Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Bilbilaan Ergaa Waliif Barreessuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Bilbilaan Ergaa Waliif Barreessuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
  • :-) Ergaan barreeffamaa, karaa sirrii taʼeen yoo itti fayyadamte, namootaa wajjin wal qunnamuuf si gargaara.

  • :-( Of eeggannoo malee yoo itti fayyadamte garuu michummaa kee fi maqaa kee balleessuu dandaʼa.

Mata dureen kun wantoota armaan gadii ilaalchisee wanta beekuu qabdu si hubachiisa

Mata duree kana keessatti wantoota armaan gadiis ni ilaalla:

 Nama ergituuf

 Dargaggoonni hedduun ergaan barreeffamaa wal qunnamuuf karaa baayʼee gaarii taʼe akka taʼetti ilaalu. Ergaan barreeffamaa nama hundumaa fi namoota galmeeffattee jirtuu wajjin wal qunnamuuf si gargaara. Kana gochuu kan dandeessu garuu yoo warri kee siif heyyaman qofa dha.

 “Abbaan koo anii fi obboleettiin koo yeroo dhiirotaa wajjin haasofnu hin jaallatu. Yoo haasofsiisuu qabna taʼe illee gorduubatti namni hundi utuu jiruu bilbila manaatti fayyadamnee haasofsiisna.”—Leenoor.

 Wanta beekuu qabdu: Lakkoofsa bilbilaa kee nama argite hundaaf kan kennitu yoo taʼe rakkina irra buʼuu dandeessa.

 “Namoota lakkoofsa bilbilaa kee kennituuf ilaalchisee of eeggannoo hin gootu taanaan, ergaan ykn suuraan ati hin barbaanne siif ergamuu dandaʼa.”—Sikoot.

 “Yeroo hundumaa nama saala faallaa qabuuf ergaa barreeffamaa kan ergitu taanaan, salphaatti nama sanaaf miira jaalalaa qabaachuu dandeessa.”—Istiivan.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata.” (Fakkeenya 22:3) Of eeggannoo muraasa gochuudhaan rakkoo hedduu irraa of eeguu dandeessa.

 Seenaa dhugaa: “Anii fi gurbaan tokko michuu waan taaneef, baayʼee waliif barreessina turre. Ani akkuma baayʼee walitti dhihaannetti qofa natti dhagaʼama ture. Hamma inni akka na jaallatu natti himetti kun rakkina qaba jedhee hin yaannen ture. Boodatti deebiʼee yeroon ilaalu, hamma kana isaa wajjin yeroo dabarsuu fi isaaf barreessuu akkan hin qabnen hubadhe.”—Meeliindaa.

 Mee yaadi: Wanti gurbaan sun yaade michummaan isaanii akka miidhamu kan godhu akkamitti sitti fakkaata?

 Irra deebiʼii barreessi! Meeliindaan ishiinii fi gurbaan kun michummaadhaan alatti walitti dhufeenya kan biraa akka hin qabaanneef maal gochuu dandeessi turte?

 Wanta ergitu

 Ergaa barreeffamaa erguun salphaa dha; ergaan yeroo namaaf ergamus nama gammachiisa; kanaaf yaada dogoggoraa dabarsuu akka dandaʼu hubachuu dhiisuu dandeessa.

 Wanta beekuu qabdu: Jechoonni karaa ergaa barreeffamaa ergaman karaa dogoggoraatiin hubatamuu dandaʼu.

 “Ergaa barreeffamaatiin miira ykn haala sagalee hubachuu hin dandeessu; fakkii ykn mallattoo kana argisiisan irraa illee kana hubachuun hin dandaʼamu. Namoonni kaan dogoggoraan akka si hubatan taasisuu dandaʼa.”—Biraayaanaa.

 “Shamarran ergaa barreeffamaa dhiirotaaf erganiin kan kaʼe maqaan isaanii badee fi warra kaan akka kolomsanitti beekaman jiru.”—Laawuraa.

 Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada.” (Fakkeenya 15:28) Kana irraa maal baranna? Ergicha erguu kee dura ergaa kee irra deebiʼii dubbisi!

 Yoom akka ergitu

 Haala isaa irratti hundaaʼuudhaan ergaa barreeffamaa ilaalchisee seera mataa kee baafachuu dandeessa.

 Wanta beekuu qabdu: Ergaa barreefamaa ilaalchisee of eeggannoo hin gootu taanan, michoota kee biratti fudhatama argachuu mannaa akka waan addaggee taatetti kan ilaalamtu taʼuu isaa irra iyyuu si irraa fagaachuu dandaʼu.

 “Seera ergaa barreeffamaa ilaalchisee baaste dagachuun salphaa dha. Nama tokkoo wajjin utuun haasaʼuu ykn utuun nyaata nyaachaa jiruu ergaa barreeffamaas nan barreessa.”—Aalisan.

 “Konkolaataa oofaa ergaa barreeffamaa barreessuun balaa qaba. Ija kee karaa irraa fuunaan balaan si mudachuu dandaʼa.”—Aanee.

 Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Wanti hundinuu yeroo qaba, . . . calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.” (Lallaba 3:1, 7) Kun dubbachuufis taʼe ergaa barreeffamaa barreessuuf ni hojjeta!

 Gorsa Gaarii

Nama ergituuf

  •  ;-) Seera warri kee baasaniif ajajami.—Qolosaayis 3:20.

  •  ;-) Namoota lakkoofsa bilbilaa kee kennituuf filadhu. Lakkoofsa bilbilaa kee dabalatee odeeffannoo dhuunfaa kee akka hin kennine karaa kabaja argisiisuun kan diddu yoo taʼe, dandeettii yeroo gaʼeessa taatutti si fayyadu horatta.

  •  ;-) Ergaawwan barreeffamaa kolomsuu wajjin wal qabatan erguudhaan garmalee namatti hin dhihaatin. Miirri jaalalaa uumamuu yoo jalqabe, aarii fi gaddi si mudachuu dandaʼa.

 “Itti fayyadama moobaayilii ilaalchisee warra koo biratti maqaa gaariin qaba; kanaaf namootan bilbila isaanii qabadhuu wajjin haala wal qabateen murtoo mataa koo gochuu ilaalchisee na amanu.”—Biraayaanaa.

Wanta ergitu

  •  ;-) Ergaa barreessuu kee dura, ‘Haala kana keessatti ergaa barreeffamaatiin wal qunnamuun sirrii dhaa?’ jedhii of gaafadhu. Bilbila bilbiluun ykn qaamaan hamma wal argitutti turuun gaarii taʼuu dandaʼa.

  •  ;-) Qaamaan utuu taʼee wanta hin dubbanne ergaa barreeffamaatiin hin ergin. Saaraa ishiin umuriin ishii waggaa 23 taʼe, “Sagalee ol kaastee hin dubbattu taanaan ergaa barreeffamatiinis hin ergin” jetteetti.

 “Namni tokko fakkii fedhii saalaa kakaasu yoo sii erge warra keetti himi. Eegumsa kan siif taʼu taʼuu isaa irra iyyuu, warri kee caalaatti akka si amanan taasisa.”—Siirvan.

Yoom akka ergitu

  •  ;-) Yeroo itti bilbila keetti fayyadamuu hin qabne murteessi. Shamarreen Ooliiviyaa jedhamtu tokko akkana jetteetti: “Yeroon qoʼadhu ykn yeroon nyaata nyaadhu bilbila koo hin qabadhu. Walgaʼii gumii irratti yommuun argamus bilbilicha ilaaluuf akkan hin qoramneef nan cufa.”

  •  ;-) Warra kaaniif yaadi. (Filiphisiyus 2:4) Nama tokkoo wajjin utuu haasaʼaa jirtu ergaa barreeffamaa hin barreessin.

 “Barbaachisaa yoo taʼe malee, namoota ykn michoota koo wajjin utuun jiruu ergaa barreeffamaa barreessuu akkan hin qabne ofii kootiif seera baaseera. Akkasumas namootan itti hin dhihaanneef lakkoofsa bilbilaa koo hin kennu.”—Jaanalii.