Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ija Laafina Akkamittan Moʼuu Dandaʼa?

Ija Laafina Akkamittan Moʼuu Dandaʼa?

 Miidhaa isaa: Ija laafinni warra kaanitti akka hin michoomnee fi muuxannoo akka hin arganne si dhowwuu dandaʼa.

 Faayidaa isaa: Ija laafinni yeroo hundumaa gadhee miti. Dubbachuu kee dura yaaduuf, sirriitti hubachuu fi dhaggeeffachuuf si gargaaruu dandaʼa.

 Kan nama gammachiisu: Ija laafinni amala yeroo booda baduu dandaʼuu dha, kanaafuu miidhaa isaa toʼachuu ni dandeessa. Mata dureen kun kana akkamitti gochuu akka dandeessu si hubachiisa.

 Wanta si sodaachisu beeki

 Ija laafinni waaʼee namootaa wajjin fuulaa fuulatti haasaʼuu yerooma yaaddu akka sodaattu si taasisa. Kanaan kan kaʼes, akkuma kutaa dukkanaaʼaa tokko keessa kophaa kee jirtuu, warra kaan irraa adda akka baate sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun kan nama sodaachisu dha. Taʼus, wanta si sodaachisu yoo beekte, sodaachuun akka si hin barbaachisne hubatta taʼa. Mee fakkeenyota sadii ilaali.

  •   Sodaa #1: “Maal akkan dubbadhu hin beeku.”

     Dhugaa jiru: Namoonni wanta dubbattu caalaa miira isaanitti uumte yaadatu. Wantoota namoonni kaan dubbataniif xiyyeeffannaa kennuu fi dandeettii dhaggeeffachuu kee guddifachuudhaan sodaa kee toʼachuu dandeessa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Hiriyaa akkamii qabaachuu barbaadda? Nama yeroo hundumaa dubbachuu jaallatu moo nama sirriitti nama dhaggeeffatu?

  •   Sodaa #2: “Namoonni ani nama nama nuffisiisu akkan taʼetti yaadu.”

     Dhugaa jiru: Ija laafessa taatus taʼuu baattus, namoonni waaʼee kee ni dubbatu. Namoota kaaniif yaada kee kan ibsitu yoo taʼe, namoonni akka gaariitti akka si beekan gochuu fi sodaa kee toʼachuu dandeessa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Namoonni hundi dogoggoraan akka si hubatan yoo yaadde, tarii dogoggoraan kan isaan hubate si dha.

  •   Sodaa #3: “Wanta sirrii hin taane yoon dubbadhe nan qaanaʼa.”

     Dhugaa jiru: Yeroo tokko tokko kun hunda keenya irra iyyuu ni gaʼa. Dogoggora raawwatte kana akka nama mudaa hin qabnetti akka of hin ilaalle warra kaanitti argisiisuuf carraa akka siif banutti ilaaluudhaan sodaa kee toʼachuu dandeessa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Namoota mudaa akka qaban amananii fudhatanii wajjin taʼun si hin gammachiisuu?

 Kana beektaa? Namoonni tokko tokko ergaa gabaabaa hedduu waan namootaaf erganiif ija laafeyyii akka taʼanitti hin yaadan. Haa taʼu malee, namootaa wajjin qaamaan wal arginee yommuu haasofnutti hiriyummaa dhugaa uumuun salphaa taʼa. Hayyuu xiinsammuu fi teknooloojii kan taate Sheerii Tarkil akkana jettee barreessiteetti: “Yommuu fuulleetti wal ilaalluu fi sagalee walii dhaggeeffannutti namoota kaanii wajjin caalaatti walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandeenya.” a

Sodaa kee toʼachuu barannaan fuulaa fuulatti namaa wajjin haasaʼuun akka kanaan dura yaaddu ulfaataa akka hin taane hubachuu dandeessa

 Wanta gochuu qabdu

  •   Namoota kaanii wajjin wal bira of hin qabin. Takkaatti nama namootaa wajjin salphaatti walitti dhihaatu taʼuun dirqama miti. Kanaa mannaa, kaayyoon kee carraan michummaa uumuu fi muuxannoo gaarii argachuu akka sin darbineef ija laafummaa kee toʼachuu taʼuu qaba.

     “Haasaan kee dheeraa taʼuu hin qabu, xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuus hin qabdu. Nama haaraa taʼetti eenyummaa kee himuu ykn gaaffiiwwan salphaa taʼan muraasa isa gaafachuun kee qofti gaʼaa dha.”—Alishiyaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.

  •   Hubadhu ilaali. Namoota salphaatti namootatti dhihaatan ilaali, akkasumas namoota kaanii wajjin kan haasaʼan akkamitti akka taʼe hubadhu. Wanti gaariin isaan godhan maali dha? Wanti gaarii hin taane hoo maali dha? Dandeettii isaanii keessaa isa kam horachuu barbaadda?

     “Namoota salphaatti hiriyaa horatan sirriitti ilaali, akkasumas irraa baradhu. Nama tokkoo wajjin yeroo jalqabaatiif yeroo wal argan maal akka godhanii fi maal akka jedhan qalbeeffadhu.”—Aaroon.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Akkuma sibiilli sibiila qaru, Namnis michuu isaa ni qara.”—Fakkeenya 27:17.

  •   Gaaffii gaafadhu. Yeroo baayʼee namoonni wanta tokko irratti yaada qaban dubbachuu jaallatu, kanaafuu gaaffii gaafachuun, isaanii wajjin maree jalqabuuf mala gaarii taʼe dha. Kana malees, namoonni si irratti akka hin xiyyeeffanne godha.

     “Dursitee qophaaʼuun dhiphina kee siif hirʼisa. Qophii tokko irratti argamuu kee dura mata dureewwan irratti haasaʼuu dandeessu ykn gaaffii gaafachuu dandeessu irratti yaaduu dandeessa; kun immoo namoota haaraa wajjin taʼuun akka si hin dhiphisne godha.”—Alaanaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

a Kitaaba Reclaiming Conversation jedhamu irraa kan fudhatame.