Hojii Ergamootaa 5:1-42

  • Anaaniyaasii fi Saphiiraa (1-11)

  • Ergamoonni mallattoo hedduu raawwatan (12-16)

  • Hidhamuu fi hiikamuu (17-21a)

  • Ammas yaaʼii Saanhedriin duratti dhiheeffamuu (21b-32)

    • ‘Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu’ (29)

  • Gorsa Gamaaliʼel (33-40)

  • Manaa gara manaatti lallabuu (41, 42)

5  Namni Anaaniyaas jedhamu tokko haadha manaa isaa Saphiiraa wajjin taʼuudhaan lafa gurgurate.  Haa taʼu malee, maallaqa itti gurgure keessaa hamma tokko dhoksee hambisee isa hafe fidee ergamootatti kenne; haati manaa isaas kana beekti turte.+  Pheexiros garuu akkana jedhe: “Yaa Anaaniyaas, Seexanni hafuura qulqulluu+ akka sobduu fi maallaqa laficha itti gurgurte keessaa hamma tokko dhoksitee hambisuuf akka onnattu kan si godhe maaliifi?+  Utuma hin gurgurin iyyuu kanuma kee hin turree? Erga gurgurtee boodas wanta barbaadde ittiin gochuu dandeessa turte mitii? Wanta akkasii gochuuf garaa keetti maaliif yaadde? Ati namoota utuu hin taʼin Waaqayyoon sobde.”  Anaaniyaas yeroo kana dhagaʼu lafa dhaʼee duʼe. Namoonni kana dhagaʼan hundis baayʼee sodaatan.  Achiis dargaggoonni kaʼanii huccuudhaan erga kafananii booda gad baasanii isa awwaalan.  Haati manaa isaas wanta taʼe utuu hin beekin gara saʼaatii sadii booda dhuftee ol seente.  Pheexirosis, “Mee natti himi, isin lamaan lafa keessan kanumaan gurgurtanii?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis, “Eeyyee, kanumaan gurgurre” jette.  Kanaafuu Pheexiros, “Isin lamaan hafuura Yihowaa* qoruuf maaliif walii galtan? Kunoo, namoonni abbaa manaa kee awwaalan balbala dura jiru; isaan siinis baatanii gad baasu” ishiidhaan jedhe. 10  Ishiinis yeruma sana miila isaa jalatti lafa dhooftee duute. Dargaggoonni sunis yommuu ol seenan duutee ishii argan; achiis gad baasanii abbaa manaa ishii biratti ishii awwaalan. 11  Kanaafuu, guutummaan gumichaa fi namoonni wantoota kana dhagaʼan hundi baayʼee sodaatan. 12  Kana malees, ergamoonni namoota gidduutti dinqii fi mallattoo hedduu raawwachuu isaanii itti fufan;+ hundi isaanii daandii Solomoon isa baaxii qabu jalatti wal gaʼu turan.+ 13  Dhugaa dha, warra kaan keessaa namni isaanitti makamuuf onnate hin turre; taʼus, namoonni baayʼeen isaan kabaju turan. 14  Kana malees, dhiironnii fi dubartoonni Gooftaatti amanan hedduun isaanitti dabalamuu isaanii itti fufan.+ 15  Pheexiros yommuu achiin darbu, gaaddidduun isaa illee isaan keessaa tokko tokko irra akka buʼuuf, isaan namoota dhukkubsatan daandii guguddaa irratti baasanii siree xixinnoo fi afata irra ciibsu turan.+ 16  Magaalota naannoo Yerusaalem jiran keessaas namoonni hedduun, warra dhukkubsatanii fi hafuurota xuraaʼoodhaan dhiphatan baatanii fidu turan; hundi isaaniis ni fayyu turan. 17  Haa taʼu malee, lubni ol aanaanii fi gareen amantii Saduuqotaa isaa wajjin turan hinaaffaadhaan guutamanii kaʼan. 18  Achiis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataatti galchan.+ 19  Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa* halkan balbaloota mana hidhaa banee+ erga isaan baasee booda akkana isaaniin jedhe: 20  “Dhaqaa, mana qulqullummaa keessa dhaabbadhaatii ergaa waaʼee jireenya kanaa ibsu namootatti himuu keessan itti fufaa.” 21  Isaanis erga kana dhagaʼanii booda, ganama barii mana qulqullummaa keessa seenanii barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isaa wajjin turan yommuu dhufan, miseensota yaaʼii Saanhedriinii fi maanguddoota ijoollee Israaʼel hunda walitti qaban; achiis ergamoota akka fidaniif eegdota mana qulqullummaa gara mana hidhaatti ergan. 22  Haa taʼu malee, eegdonni sun yommuu achi gaʼan mana hidhaa keessaa isaan dhaban. Kanaafuu, deebiʼanii dhufanii isaanitti himan; 23  “Manni hidhaa sun sirriitti qollofamee, eegdonnis balbala dura dhaabbatanii turan; yommuu bannu garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” isaaniin jedhan. 24  Dura buʼaan eegdota mana qulqullummaa fi dura buutonni lubootaa yommuu kana dhagaʼan waan jedhan wallaalanii, ‘Maal taʼuu dandaʼa laata?’ jedhan. 25  Haa taʼu malee, namichi tokko dhufee, “Kunoo, namoonni isin mana hidhaatti galchitan sun, mana qulqullummaa keessa dhaabbatanii namoota barsiisaa jiru” jedhee isaanitti hime. 26  Achiis dura buʼaan eegdotaa sun namoota isaa wajjin dhaqee fidee ol isaan galche; haa taʼu malee, namoonni akka dhagaadhaan isaan hin tumne waan sodaataniif, kan isaan fidan humnaan dirqisiisanii hin turre.+ 27  Kanaafuu, isaan fidanii yaaʼii Saanhedriin dura isaan dhaaban. Achiis lubni ol aanaan gaaffiidhaan isaan qoruu jalqabe; 28  achiis, “Maqaa kanaan akka hin barsiisne cimsinee isin ajajnee turre;+ isin garuu kunoo, Yerusaalemiin barumsa keessaniin guuttaniittu; dhiiga namicha kanaas nu irratti fiduuf kutattaniittu” isaaniin jedhe.+ 29  Pheexirosii fi ergamoonni kaan akkana jedhanii deebisan: “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna.+ 30  Waaqni abbootii keenyaa, Yesuus isa isin muka irratti fanniftanii ajjeestan duʼaa kaaseera.+ 31  Sabni Israaʼel akka yaada geddaratuu fi dhiifama cubbuu akka argatuuf,+ Waaqayyo Bakka Buʼaa Isa Guddaa+ fi Fayyisaa+ godhee mirga isaatti ol isa kaaseera.+ 32  Nutis taane hafuurri qulqulluun+ inni Waaqayyo warra akka bulchaa isaaniitti isaaf ajajamaniif kenne wantoota kanaaf ragoota dha.”+ 33  Isaan yommuu kana dhagaʼan baayʼee waan aaraniif isaan ajjeesuu barbaadan. 34  Haa taʼu malee, Fariisichi Gamaaliʼel+ jedhamu inni barsiisaa Seeraa taʼee fi namoota hundumaa biratti kabajamaa taʼe, yaaʼii Saanhedriin gidduutii kaʼee dhaabbatee yeroo xinnoodhaaf akka gad isaan baasan ajaje. 35  Achiis akkana isaaniin jedhe: “Yaa namoota Israaʼel, wanta namoota kana irratti gochuuf yaaddan ilaalchisee of eeggadhaa. 36  Fakkeenyaaf, kanaan dura namichi Tewodaas jedhamuu fi nama iddoo guddaa qabu akka taʼe dubbatu tokko kaʼee ture; namoonni gara 400 taʼanis isa duukaa buʼanii turan. Haa taʼu malee, inni ni ajjeefame; namoonni isa duukaa buʼanii turan hundis bittinnaaʼanii badan. 37  Isa booda immoo, bara lakkoofsa uummataatti Yihudaan inni nama Galiilaa taʼe kan kaʼe yeroo taʼu, innis namoota isa duukaa buʼan qaba ture. Haa taʼu malee, namichi kunis ni bade; warri isa duukaa buʼaa turan hundis ni bittinnaaʼan. 38  Kanaafuu, amma ani isiniin nan jedha, namoota kana gadhiisaa malee homaa hin godhinaa. Sababiin isaas, yaadni kun yookiin hojiin kun namoota biraa yoo taʼe ni bada; 39  Waaqayyo biraa yoo taʼe garuu isaan balleessuu hin dandeessan.+ Taʼuu baannaan, Waaqayyoo wajjin wal loluu dandeessu.”+ 40  Yeroo kanatti isaan gorsa isaa fudhatanii, ergamoota waamanii erga garafanii*+ booda, maqaa Yesuusiin dubbachuu isaanii akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan. 41  Kanaafuu, isaan maqaa isaatiif jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa+ yaaʼii Saanhedriin duraa baʼan. 42  Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessattii fi manaa gara manaatti,+ misiraachoo waaʼee Kiristoos Yesuus ibsu utuu wal irraa hin kutin barsiisuu fi lallabuu isaanii itti fufan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “reebanii.”