Faarfannaa 119:1-176

  • Dubbii Waaqaa isa gatii guddaa qabu dinqisiifachuu

    • ‘Dargaggoonni akkamitti daandii isaanii qulqulluu godhanii eeguu dandaʼu?’ (9)

    • “Yaadachiisawwan kee nan jaalladha” (24)

    • ‘Dubbiin kee abdii koo ti’ (74, 81, 114)

    • “Seera kee baayʼee nan jaalladha!” (97)

    • “Ani barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba” (99)

    • ‘Dubbiin kee miila kootiif ibsaa dha’ (105)

    • “Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha” (160)

    • Nagaa warri seera Waaqaa jaallatan qaban (165)

א [Aleef] 119  Warri daandii isaaniitiin balleessaa hin qabne,*Warri seera Yihowaatiin deddeebiʼan gammadoo dha.+   Warri yaadachiisawwan isaa eegan,+Warri garaa isaanii guutuudhaan isa barbaaddatan gammadoo dha.+   Isaan jalʼina hin raawwatan,Daandiiwwan isaa irra ni deemu.+   Ajajawwan kee of eeggannoodhaan akka eegamanAjaja kenniteetta.+   Dambiiwwan kee akkan eeguuf,Maal taʼa jabaadhee dhaabbachuu utuun dandaʼee!*+   Silaa ajajawwan kee hunda yommuun qoʼadhutti,Hin qaanaʼun ture.+   Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼan yommuun baradhu,Garaa qajeelaadhaan sin jajadha.   Dambiiwwan kee nan eega. Matumaa guutummaatti na hin dhiisin. ב [Beet]   Dargaggeessi akkamitti daandii isaa qulqulluu godhee eeguu dandaʼa? Akka dubbii keetti of eeguudhaani.+  10  Garaa koo guutuudhaan sin barbaaddadha. Ajajawwan kee irraa akkan goru hin godhin.+  11  Si irratti cubbuu akkan hin hojjenneef,+Garaa koo keessatti dubbii keetiif bakka guddaa nan kenna.+  12  Yaa Yihowaa, kan jajamte taʼi;Dambiiwwan kee na barsiisi.  13  Murtiiwwan ati dubbatte hundumaaAfaan kootiin nan labsa.  14  Wantoota gatii guddaa qaban hundumaa kaan caalaa,+Yaadachiisawwan keetti nan gammada.+  15  Ajajawwan kee irratti nan yaada,*+Daandiiwwan kee irras ija koo nan kaaʼa.+  16  Dambiiwwan kee nan jaalladha. Dubbii kee hin irraanfadhu.+ ג [Giimel]  17  Lubbuudhaan akkan jiraadhuu fi dubbii kee akkan eeguuf,+Ana tajaajilaa kee gaarummaadhaan qabi.  18  Wantoota dinqisiisoo seera kee keessa jiranSirriitti arguu akkan dandaʼuuf ija koo naaf bani.  19  Ani garuu biyyattii keessatti nama biyya ormaa ti.+ Ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.  20  Ani* yeroo hundumaa murtiiwwan keeHawwuudhaan kan kaʼe bututeera.  21  Ati warra of tuulan,Warra abaaramoo ajajawwan kee irraa goran ni ifatta.+  22  Yaadachiisawwan kee waanan eegeef,Qoosaa fi tuffii na irraa balleessi.*  23  Bulchitoonni waliin taaʼanii waaʼee koo wanta hamaa yommuu dubbatanitti illee,Ani tajaajilaan kee dambiiwwan kee irratti nan yaada.*  24  Yaadachiisawwan kee nan jaalladha;+Isaan gorsitoota koo ti.+ ד [Daalet]  25  Awwaara irra gombifamee nan ciisa.+ Akka dubbii keetti lubbuudhaan na tursi.+  26  Waaʼee daandii kootii sitti himadheera, atis deebii naaf kenniteetta;Dambiiwwan kee na barsiisi.+  27  Hojiiwwan kee warra dinqisiisoo irratti akkan yaaduuf,*Hiika* ajajawwan keetii na hubachiisi.+  28  Ani* gadda irraa kan kaʼe hirriba dhabeera. Akka dubbii keetti na cimsi.  29  Daandii gowwoomsaa na irraa fageessi,+Seera kee na barsiisuudhaan gaarummaa natti argisiisi.  30  Daandii amanamummaa filadheera.+ Murtiiwwan kee sirrii taʼuu isaanii nan beeka.  31  Yaadachiisawwan keetti nan maxxana.+ Yaa Yihowaa, abdii akkan kutadhu* hin godhin.+  32  Ati garaa koo keessatti iddoo waan isaaf kenniteef,*Daandii ajajawwan keetii hawwiidhaan nan hordofa.* ה [Hii]  33  Yaa Yihowaa, daandii dambiiwwan keetii na barsiisi,+Anis hamma dhumaatti isa nan hordofa.+  34  Seera kee akkan hojii irra oolchuuf,Garaa koo guutuudhaanis akkan isa eeguuf,Hubannaa naaf kenni.  35  Waanan itti gammaduuf,Daandii ajajawwan keetii irra na geggeessi.*+  36  Garaa koo gara faayidaa ofittummaatti* utuu hin taʼin,+Gara yaadachiisawwan keetti gorsiisi.  37  Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi;+Daandii kee irras lubbuudhaan na tursi.  38  Ati akka sodaatamtuuf,Waadaa* tajaajilaa keetiif galte raawwadhu.*  39  Murtiiwwan kee gaarii waan taʼaniif,+Salphina ani sodaadhu sana fageessi.  40  Ajajawwan kee hammam akkan hawwu ilaali. Qajeelummaa keetiin lubbuudhaan na tursi. ו [Waaw]  41  Yaa Yihowaa, waadaa* kee wajjin haala wal simuun,Jaalala kee isa amanamaa fi fayyisuu kee akkan argu godhi;+  42  Achiis dubbii keetti waanan amanamuuf,Isa na arrabsu sanaaf deebii nan kenna.  43  Murtii kee waanan abdadheef,*Dubbii dhugaa afaan koo keessaa guutummaatti hin balleessin.  44  Baraa hamma bara baraatti,Yeroo hundumaa seera kee nan eega.+  45  Ajajawwan kee waanan barbaaddadhuuf,Bakka balaa irraa walaba* taʼe keessa asii fi achi nan deema.+  46  Mootota duratti waaʼee yaadachiisawwan keetii nan dubbadha,Hin qaanaʼus.+  47  Ajajawwan kee nan jaalladha,Eeyyee, nan jaalladha.+  48  Harka koo gara ajajawwan kee warran jaalladhu sanaatti nan kaasa,+Dambiiwwan kee irrattis nan yaada.*+ ז [Zaayin]  49  Dubbii* kee isa ana tajaajilaa keetiif kennite,Isa ittiin abdii naaf kennite* sana yaadadhu.  50  Dubbiin kee lubbuudhaan waan na turseef,Kun isa yeroo rakkina kootti jajjabina naaf kennu dha.+  51  Warri of tuulan akka malee natti qoosu,Ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.+  52  Yaa Yihowaa, bara duriitii jalqabee murtiiwwan kee nan yaadadha,+Isaan irraas jajjabina nan argadha.+  53  Hamoota warra seera kee dhiisaniin kan kaʼe,Ani aaree bobaʼeera.+  54  Eessa iyyuu yoon jiraadhe,*Dambiiwwan kee faarfannaa koo ti.  55  Yaa Yihowaa, seera kee akkan eeguuf,Halkan maqaa kee nan yaadadha.+  56  Ajajawwan kee waanan eegeef,Akkana gochuun barsiifata naaf taʼeera. ח [Heet]  57  Yihowaan gaʼee koo ti;+Ani dubbii kee eeguuf waadaa galeera.+  58  Garaa koo guutuudhaan sitti nan iyyadha;+Akka waadaa galtetti* gaarummaa natti argisiisi.+  59  Miila koo gara yaadachiisawwan keetti deebisuuf,Ani daandii koo qoreera.+  60  Ajajawwan kee eeguuf,Nan ariifadha, hin turus.+  61  Wadaroon hamootaa natti marse,Ani garuu seera kee hin irraanfadhu.+  62  Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼaniifGalata siif galchuuf halkan walakkaa nan kaʼa.+  63  Ani warra si sodaataniif,Akkasumas, warra ajajawwan kee eegan hundumaatiif michuu dha.+  64  Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan lafa ni guuta;+Dambiiwwan kee na barsiisi. ט [Teet]  65  Yaa Yihowaa, akka dubbii keetti,Ana tajaajilaa keetiif wanta gaarii gooteetta.  66  Ajajawwan keetti waanan amanameef,Hubannaa fi beekumsa naaf kenni.+  67  Rakkinni na irra gaʼuu isaa dura, karaa irraa nan goran ture,*Amma garuu dubbii kee nan eega.+  68  Ati gaarii dha,+ hojiiwwan kees gaarii dha. Dambiiwwan kee na barsiisi.+  69  Warri of tuulan soba natti dhooban,Ani garuu garaa koo guutuudhaan ajajawwan kee nan eega.  70  Garaan isaanii hamaa* dha,+Ani garuu seera kee nan jaalladha.+  71  Dambiiwwan kee akkan baradhuuf,Rakkina keessa darbuun koo anaaf gaarii dha.+  72  Warqii fi meetii hedduu caalaa+Seerri ati labsite anaaf gaarii dha.+ י [Yood]  73  Kan na uumee fi kan na tolche harka kee ti. Ajajawwan kee akkan baradhuuf,Hubannaa naaf kenni.+  74  Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef,*+Warri si sodaatan na arganii gammadu.  75  Yaa Yihowaa, murtiiwwan kee qajeeloo akka taʼan,+Amanamummaa keetiinis akka na cunqursite nan beeka.+  76  Akka ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,*Maaloo, jaalalli kee inni amanamaan+ na haa jajjabeessu.  77  Seera kee waanan jaalladhuuf,+Lubbuudhaan akkan jiraadhuuf gara laafina natti argisiisi.+  78  Isaan sababii malee* waan na miidhaniif,Warri of tuulan haa qaanaʼan. Ani garuu ajajawwan kee irratti nan yaada.*+  79  Warri si sodaatan,Warri yaadachiisawwan kee beekan gara kootti haa deebiʼan.  80  Akkan hin qaanofneef,+Garaan koo dambiiwwan kee eeguu irratti mudaa kan hin qabne haa taʼu.+ כ [Kaaf]  81  Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef,*Fayyina si irraa argamu nan hawwa.*+  82  Ijji koo dubbii kee ni hawwa,+“Ati yoom na jajjabeessita?”+ jedheen gaafadha.  83  Ani akkuma qalqalloo aarri gogsee ti,Taʼus dambiiwwan kee hin irraanfadhu.+  84  Ani tajaajilaan kee guyyoota meeqaafan eega? Warra na ariʼatan irratti kan murteessitu yoomi?+  85  Warri of tuulan,Warri seera kee tuffatan boolla naaf qotu.  86  Ajajawwan kee hundi amanamoo dha. Namoonni sababii malee na ariʼatu; na gargaari!+  87  Isaan guutummaatti lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan,Ani garuu ajajawwan kee hin dhiisne.  88  Yaadachiisawwan ati dubbatte akkan eeguuf,Jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe lubbuudhaan na tursi. ל [Laamed]  89  Yaa Yihowaa,Dubbiin kee bara baraaf samiiwwan keessatti jabaatee dhaabbata.+  90  Amanamummaan kee dhaloota hundumaa keessa ni jiraata.+ Lafti jabaattee akka dhaabbattuuf, cimsitee ishii hundeessiteetta.+  91  Hundi isaanii tajaajiltoota kee waan taʼaniif,Isaan* murtiiwwan keetiin hamma harʼaatti jiraataniiru.  92  Seera kee utuun hin jaallanne taʼee,Silaa yoona rakkina na irra gaʼeen badeen ture.+  93  Ati isaaniin lubbuudhaan waan na tursiteef,Matumaa ajajawwan kee hin irraanfadhu.+  94  Ani kan kee ti;Ajajawwan kee waanan barbaaddadheef+ na oolchi.+  95  Hamoonni na balleessuuf na eeggatu,Ani garuu yaadachiisawwan keetiif xiyyeeffannaa guddaa nan kenna.  96  Wanti mudaa hin qabne hundinuu daangaa akka qabu argeera,Ajajni kee garuu daangaa hin qabu.* מ [Meem]  97  Seera kee baayʼee nan jaalladha!+ Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada.*+  98  Ajajni kee bara baraaf naa wajjin waan jiruuf,Diinota koo caalaa ogeessa na godha.+  99  Yaadachiisawwan kee irratti waanan yaaduuf,*Ani barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.+ 100  Ajajawwan kee waanan eeguuf,Maanguddoota caalaa hubannaadhaan nan deddeebiʼa. 101  Dubbii kee akkan eeguuf,Daandii hamaa akkamii irra iyyuu deemuu nan dida.+ 102  Ati waan na barsiisteef,Ani murtiiwwan kee irraa hin goru. 103  Dubbiin kee laagaa koo keessatti akkam miʼaawa! Afaan koo keessattis damma caalaa miʼaawa!+ 104  Ajajawwan keetiin hubannaadhaan nan deddeebiʼa.+ Daandii sobaa kam iyyuu kanan jibbu kanaafi.+ נ [Nuun] 105  Dubbiin kee miila kootiif ibsaa,Daandii kootiifis ifa dha.+ 106  Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼan eeguuf,Kakaa kakadheera, isas nan raawwadha. 107  Ani akka malee cunqurfameera.+ Yaa Yihowaa, akka dubbii keetti lubbuudhaan na tursi.+ 108  Yaa Yihowaa, maaloo fedhii kootiin si jajachuu kootti* gammadi,+Murtiiwwan kees na barsiisi.+ 109  Yeroo hundumaa lubbuun koo balaadhaaf saaxilameera,*Ani garuu seera kee hin irraanfanne.+ 110  Hamoonni kiyyoo naaf kaaʼaniiru,Ani garuu ajajawwan kee irraa hin gorre.+ 111  Gammachuu garaa kootii waan taʼaniif,Yaadachiisawwan kee akka qabeenya dhaabbataatti* nan ilaala.+ 112  Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti,Dambiiwwan keetiif ajajamuuf kutadheera.* ס [Saamek] 113  Warra garaa walakkaa qaban* nan jibba,+Seera kee garuu nan jaalladha.+ 114  Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef,*+Ati gaaddisa koo fi gaachana koo ti.+ 115  Ajajawwan Waaqa kootii akkan eeguuf,Isin namoonni hamoon na irraa fagaadhaa.+ 116  Lubbuudhaan jiraachuu koo akkan itti fufuuf,Akkuma waadaa galtetti* na deggeri;+Abdiin koo gara abdii kutachuutti* akka jijjiiramu hin godhin.+ 117  Akkan ooluuf na deggeri;+Anis yeroo hundumaa dambiiwwan kee irratti nan xiyyeeffadha.+ 118  Isaan sobdootaa fi gowwoomsitoota waan taʼaniif,Ati warra dambiiwwan kee irraa goran hundumaa of irraa ni fageessita.+ 119  Hamoota lafa irra jiran hundumaa akkuma kosii gatii hin qabneetti ni balleessita.+ Ani yaadachiisawwan kee kanan jaalladhu kanaafi. 120  Si sodaachuudhaan kan kaʼe qaamni* koo ni hollata;Murtiiwwan kee nan sodaadha. ע [Ayiin] 121  Ani wanta haqaa fi qajeelaa taʼe raawwadheera. Warra na cunqursanitti dabarsitee na hin kennin! 122  Nageenya ana tajaajilaa keetii mirkaneessi. Warri of tuulan na hin cunqursin. 123  Fayyisuu kee fi waadaa* kee isa qajeelaa+ eeguudhaanIjji koo dadhabeera.+ 124  Jaalala kee isa amanamaa ana tajaajilaa keetti argisiisi,+Dambiiwwan kees na barsiisi.+ 125  Ani tajaajilaa kee ti;Yaadachiisawwan kee akkan beekuuf hubannaa naaf kenni.+ 126  Isaan seera kee waan cabsaniif,Yaa Yihowaa, yeroon tarkaanfii itti fudhattu gaʼeera.+ 127  Warqii caalaa, warqii gaarii* irra illeeAjajawwan kee kanan jaalladhu kanaafi.+ 128  Kanaafuu, qajeelfama* si biraa dhufe hunda sirrii akka taʼettan ilaala;+Daandii sobaa hundumaa nan jibba.+ פ [Pee] 129  Yaadachiisawwan kee dinqisiisoo dha. Kanan isaan eegu kanaafi. 130  Dubbiin kee yommuu mulʼifamu ifa argamsiisa,+Isa muuxannoo hin qabneef hubannaa kenna.+ 131  Ajajawwan kee waanan hawwuuf,+Afaan koo balʼisee nan banadha, hafuuras nan baafadha.* 132  Murtii warra maqaa kee jaallataniif kennituu wajjin haala wal simuun,+Gara kootti garagali, gaarummaas natti argisiisi.+ 133  Dubbii keetiin tarkaanfii koo nagaadhaan qajeelchi;*Wanti hamaan akkamii iyyuu na hin moʼin.+ 134  Namoota nama cunqursan irraa na oolchi,*Anis ajajawwan kee nan eega. 135  Fuula kee ana tajaajilaa kee irratti ibsi,+Dambiiwwan kees na barsiisi. 136  Namoonni seera kee waan hin eegneef,Imimmaan akkuma lolaatti ija koo keessaa gad ni yaaʼa.+ צ [Tsadee] 137  Yaa Yihowaa, ati qajeelaa dha,+Murtiiwwan kees sirrii dha.+ 138  Yaadachiisawwan ati kennitu qajeeloo dha,Guutummaattis kan amanamani dha. 139  Diinonni koo dubbii kee waan irraanfataniif,Hinaaffaan koo na nyaata.+ 140  Dubbiin kee akka gaariitti kan qulqullaaʼe dha,+Tajaajilaan kees isa ni jaallata.+ 141  Ani nama bakka guddaa hin qabnee fi tuffatamaa dha;+Taʼus ajajawwan kee hin irraanfanne. 142  Qajeelummaan kee qajeelummaa bara baraa ti,+Seerri kees dhugaa dha.+ 143  Dhiphinnii fi rakkinni na irra gaʼus,Yeroo hundumaa ajajawwan kee nan jaalladha. 144  Qajeelummaan yaadachiisawwan keetii kan bara baraa ti. Lubbuudhaan jiraachuu koo akkan itti fufuuf, hubannaa naaf kenni.+ ק [Qoof] 145  Garaa koo guutuudhaan nan waammadha. Yaa Yihowaa, deebii naaf kenni. Dambiiwwan kee nan eega. 146  Sin waammadha; na oolchi! Yaadachiisawwan kee nan eega. 147  Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef,*Gargaarsaaf iyyachuuf barraaqaan* nan dammaqa.+ 148  Dubbii kee irratti yaaduu* akkan dandaʼuuf,Ijji koo halkan walakkaa ni banama.+ 149  Jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe sagalee koo dhagaʼi.+ Yaa Yihowaa, akka haqa keetti lubbuudhaan na tursi. 150  Warri gocha qaanessaa irratti hirmaatan natti dhihaataniiru;Isaan seera kee irraa fagaataniiru. 151  Yaa Yihowaa, ati natti dhihoo dha;+Ajajawwan kee hundis dhugaa dha.+ 152  Bara dheeraa dura waaʼee yaadachiisawwan keetii,Bara baraaf akka jiraataniif akka isaan hundeessite baradheera.+ ר [Reesh] 153  Ani seera kee waan hin irraanfanneef,Rakkina koo ilaaliitii na oolchi.+ 154  Naaf falmi,* na oolchi;+Waadaa* kee wajjin haala wal simuunis lubbuudhaan na tursi. 155  Isaan dambiiwwan kee waan hin barbaaddanneef,Fayyinni hamoota irraa fagoo jira.+ 156  Yaa Yihowaa, gara laafinni kee guddaa dha.+ Haqa kee wajjin haala wal simuun, lubbuudhaan na tursi. 157  Warri na ariʼatanii fi diinonni koo hedduu dha;+Ani garuu yaadachiisawwan kee irraa hin gorre. 158  Isaan dubbii kee waan hin eegneef,Gantoota ija jibbaatiin nan ilaala.+ 159  Ajajawwan kee hammam akkan jaalladhu ilaali! Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe lubbuudhaan na tursi.+ 160  Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha,+Murtiiwwan kee warri qajeeloon hundi bara baraaf jabaatanii dhaabbatu. ש [Siin] ykn [Shiin] 161  Bulchitoonni sababii malee na ariʼatu,+Garaan koo garuu dubbii keetiif kabaja guddaa qaba.+ 162  Akkuma nama boojuu guddaa argatetti,Dubbii keetti nan gammada.+ 163  Soba nan jibba, nan balfas,+Seera kee garuu nan jaalladha.+ 164  Murtiiwwan kee warra qajeeloo taʼaniin kan kaʼe,Guyyaatti siʼa torba sin jajadha. 165  Warri seera kee jaallatan nagaa hedduu qabu;+Homtuu isaan gufachiisuu hin dandaʼu.* 166  Yaa Yihowaa, gochawwan fayyinaa kee nan abdadha,Ajajawwan kees nan eega. 167  Yaadachiisawwan kee nan eega,Baayʼees isaan nan jaalladha.+ 168  Wantan godhu hundumaa waan beektuuf,+Ajajawwan kee fi yaadachiisawwan kee nan eega. ת [Taaw] 169  Yaa Yihowaa, iyyi ani gargaarsaaf dhageessisu si bira haa gaʼu.+ Akka dubbii keetti hubannaa naaf kenni.+ 170  Gaaffiin ani fudhatama argachuuf dhiheessu si duratti haa dhihaatu. Akkuma waadaa galtetti* na oolchi. 171  Dambiiwwan kee waan na barsiistuuf,Afaan koo jajannaadhaan haa guutamu.+ 172  Ajajawwan kee hundi qajeeloo waan taʼaniif,Arrabni koo waaʼee dubbii keetii haa faarfatu.+ 173  Ajajawwan keetiif ajajamuu waanan filadheef,+Harki kee na gargaaruuf kan qophaaʼe haa taʼu.+ 174  Yaa Yihowaa, fayyisuu kee hawwiidhaan nan eeggadha,Seera kees nan jaalladha.+ 175  Akkan si jajadhuuf, lubbuudhaan na jiraachisi;+Murtiiwwan kee na haa gargaaran. 176  Ani akkuma hoolaa badeetti karaa irraa goreera.+ Ajajawwan kee waanan hin irraanfanneef, ana tajaajilaa kee barbaadi.+

Miiljaleewwan

Ykn., “amanamummaa isaanii eegan.”
Kal., “Maal taʼa daandiiwwan koo jabaatanii utuu dhaabbatanii!”
Ykn., “Ajajawwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Kal., “na irraa gangalchi.”
Ykn., “dambiiwwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “qoʼadhuuf.”
Kal., “Daandii.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “akkan qaanaʼu.”
Ykn tarii, “garaan koo amanannaa akka qabaatu waan gooteef.”
Kal., “duukaa nan fiiga.”
Ykn., “akkan deemu godhi.”
Ykn., “buʼaa argachuutti.”
Ykn., “Dubbii.”
Ykn tarii, “Waadaa warra si sodaataniif galte, tajaajilaa keetiif raawwadhu.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “eeggadheef.”
Ykn., “Iddoo balʼaa.”
Ykn., “nan qoʼadha.”
Ykn., “Waadaa.”
Ykn., “Isa akkan eeggadhu goote.”
Ykn., “Mana ani nama biyya ormaa taʼee keessa jiraadhutti.”
Ykn., “Akka dubbii keetti.”
Ykn., “dogoggoraan cubbuu hojjechaan ture.”
Kal., “akkuma coomaatti miira kan hin qabne.”
Ykn., “Dubbii kee nan eeggadha.”
Ykn., “Akka dubbii keetti.”
Ykn tarii, “sobaan.”
Ykn., “ajajawwan kee nan qoʼadha.”
Ykn., “Dubbii kee nan eeggadha.”
Ykn., “Lubbuun koo fayyina si irraa argamu ni dharraʼa.”
Jechuunis, uumamawwan isaa hundi.
Kal., “baayʼee balʼaa dha.”
Ykn., “isa nan qoʼadha.”
Ykn., “waanan qoʼadhuuf.”
Kal., “aarsaa afaan kootii isan fedhiidhaan dhiheessutti.”
Ykn., “harka koo keessa jira.”
Ykn., “akka dhaala bara baraatti.”
Kal., “garaa koo itti qabeera.”
Ykn., “Namoota garaan isaanii hirame.”
Ykn., “Dubbii kee waanan eeggadhuuf.”
Ykn., “Akkuma dubbii keetti.”
Ykn., “qaaniitti.”
Kal., “foon.”
Ykn., “dubbii.”
Ykn., “qulqulleeffame.”
Ykn., “ajaja.”
Kal., “nan harganas.”
Ykn., “tarkaanfii koo cimsi.”
Kal., “na furi.”
Ykn., “Dubbii kee waanan eeggadhuuf.”
Ykn., “dimimmisa ganamaa keessa.”
Ykn., “qoʼachuu.”
Ykn., “Dhimma seeraa koo naaf ilaali.”
Ykn., “Dubbii.”
Ykn., “Wanti gufuu isaanitti taʼu hin jiru.”
Ykn., “Akkuma dubbii keetti.”