Tiitoodhaaf 2:1-15

  • Barumsa gaarii dargaggootaa fi maanguddootaaf kenname (1-15)

    • Wanta fedhii Waaqaa wajjin wal faallessu irraa fagaachuu (12)

    • Hojii gaariidhaaf hinaafuu (14)

2  Ati garuu wanta barumsa gaarii* wajjin wal simu dubbachuu kee itti fufi.+  Dhiironni maanguddoon barsiifata madaalamaa kan qaban, itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, sirriitti kan yaadan, amantii cimaa kan qaban, jaalala kan qabanii fi jabaatanii kan dhaabbatan haa taʼan.  Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonni maanguddoon amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban, maqaa namaa kan hin balleessine, daadhii wayinii hedduudhaaf garboota kan hin taanee fi wanta gaarii kan barsiisan haa taʼan;  kana yoo godhan, dubartoonni umurii dargaggummaa irra jiran abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii akka jaallatan gorsuu,*  akkasumas sirriitti kan yaadan akka taʼan, qulqullummaadhaan akka jiraatan, mana keessatti akka hojjetan,* gaarii akka taʼanii fi abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman+ gorsuu dandaʼu; kunis dubbiin Waaqayyoo akka hin arrabsamne godha.  Haaluma wal fakkaatuun, dhiironni dargaggoota taʼan sirriitti kan yaadan+ akka taʼan gorsi;  hojii gaarii hojjechuudhaan karaa hundumaatiin fakkeenya taʼuu kee argisiisi. Wanta qulqulluu taʼe dhimmii barsiisi;+  kana yeroo gootus dubbii gaarii* komatamuu hin dandeenyetti fayyadami;+ kunis warri nu morman dogoggora waaʼee keenya dubbatan dhabanii akka qaanaʼaniifi.+  Warri garboota taʼan karaa hundumaatiin gooftolii isaaniitiif haa bitaman;+ kanas isaan gammachiisuuf yaaluudhaan, isaan falmuu dhiisuudhaan, 10  akkasumas isaan jalaa hatuu mannaa+ guutummaatti amanamoo taʼuudhaan haa argisiisan; akka kanaan, barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa karaa hundumaatiin akka miidhagu gochuu dandaʼu.+ 11  Sababiin isaas, gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan inni akaakuu namootaa hundumaatiif fayyina argamsiisu mulʼifameera.+ 12  Innis wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa+ irraa akka fagaannu, sirna* ammaa kana keessatti+ sirriitti yaaduudhaan, qajeelummaadhaan, akkasumas Waaqayyoof buluudhaan akka jiraannu nu leenjisa; 13  akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna; 14  inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+ 15  Wantoota kana ilaalchisee aangoo guutuudhaan dubbachuu, gorsuu* fi balleessaa hubachiisuu kee itti fufi.+ Eenyu iyyuu akka si tuffatu hin heyyamin.

Miiljaleewwan

Ykn., “faayida qabeessa.”
Ykn., “leenjisuu.”
Ykn., “mana isaanii sirriitti akka qaban.”
Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “nu furuuf.”
Ykn., “jajjabeessuu.”