Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Saala Wal Fakkaatu Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggoraa?

Saala Wal Fakkaatu Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggoraa?

 “Yommuun ijoollee turetti wanti natti ulfaatee fi dandamachuun na barbaachise inni guddaan, namoonni saala akkuma koo qaban xiyyeeffannaa koo harkisu turan. Miirri natti dhagaʼamu sun yeroodhaaf qofa akka turu natti dhagaʼaamee kan ture taʼus, hamma yoonaatti na dhiphisa.”—Deevid, 23.

 Deevid Kiristiyaana Waaqayyoon gammachiisuu barbaadu dha. Namoonni saala akkuma isaa qaban xiyyeeffannaa isaa kan harkisan taʼus, kana gochuu ni dandaʼaa? Saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwachuu ilaalchisee Waaqayyootti maaltu itti dhagaʼama?

 Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwachuu ilaalchisee ilaalchi jiru aadaawwan gidduuttii fi yeroodhaa gara yerootti garaa gara taʼuu dandaʼa. Haa taʼuu malee, Kiristiyaanonni ilaalcha namoota hedduu hin hordofanii ykn ‘barumsaa hundumaatiin asii fi achi hin daddarbataman.’ (Efesoon 4:14) Kanaa mannaa, saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwatamu (akkasumas, amalawwan kan biroo kaaniis) ilaalchisee ilaalchi isaan qaban qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha.

 Saalqunnamtii saala walfakkaatu wajjin raawwatamu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun qajeelfama ifa taʼe kenna. Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha:

  •  “Akkuma dubartii wajjin ciistutti, dhiiraa wajjin hin ciisin.”—Leewwota 18:22.

  •  “Waaqayyo qaama isaanii akka salphisaniif akka hawwii garaa isaaniitti, . . . fedhii saalqunnamtii qaanessaa taʼetti dabarsee kan isaan kenne kanaafi; dubartoonni isaanii saalqunnamtii uumamaan isaaniif kenname isa uumamaan ala taʼetti jijjiiran.”—Roomaa 1:24, 26.

  •  “Namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii? Hin dogoggorinaa. Warri halaleen, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoonni, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsan, hattoonni, sassattoonni, warri machaaʼan, warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”—1 Qorontos 6:9, 10.

 Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu namoota hundumaaf jechuunis namoota saala walfakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabaniis taʼee, namoota kaaniifis ni hojjeta. Namni hundi gocha Waaqayyoon gaddisiisu irratti akka hirmaatu dhibbaan yommuu isa irra gaʼu of toʼachuun isa irra jira.—Qolosaayis 3:5.

 Kana jechuun . . . ?

 Kana jechuun Kitaabni Qulqulluun namoota saala akkuma isaanii qaban wajjin saalqunnamtii raawwatan akka jibbinu jajjabeessa jechuudhaa?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun namoota kam iyyuu jechuunis namoota saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwatanis taʼee namoota kaan akka jibbinu hin jajjabeessu. Kanaa mannaa, akkaataan jireenyaa isaanii maal iyyuu haa taʼuu “namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqaa” nun jedha. (Ibroota 12:14) Kanaafuu, namoota saalqunnamtii saala walfakkaatu wajjin raawwatan reebuun, yakka isaan irratti raawwachuun, ykn wanta isaan miidhu kam iyyuu gochuun dogoggoradha.

 Kana jechuun Kiristiyaanonni seera saala walfakkaatu wajjin gaaʼela godhachuu heyyamu mormuu qabu jechuudha?

 Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti gaaʼela ilaalchisee seerri Waaqayyo kenne walitti dhufeenya dhiirri tokko dubartii tokko wajjin qabudha. (Maatewos 19:4-6) Haa taʼu malee, saalqunnamtii saala walfakkaatu wajjin raawwatamu ilaalchisee seera namoonni baasan irratti mariʼachuun naamusa utuu hin taʼin siyaasaa wajjin wal qabata. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni siyaasa keessa akka hin seenne dubbata. (Yohaannis 18:36) Kanaafuu, seera Mootummaan gaaʼela ykn saalqunnamtii saala fakkaatu wajjin godhamu ilaalchisee baase mormuu ykn deggeruu hin qaban.

 Haa taʼu malee yoo . . . ?

 Haa taʼuu malee, namni tokko saalqunnamtii saala walfakkaatu wajjin raawwachaa jira yoo taʼe hoo? Namni sun jijjiiramuu dandaʼaa?

 Eeyyee. Jaarraa jalqabaatti namoonni tokko tokko jijjiiramaniiru! Kitaabni Qulqulluun namoonni saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwatan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle erga dubbatee booda akkana jedha: “Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan.”—1 Qorontos 6:11.

 Kana jechuun namoonni namoota saala walfakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwachuu dhiisan jireenya isaanii isa kanaan duraatti hin deebiʼan jechuudhaa? Lakki. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Namummaa haaraa isa beekumsa sirriidhaan haareffamaa deemu sana uffadhaa.’ (Qolosaayis 3:10) Jijjiiramni wanta itti fufaa deemudha.

 Haa taʼu malee, namni qajeelfama Waaqayyo hordofuu barbaadu tokko amma iyyuu fedhii akkasii qaba yoo taʼe hoo?

 Namni tokko fedhii qabu kam iyyuu raawwachuu ykn raawwachuu dhiisuuf filachuu ni dandaʼa. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha, “Ani isinitti nan hima, hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa; yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.”—Galaatiyaa 5:16.

 Caqasichi namni kun fedhii foonii hin qabaatu akka hin jenne hubadhaa. Kanaa mannaa, barsiifata Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi kadhannaa kan qabu yoo taʼe, fedhii sana mormuuf jabina argata.

 Deevid inni olitti ibsame, keessumaa carraaqqii fedhii kana mormuuf godhu warra isaatiif erga himee booda kun dhugaa taʼuu isaa hubateera. Akkana jedheera: “Kun baʼaa guddaa natti taʼee ture, utuu dursee isaanitti himeera taʼee umurii dargaggummaa koo gammachuudhaan nan dabarsan ture.”

 Kanaafuu, qajeelfama Yihowaa wajjin wal simnee yommuu jiraannu gammadoo taana. Qajeelfamawwan kun ‘qajeelaa fi garaa namaa akka gammachiisu,’ ‘isaaniin eeguunis badhaasa guddaa akka argamsiisu’ hin shakkisiisu.—Faarfannaa 19:8, 11.