Tasalonqee Tokkoffaa 2:1-20

  • Tajaajila Phaawulos Tasalonqeetti raawwate (1-12)

  • Warri Tasalonqee dubbii Waaqayyoo fudhatan (13-16)

  • Phaawulos warra Tasalonqee arguuf hawwe (17-20)

2  Yaa obbolootaa, isin bira dhufuun keenya faayidaa kan hin qabne akka hin taane isinumti iyyuu akka gaariitti beektu.+  Akkuma beektan jalqaba Filiphisiyus keessatti rakkinnii fi salphinni nu irra gaʼee ture;+ taʼus utuma mormii guddaan nu irra gaʼuu* misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf+ gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne.  Gorsi nuti isiniif kenninu, yaada dogoggoraa yookiin xuraaʼummaa yookiin gowwoomsaa irraa kan madde miti;  kanaa mannaa, akkuma Waaqayyo misiraachicha imaanaadhaan nutti kennuuf gaʼumsa qabaachuu keenya nuu mirkaneesse, namoota gammachiisuuf utuu hin taʼin, Waaqa isa garaa keenya qoru+ gammachiisuuf jennee dubbanna.  Nuti matumaa dubbii gowwoomsaa akka hin dubbanne yookiin sassata nu keessa jiru dhoksuuf jennee fakkeessuuf akka hin yaalle beektu;+ Waaqayyos kanaaf ragaa baʼa!  Nuti ergamoota Kiristoos waan taaneef, baasii hedduu isin baasisuudhaan baʼaa isinitti taʼuu kan dandeenyu taʼus, isin irraas taʼe warra kaan irraa, namoota irraa ulfina hin barbaanne.+  Kanaa mannaa, akkuma haati hoosistu takka ijoollee ishii gaarummaadhaan kunuunsitu, nutis yeroo isin gidduu turre garraamummaadhaan isin kunuunsine.  Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf+ murteessinee* turre; sababiin isaas, isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.+  Yaa obbolootaa, dadhabbii fi dhamaatii keenya akka gaariitti ni yaadattu. Misiraachoo Waaqayyoo yeroo isiniif labsinetti, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjenna turre.+ 10  Nuti warra amantoota taatan gidduutti hangam amanamoo, qajeeloo fi hirʼina kan hin qabne taanee akka jiraanne isin ragaa ni baatu; Waaqayyos ragaa ni baʼa. 11  Akkuma abbaan+ ijoollee isaatiif godhu, nuti isin gorsaa fi jajjabeessaa, akkasumas tokkoon tokkoon keessaniif dhugaa baʼaa akka turre+ akka gaariitti beektu; 12  kanas kan goone, Waaqayyo isa gara Mootummaa isaa+ fi ulfina isaatti isin waameef+ akka taʼutti deddeebiʼuu keessan akka itti fuftaniifi.+ 13  Nutis utuu wal irraa hin kutin Waaqayyoon kan galateeffannu kanaafi;+ sababiin isaas, isin dubbii Waaqayyoo isa nu irraa dhageessan sana yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti; isin warra amantoota taatan keessattis hojjechaa jira. 14  Yaa obbolootaa, isin fakkeenya gumiiwwan Waaqayyoo warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Yihudaa keessa jiranii hordoftaniittu; sababiin isaas, akkuma namoota biyya keessanii irraa rakkinni isin irra gaʼe,+ isaanis Yihudoota irraa rakkinni isaan irra gaʼaa jira; 15  Yihudoonni Gooftaa Yesuusii fi raajota illee ajjeesaniiru;+ nuunis ariʼataniiru.+ Kana malees, isaan Waaqayyoon gammachiisaa hin jiran; kanaa mannaa, wanta namoota hundumaa fayyadu mormu; 16  kanas kan godhan, saboonni kaan akka fayyaniif akka nuti isaaniif hin lallabne nu dhowwuuf yaaluudhaani.+ Isaan yeroo hunda karaa kanaan safartuu cubbuu isaanii ni guutu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi isaa isaanitti ni dhufa.+ 17  Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, yeroo gabaabaadhaaf yommuu isin irraa addaan baanee turretti (yaadaan utuu hin taʼin qaamaan), baayʼee waan isin yaanneef, qaamaan isin* arguuf wanta nuu dandaʼame hunda goone. 18  Gara keessan dhufuu barbaannee turre; eeyyee, ani Phaawulos siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama yaaleen ture; Seexanni garuu karaa nutti cufe. 19  Gooftaan keenya Yesuus yeroo argamu, isa duratti abdiin keenya yookiin gammachuun keenya yookiin gonfoon ililchuu keenya eenyu? Isinuma mitii ree?+ 20  Isin dhuguma ulfinaa fi gammachuu keenya dha.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “waldhaansoo cimaa gidduutti.”
Kal., “gammannee.”
Kal., “fuula keessan.”