Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 1: Saala Faallaa Wajjin Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuuf Umuriin Koo Gaʼeeraa?

Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 1: Saala Faallaa Wajjin Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuuf Umuriin Koo Gaʼeeraa?

Saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuu jechuun maal jechuudha?

  Namoonni tokko tokko saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuu akka taphaatti ilaalu. Haa taʼu malee mata duree kana keessatti saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuun yeroo dhiiraa fi dubartiin tokko waliin taʼuudhaan haala itti hiriyaa gaaʼelaa waliif taʼuu isaanii itti ilaalanidha. Kanaafuu, saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuun kaayyoo kan qabudha. Saala faallaa irraa xiyyeeffannaa argachuuf qofa yeroo waliin dabarsuu jechuu miti.

 Yeroo boodas murtii irra kan gaʼan yommuu taʼu, kunis gaaʼela godhachuu ykn hariiroo jaalalaa isaanii dhaabuudha. Gaaʼelaaf wal qorachuu yeroo jalqaabdutti kanneen lamaan keessaa tokko si mudachuu akka dandaʼu of qopheessuu qabda.

 Yaada ijoo: Saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf qophoofteetta taanaan, gaaʼela dhaabbachuufis akka qophoofte amanuu qabda.

Kaayyoo gaaʼela dhaabbachuu utuu hin qabaatin Wal qorachuun, hojii hojechuu utuu hin barbaadin gaafannoo hojiif dhiyaatu gaafatamuuf deemu wajjin wal fakkaata

Saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf qophoofteettaa?

  Wal qorannaan gara gaaʼelaatti waan geessuuf amalawwan walitti dhufeenya keessan keessatti fayyaduu ykn miidhaa geessisu danda‵u irratti yaaduun kee gaariidha. Fakkeenyaaf isaan armaan gadii kana ilaali.

  •   Walitti dhufeenya maatii wajjin qabdu. Keessumaa yeroo dhiphinni si mudatu haalli ati warraa fi obboloota kee itti qabdu yeroo baayʼee akkaataa itti hiriyaa gaaʼelaa kee qabdu argisiisa.

     Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa.”—Efesoon 4:31.

     Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Warrii fi obboloonni koo kabajaan akkan isaan qabu dubbachuu dandaʼuu? Isaan keessaa tokkoo wajjin waldhabiinsa yoon qabaadhe dhimmicha irratti tasgabbiidhaanan mariʼadhaa? Moo aareen falmii keessa gala?’

    Walitti bu‵iinsa warra kee wajjin uumamu hiikuun si rakkisa taanaan, hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yommuu taatu kana gochuu kan dandeessu sitti fakkaataa?

  •   Aarsaa gochuu. Gaaʼela yommuu godhattu yeroo baayʼee wanta hiriyaan gaaʼelaa kee barbaaddu yaaduu fi fedhakee aarsaa gochuu qabda.

     Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

     Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo hunda wantin jedhe qofti akka fudhatamun barbaadaa? Namoonni sababa qabeessa akkan taʼetti na beekuu? Fedhii warra kaanii kan koorra akkan dursu karaawwan kamiinan argisiisee beeka?’

  •   Gad of qabuu. Hiriyaa gaaʼelaa gaariin tokko dogoggora isaa amanee fudhata; akkasumas garaarraas dhiifama gaafata.

     Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.”—Yaaqoob 3:2.

     Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dogoggora koo amaneen fudhadha moo sababa dhiheessuufan yaala? Amala koo akkan itti fooyyessu ilaalchisee yommuu namoonni na gorsan nan aara?’

  •   Qusannaa. Namni qarshii hin qisaasessine walitti buʼiinsa guddaa gaaʼela keessatti uumamu dandaʼu hambisa.

     Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Isin keessaa namni tokko gamoo ijaaruu yoo barbaade, dura taaʼee maallaqa gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa beekuuf baasii isaa kan hin shallagne eenyu?”—Luqaas 14:28.

     Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Baasii koo nan toʼadha moo yeroo hunda liqiidhaanan jiraadha? Qarshii qisaasuu irraa akkan fagaadhu karaa kamiin argisiiseera?’

  •   Nageenya hafuuraa. Dhugaa Baatuu Yihowaa taanaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuuf sagantaa dhaabbataa qabaachuu qabda.

     Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.”—Maatewos 5:3.

     Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Amantii koo cimsachuuf carraaqqii nan godhaa? Hunda caalaa waaqeffannaa kootiifan dursa kenna moo wantoota kaaniif yaanni koo ni hihirama?’

 Yaada ijoo: Namni ati wajjin gaaʼela dhaabbattu hunda caalaa hiriyaa gaaʼelaa gaarii akka taatu barbaada. Nama akkanaa taatee argamuuf carraaqqii guddaa kan gootu taanaan, caalaatti nama amala akkasii argisiisuu barbaadu hawwachuu dandeessa taʼa.