GAAFFII DARGAGGOOTAA
Tapha Ispoortii Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
Taphni ispoortii si fayyaduu ykn si miidhuu dandaʼa. Kun tapha ati taphatu, akkaataa itti taphattuu fi yeroo taphicha irratti dabarsitu irratti kan hundaaʼe dha.
Faayidaa akkamii qaba?
Taphni ispoortii fayyaa qaamaatiif faayidaa qaba. Kitaabni Qulqulluun ‘sochiin qaamaa faayidaaʼ akka qabu ni dubbata. (1 Ximotewos 4:8, miiljalee) Dargaggeessi Rayaan jedhamu, “Taphni ispoortii dammaqaa taʼuuf carraa gaarii argamsiisa. Faayidaa baayʼee mana taʼanii viidiyoo geemii taphachuu irra caalu qaba” jedheera.
Tapha ispoortii irratti hirmaachuun warra kaanii wajjin hojjechuu fi of toʼachuu nama barsiisa. Kitaabni Qulqulluun yaada tokko hubachiisuuf gosa ispoortii tokkotti fayyadama. Fakkeenyichi, “Warri dorgommii fiigichaa irra jiran hundi akka fiigan, taʼus badhaasicha kan argatu isa tokko qofa akka taʼe” dubbata. Itti dabalees, “namni dorgommii irratti hirmaatu kam iyyuu waan hundumaa irratti of toʼata” jedha. (1 Qorontos 9:24, 25) Qabxiin isaa maali dha? Seera tapha ispoortii tokkoo eeganii taphachuun of toʼachuu fi taphattoota kaanii wajjin wal taʼuu gaafata. Shamarreen Abigeel jedhamtu yaada kana irratti walii galti. Ishiin, “Tapha ispoortii irratti hirmaachuun koo warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu fi walii galtee qabaachuu na barsiiseera” jetteetti.
Tapha ispoortii irratti hirmaachuun michooma cimsuuf gargaara. Sochii ispoortii irratti hirmaachuun namoonni akka wal argan godha. Dargaggeessi Joordaan jedhamu akkas jedheera: “Taphawwan ispoortii hundi dorgommii kan qaban taʼus kaayyoo bashannanaatiif sochiiwwan ispoortii irratti waliin hirmaachuun keessan walitti dhufeenyi keessan akka jabaatu godha.”
Balaa akkamii qaba?
Tapha irratti hirmaattu. Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan isa qajeelaas taʼe isa hamaa ni qora; Inni isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba” jedha.—Faarfannaa 11:5.
Taphni tokko tokko hafuura hamminaatiin kan guutame dha. Fakkeenyaaf, shamarreen Looreen jedhamtu akkas jetteetti: “Kaayyoon tapha buunyaa nama isa kaan rukutuu dha. Kiristiyaanota waan taaneef warra kaanii wajjin wal hin lollu. Maarree tapha namoonni yeroo wal rukutan argisiisu ilaaludhaan maaliif bashannanna?”
Mee yaadi: Tapha hammeenya of keessaa qabu taphachuun ykn ilaaluun qofti gocha hamminaa akkan raawwadhu na hin taasisu jettee yaaddee beektaa? Taanaan Faarfannaan 11:5 akka jedhutii, Yihowaan nama hammeenya raawwatu qofa utuu hin taʼin, nama ‘hammina jaallatus’ akka jibbu qalbeeffadhu.
Akkaataa itti taphattu. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.”—Filiphisiyus 2:3.
Dhugaa isaa dubbachuuf tapha gareen faallaa taʼe waliin taphatu kam iyyuu gidduu hamma tokko dorgommiin akka jiru beekamaa dha. Haa taʼu malee ejjennoo maal iyyuu yoo taʼee ‘Moʼuun qabaʼ jedhu qabaatanii taphachuun taphichi gammachiisaa akka hin taane godha. Dargaggeessi Biraayan jedhamu akkas jedheera: “Salphaadhumatti hafuura dorgommii keessa galtu. Ispoorticha irratti dandeettii qabaachaa yommuu deemtan amala gad of qabuu horachuuf caalaatti carraaqqii gochuu qabdu.”
Mee yaadi: Dargaggeessi Kiriis jedhamu, “Torbee torbeen kubbaa miillaa ni taphanna. Yeroo tokko tokko tapha irratti miidhaan nurra gaʼa” jedheera. Kanaafuu akkas jedhii of gaafadhu: “Wantoonni caalaatti balaaf na saaxiluu dandaʼan tokko tokko maal faʼi? Carraa balaaf na saaxilan tokko tokko hambisuuf maal gochuun dandaʼa?”
Yeroo tapha irratti dabarsitu. Kitaabni Qulqulluun; ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaaʼ jedha.—Filiphisiyus 1:10.
Wantoota dursa kennuufii qabdu adda baasuu qabda; wantoonni hafuuraa sochiiwwan dursi kennamuufii qabu dha. Taphawwan hedduun taphachuufis taʼe ilaaluuf saʼaatii baayʼee nama jalaa fudhatu. Shamarreen Daariyaa jedhamtu, “Wanta gaarii taʼe hojjechuu utuun dandaʼuu yeroon taphawwan ispoortii televijiiniidhaan ilaaluun dabarsu irratti haadha koo wajjin wal lolla turre” jetteetti.
Tapha ispoortiitiif garmalee bakka guddaa kennuun nyaata keessanitti garmalee ashaboo dabaluu wajjin wal fakkaata
Mee yaadi: Warri kee wanta dursa kennuufii qabdu ilaalchisee gorsa yommuu siif kennan ni fudhattaa? Shamarreen Tiriinaa jedhamtu akkas jetteetti: “Haati keenya wanta hojjechuu qabnu dhiisnee taphawwan ispoortii yommuu ilaallu taphicha ilaaltanis ilaaluu baattanis taphattoota sanaaf mindaan ni kaffalama. ‘Isiniif hoo eenyutu kaffala?’ jettee nu gaafatti turte. Qabxii ishiin dabarsuu barbaadde kana dha: Taphichi taphattoota sanaaf hojii isaanii ti. Nuti garuu hoji manee keenyaa fi itti gaafatamummaa qabnu hin raawwannu taanaan gara fuula duraatti hojii argachuu hin dandeenyu. Haati koo; tapha ispoortii ilaaluu ykn taphachuun wanta jireenya keessatti dursi kennamuuf akka hin taane dubbachuu ishii ture.”