Warra Filiphisiyusiif 4:1-23

  • Tokkummaa, gammachuu, yaada sirrii (1-9)

    • Waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa (6, 7)

  • Dinqisiifannaa obboloota Filiphisiyusiif qabu (10-20)

  • Nagaa xumuraa (21-23)

4  Kanaafuu, yaa obboloota koo jaallatamo, warri ani isin jaalladhuu fi isin yaadu, akkasumas gammachuu koo fi gonfoo koo taatan,+ akkuma kanatti Gooftaa wajjin tokkummaa qabaadhaatii jabaadhaa dhaabbadhaa.+  Gooftaadhaan yaada tokko akka qabaatan+ Ewodiyaa fi Sinxiikee nan gorsa.  Eeyyee, atis inni amanamummaadhaan anaa wajjin hojjettu,* dubartoota kana gargaaruu kee akka itti fuftu sin gaafadha. Isaan Qaleeminxoosii fi warra kaanii wajjin misiraachichaaf anaa wajjin carraaqaniiru;* maqaan hunda isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera.+  Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, gammadaa!+  Yaada ofiitti kan hin cichine+ taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu. Gooftaan dhihoo dha.  Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa+ malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa;+  nagaan+ Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada* keessan ni eega.+  Dhuma irrattis yaa obbolootaa, wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu* keessan itti fufaa.+  Wantoota ana irraa barattan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessanii fi ana irraa argitan hojii irra oolchuu keessan itti fufaa;+ Waaqni nagaas isinii wajjin taʼa. 10  Gooftaa wajjin haala wal qabateen amma dhuma irratti deebitanii naaf yaaduu jalqabuu keessanitti guddaan gammada.+ Isin naaf yaadaa kan turtan taʼus, carraa kana itti argisiistan hin arganne. 11  Kana yeroon jedhu rakkadheera jechuu koo miti; ani haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera.+ 12  Wanta xinnoodhaanis+ taʼe wanta hedduudhaan akkamitti jiraachuu akkan dandaʼu beeka. Yeroon quufuttis taʼe yeroon beelaʼutti, yeroon irraa hafaa qabaadhuttis taʼe yeroon dhabutti iccitii waan hundumaa fi haala hundumaa keessatti gammadanii jiraachuu baradheera. 13  Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.+ 14  Taʼus, rakkina koo irratti na gargaaruu keessanitti gaarii gootaniittu. 15  Dhugaa dubbachuuf, jalqaba erga misiraachicha dhageessanii booda, yeroon Maqedooniyaadhaa deeme, kennuu fi fudhachuu irratti isin qofa malee gumiin tokko illee akka anaa wajjin hin hirmaanne isin warri Filiphisiyus ni beektu;+ 16  sababiin isaas, yeroon Tasalonqee keessa ture, wanta na barbaachisu siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama naaf ergitaniittu. 17  Kana yeroon jedhu kennaa keessan barbaadee utuu hin taʼin, hojiin keessan inni gaariin herrega* keessan akka dabalu barbaadeeni. 18  Haa taʼu malee, ani wanta na barbaachisu hundumaa qaba; hamma na barbaachisu caalaa iyyuu qaba. Wanta isin naaf ergitan isa urgaa gaarii qabu,+ aarsaa fudhatama qabuu fi Waaqayyoon gammachiisu Ephaafrodixos+ irraa waanan fudhadheef wanti hundi naaf guutameera. 19  Waaqni koos akka badhaadhina isaa isa ulfina qabeessaatti wanta isin barbaachisu hunda karaa Kiristoos Yesuus guutummaatti deebisee isiniif kenna.+ 20  Waaqaa fi Abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa taʼu. Ameen. 21  Qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qaban hundatti nagaa koo naaf himaa. Obboloonni anaa wajjin jiran nagaa isiniif dhaamaniiru. 22  Qulqulloonni hundi, keessumaa immoo warri maatii Qeesaar keessaa taʼan+ nagaa isiniif dhaamaniiru. 23  Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Kal., “anaa wajjin waanjoo tokko jala jirtu.”
Ykn., “qabsoo cimaa godhaniiru.”
Ykn., “sammuu.”
Ykn., “irratti xiinxaluu.”
Kun maqaa gaarii isaan Waaqa biratti qabaatan argisiisa.