneen bakka sanaa deemuun gaarii taʼuu kan dandaʼu yoomi?
Yaaqoob 3:2: “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.”
“Dogoggora keenyatti gaabbuu kan qabnu taʼus, irraa barachuu qabna. Yeroo kufnu deebinee kaʼuu fi yeroo itti aanutti wanta sirrii taʼe hojjechuuf ejjennoo qabaachuu qabna.”—Keerii.
Gorsa gaarii: Galma baafadhu. Yeroo muraasaaf, tarii jiʼa tokkoof tasgabbaaʼuuf murteessi. Fooyyaʼiinsa gootu guyyaa guyyaadhaan galmeessi.