GAAFFII DARGAGGOOTAA
Suuraa Intarneetii Irratti Baasuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
Bashannana irra jirta haa jennu; haala irra jirtu hunda hiriyoota keetiif ibsuu barbaadde. Garuu akkamitti?
Hundaaf poostikaardii erguudhaanii?
Hiriyoota kee hundaaf iimeelii barreessuudhaanii?
Intarneetii irratti suuraa baasuudhaanii?
Yeroo akaakoliin kee akkuma kee dargaggoota turanitti, filannaan isaan qaban isa jalqabaa “A” qofa ture taʼa.
Yeroo warri kee dargaggoota turanitti immoo filannaan qaban isa lammaffaa “B” ture taʼa.
Yeroo harʼaatti garuu, dargaggoonni intarneetii irratti suuraa baasuuf heyyama argatan isa sadaffaa (C) filatu. Atis isa sadaffaa kan filattu yoo taʼe, mata dureen kun balaawwan tokko tokko irraa fagaachuuf si gargaara.
Faayidaawwan isaa maali?
Saffisa qaba. “Imalli tokko ykn yeroon hiriyoota koo wajjin dabarse baayʼee yoo na gammachiise, haala sana ilaalchisee yeruman gammadee jiru sanatti suuraa erguu nan dandaʼa.”—Meelanii.
Mijaawaa dha. “Haala hiriyoonni koo irra jiran beekuuf iimeelii fayyadamuu caalaa, suuraawwan haaraa isaan intarneetii irratti baasan ilaaluun baayʼee salphaa dha.”—Joordaan.
Hariiroon keessan akka itti fufu godha. “Hiriyoonnii fi maatiin koo tokko tokko ana irraa fagoo jiru. Isaan dafanii dafanii suuraa kan baasanii fi anis dafee dafee kanan ilaalu yoo taʼe, akkuman guyyaa guyyaadhaan isaan argetti natti dhagaʼama!”—Kaaran.
Balaawwan akkamii qaba?
Nageenya kee balaa irra buusuu dandeessa. Kaameeraan kee bakka ati jirtu kan ibsu (geotagging) kan qabu yoo taʼe, suuraawwan ati baaste wanta ati yaadde caalaa kan ibsan taʼuu dandaʼu. Weebsaayitiin Digital Trends jedhamu, “Suuraawwanii fi odeeffannoowwan kan biroo bakka ati jirtu sirriitti argisiisan Intarneetii irratti baasuun, namoonni sooftiweerii wanta kana sirriitti hordofuu dandaʼu qabanii fi warra kaan miidhuu barbaadan bakka namni tokko jiru salphaatti akka argatan gochuu dandaʼa” jechuudhaan gabaaseera.
Dhugaa dha, namoonni yakka raawwatan tokko tokko caalaatti beekuu kan barbaadan bakka ati hin jirre dha. Digital Trends akka gabaasetti, yeroo tokko namoonni hundi yeroo mana hin jirretti saamtonni mana 18 cabsanii saamaniiru. Namni mana akka hin jirre akkamitti beekan? Namoonni kun onlaayinii seenanii bakka jiraattonni kun itti argaman hubachuu dandaʼaniiru; kunis mala cybercasing jedhamu siʼa taʼu, kanaanis miʼawwan doolaara Ameerikaa 100,000 ol baasan fudhataniiru.
Wanti sirrii hin taane si mudachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko addunyaan akka ilaalu gochuuf wanta akkamii iyyuu intarneetii irratti yoo baasan qaaniin itti hin dhagaʼamu. Umurii waggoota kurnanii keessatti kan argamtu Saaraan akkana jetteetti: “Rakkinni isaa kan uumamu akkaawuntii namoota hin beeknee yommuu sakattaatu dha. Kun kaartaa utuu hin qabaatin magaalaa hin beekne keessa deemuu wajjin wal fakkaata. Kun bakka deemuu hin barbaannetti akka si geessu beekamaa dha.”
Yeroo kee si jalaa fudhachuu dandaʼa. Shamarreen Yolaandaa jedhamtu akkana jetteetti: “Namni tokko wantoota haaraa intarneetii irratti baafaman ilaaluu fi yaadawwan kennaman dubbisuudhaan salphaatti qabamuu dandaʼa. Wanta haaraa jiru ilaaluuf ammaa amma moobaayilii kee baastee ilaaluuf qoramuu dandeessa.”
Akkaawuntii suuraa ittiin ergitu yoo qabaatte of toʼachuun si barbaachisa
Shamarreen Samaantaa jedhamtus yaada kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Saʼaatiin weebsaayitoota kana irratti dabarsu toʼachuun na barbaachisa. Akkaawuntii intarneetii irratti suuraa baasuuf si gargaaru banachuuf jetta yoo taʼe, dhugumaan of toʼachuun si barbaachisa.”
Maal gochuu dandeessa?
Wanta jibbamaa taʼe irraa fagaachuuf murtoo godhi. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta gadhee ija koo dura kaaʼee hin taaʼu” jedha.—Faarfannaa 101:3.
“Wantoota namoonni ani hordofu intarneetii irratti baasan yeroo hunda nan ilaala; qabiyyeen isaanii gaarii akka hin taane yoo natti dhagaʼame sana booda isaan hordofuu nan dhiisa.”—Istiivan.
Amalawwan gaggaarii ati qabdu waan si jalaa laaffisaniif, namoota wanta ati itti amantutti hin amanne irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Hin gowwoominaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha.—1 Qorontos 15:33.
“Suuraawwan intarneetii irratti baafaman tokko tokko namoonni hedduun waan jaallataniif qofa suuraawwan kana hin ilaalin. Yeroo baayʼee dubbii ciiggaasisaan, suuraawwan qullaa argisiisanii fi wantoonni sirrii hin taane kaan yeroo kanatti si mudachuu dandaʼu.”—Jeesiikaa.
Yeroo itti intarneetii sakattaatuu fi suuraa itti baastu irratti daangaa godhi. Kitaabni Qulqulluun, “Akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka namoota ogeeyyii taʼaniitti akkamitti akka deddeebitan of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa” jedha.—Efesoon 5:15, 16.
“Namoota suuraa hedduu intarneetii irratti baasan hordofuu dhiiseera. Fakkeenyaaf namni tokko gara qarqara galaanaa deemee suuraawwan wal fakkaatan 20 intarneetii irratti baasa. Nama hin ajaaʼibsiisuu? Suuraawwan kana hunda ilaaluun yeroo hedduu gaafata!”—Rebeekaa.
Suuraan ati baastu waaʼee kee qofa kan ibsu akka fakkaatu hin godhin. Barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Phaawulos, “Namni isin gidduu jiru hundi, . . ., hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . nan gorsa” jedheera. (Roomaa 12:3) Suuraan kee fi sochiin kee michoota kee kan hawwatu akka taʼe gootee hin yaadin.
“Namoonni tokko tokko suuraa ofiin of kaasan hedduu intarneetii irratti baasu. Michoota walii yoo taane maal akka fakkaattu beeka, yeroo hunda yaadachiisni na hin barbaachisu!”—Aliisan.