Faarfannaa 19:1-14
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
19 Samiiwwan ulfina Waaqayyoo ni labsu;+Hawaan hojii harka isaa ni lallaba.+
2 Guyyaa guyyaa dubbiin isaanii ni madda,Halkan halkanis beekumsa mulʼisu.
3 Dubbiin hin jiru, jechis hin jiru;Sagaleen isaanii hin dhagaʼamu.
4 Taʼus, sagaleen* isaanii guutummaa lafaa irratti,Ergaan isaaniis hamma andaara lafaatti* dhagaʼameera.+
Inni samii irratti aduudhaaf dunkaana dhaabeera;
5 Ishiin akka misirroo diinqa misirroo keessaa baʼuu ti;Akka goota dorgommii fiigichaa fiigaa jiruuttis ni gammaddi.
6 Ishiin fiixee samii isa tokko irraan baateeGara fiixee isa kaaniitti naannofti;+Wanti hoʼa ishii jalaa dhokatu tokko illees hin jiru.
7 Seerri Yihowaa mudaa hin qabu,+ humna namaa haaressa.*+
Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha,+ isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha.+
8 Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa;+Ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa.+
9 Yihowaa sodaachuun+ taliila,* bara baraaf jiraata.
Murtiiwwan Yihowaa dhugaa dha, guutummaatti qajeeloo dha.+
10 Isaan warqii caalaa,Warqii gaarii* hedduu caalaas gatii guddaa qabu;+Damma caalaa, nadhii dammaa dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas ni miʼaawu.+
11 Tajaajilaan kee isaan irraa akeekkachiisa argata;+Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa.+
12 Dogoggora hubachuu kan dandaʼu eenyu?+
Cubbuu ani hin hubanne irraa qulqulluu akkan taʼe beeksisi.
13 Tajaajilaa kee gochawwan of tuulummaadhaan raawwataman irraa eegi;+Isaan akka na moʼan hin heyyamin.+
Anis guutuu nan taʼa,+Cubbuu ija jabinaan raawwatamu* irraas walaba nan taʼa.
14 Qarsaa koo+ fi furii+ koo kan taate Yaa Yihowaa,Wantin afaan kootiin dubbadhuu fi wantin garaa kootti yaadu kan si gammachiisu haa taʼu.+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “wadaroon safaraa.”
^ Ykn., “lafa oomisha kennituutti.”
^ Ykn., “lubbuu haaressa (namatti deebisa).”
^ Jechuunis, qulqulluu.
^ Ykn., “qulqulleeffame.”
^ Ykn., “balleessaa hedduu.”