Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDH TORBA

Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu

Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu kan qabnu maaliifi?

  • Waaqayyo kadhannaa keenya akka nuu dhaga’uuf maal gochuu qabna?

  • Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?

‘Waaqayyo inni waaqaafi lafa uume’ kadhannaa keenya dhaga’uuf fedha qaba

1, 2. Kadhannaa akka mirga guddaatti ilaaluu kan qabnu maaliifi? Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuun kan nu barbaachisuhoo maaliifi?

LAFTI uumama cufa isa bal’innisaa hangana hin jedhamnee wajjin yeroo waliin ilaalamtu baay’ee xinnoodha. Sabni lafarraa Yihowaa “isa waaqaafi lafa uume” duratti akka copha qodaa bishaanii irraa cophutti ilaalama. (Faarfannaa 115:15; Isaayaas 40:15) Ta’us, Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi’oo dha. Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhaga’a.” (Faarfannaa 145:18, 19) Kun maal jechuu akka ta’e mee yaadi! Uumaan inni waan hundumaa danda’u nutti dhi’oo ta’uusaarrayyuu, yoo ‘dhugaadhaan isa waammanne’ nu dhaga’a. Kadhannaadhaan Waaqayyootti dhihaachuun mirga guddaa mitii?

2 Yihowaan kadhannaa keenya akka dhaga’u yoo barbaanne, karaa isa biratti fudhatama qabuun kadhachuu qabna. Macaafni Qulqulluun wanta barsiisu hin beeknu yoo ta’ehoo? Kadhannaan Yihowaatti akka dhihaannu waan nu gargaaruuf yaada Macaafni Qulqulluun kennu beekuun keenya barbaachisaadha.

KADHANNAADHAAN YIHOWAATTI DHIHAACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

3. Sababiin guddaan kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qabnu keessaa inni tokko maalidha?

Sababii kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qabnu keessaa inni tokko, kadhannaadhaan akka isatti dhihaannuuf waan nu afeereefidha. Sagaleensaa akkas jechuudhaan nu jajjabeessa: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanta isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Qophii Uumaan uumama cufarratti Olaantummaa qabu gaarummaadhaan kaka’ee nuu qopheesse kana salphaatti ilaaluu akka hin barbaanne beekamaadha!

4. Yeroo hundaa kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun keenya walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu kan nuu jabeessu akkamitti?

Sababii garabiraan yeroo hundaa kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaannuufimmoo, walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu waan nuu jabeessuufidha. Hiriyoonni akkasii kan waliin haasa’an yoo wanta tokko barbaadan qofa miti. Hiriyoonni dhugaan kan wal jaallatan yeroo ta’u yaadasaanii, wantoota isaan dhiphisaniifi miirasaanii sodaa tokko malee waliif ibsuunsaanii hiriyyummaasaanii caalaatti jabeessa. Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnus kanaa wajjin wal fakkaata. Kitaaba kanaan gargaaramuudhaan Macaafni Qulqulluun waa’ee Yihowaa, waa’ee amalasaafi kaayyoosaa maal akka barsiisu wantoota baay’ee, akkasumas inni dhugumaan kan jiru ta’uusaa barteetta. Kadhannaan, yaadaafi miira kee Abbaa kee isa samiitiif ibsuuf carraa siif bana. Akkas yoo goote caalaatti Yihowaatti dhihaatta.Yaaqoob 4:8.

ULAAGAALEE AKKAMII GUUTUU QABNA?

5. Yihowaan kadhannaa hundaa akka hin dhageenye maaltu argisiisa?

5 Yihowaan kadhannaa hundaa ni dhaga’aa? Israa’eloota jal’oota bara Isaayaas turaniin maal akka jedhe ilaali: “Haarka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baay’iftan iyyuu ani isiniif hin dhaga’u.” (Isaayaas 1:15) Kanaafuu, gochiwwan tokko tokko kadhannaan keenya akka hin dhaga’amne gochuu danda’u jechuudha. Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka fudhatama argatuuf ulaagaaleen guutuu qabnu tokko tokko jiru.

6. Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka fudhatama argatuuf ulaagaalee guutuu qabnu keessaa inni tokko maalidha? Kana guutuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

6 Ulaagaalee baay’ee barbaachisoo ta’an keessaa inni tokko amantaa qabaachuudha. (Maarqos 11:24) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhihaachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.” (Ibroota 11:6) Amantaa cimaa qabaachuun Waaqayyo akka jiru, kadhannaa keenya dhaga’uudhaan akka deebii nuu kennu amanuu caalaa gaafata. Amantiin hojiidhaan mul’ata. Amantaa akka qabnu jireenya keenyaan argisiisuu qabna.Yaaqoob 2:26.

7. (a) Kadhannaadhaan Yihowaatti yeroo dhihaannu ulfina kennuu kan qabnu maaliifi? (b) Yeroo isa kadhannu gad of deebisuufi garaa qulqulluu akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Yihowaan namoonni gad of qabanii garaa qulqulluudhaan akka isa kadhatan barbaada. Kadhannaadhaan gara Yihowaatti yeroo dhihaannu gad of qabuun sirrii mitii? Yeroo baay’ee namoonnii Mootii ykn Pireezidaantii haasofsiisuuf yeroo carraa argatan, iddoo guddaa bulchaan kun qabu amananii fudhachuudhaan ulfina guddaa kennu. Kadhannaadhaan Yihowaatti yeroo dhihaannu ulfina kanaa ol ta’e kennuu akka qabnu homaa hin shakkisiisu! (Faarfannaa 138:6) Inni ‘Waaqayyo isa Hundumaa Danda’udha.’ (Uumama 17:1) Haalli nuti kadhannaadhaan isatti dhihaannu, iddoo isa biratti qabnu gad of qabuudhaan amannee akka fudhannu kan argisiisu ta’uu qaba. Kana malees, amalli gad of qabuu akkasii kadhannaa barame tokkorra deddeebi’uu mannaa garaa keenya guutuudhaan akka kadhannu nu kakaasa.Maatewos 6:7, 8.

8. Kadhannaa goonee wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Waaqayyo kadhannaa keenya akka nuuf dhaga’uuf wanti gochuu qabnu garabiraanimmoo, tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin walsimu fudhachuudha. Kadhannaan dhiheessine hanga isa biratti fudhatama argatutti wanta humni keenya danda’e hundaa akka goonu nurraa eega. Fakkeenyaaf, “Soora har’aa bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni!” jennee erga kadhannee booda, hojii arganne hundumaa tuffii malee hojjechuuf carraaqqii gochuu qabna. (Maatewos 6:11; 2 Tasaloniiqee 3:10) Dadhabbii tokko mo’uuf akka nu gargaaru erga kadhannee booda, wantoota qorumsa keessa nu galchuu danda’anirraa fagaachuu qabna. (Qolosaayis 3:5) Ulaagaalee barbaachisoo ta’an kanaa alattis kadhannaa ilaalchisee gaaffiiwwan deebii argachuu qabnus jiru.

GAAFFIIWWAN KADHANNAA ILAALCHISANII DHIHAATANIIF DEEBII KENNUU

9. Kadhannaa keenya dhiheessuu kan qabnu eenyuufi? Karaa eenyuutiinoo?

9 Eenyuun kadhachuu qabna? Yesus bartoonnisaa ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenya’ jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Kanaafuu, kadhannaan keenya Yihowaaf qofa dhihaachuu qaba jechuudha. Yihowaan iddoo Ilmisaa Yesus Kiristos qabus amannee akka fudhannu barbaada. Boqonnaa 5rratti akka barannetti, Yesus gara lafaatti kan ergame furii ta’ee du’aafi cubbuu jalaa nu baasuufidha. (Yohannis 3:16; Roomaa 5:12) Inni Hangafa Lubootaafi Abbaa Firdii ta’ee muudameera. (Yohannis 5:22; Ibroota 6:20) Caaffanni Qulqullaa’oon kadhannaa keenya karaa Yesus Waaqayyoof akka dhiheessinu kan nutti himanis kanumaafi. Yesusiyyuu akkas jedheera: “Karichi, dhugaan, jireenyi, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” (Yohannis 14:6) Kadhannaan keenya akka nuuf dhaga’amu yoo barbaanne, karaa Ilmasaa Yihowaa qofaaf dhiheessuu qabna.

10. Yeroo kadhannu haala adda ta’e tokko argisiisuun kan hin barbaachisne maaliifi?

10 Yeroo kadhannaa dhiheessinu qaama keenyaanis ta’e harka keenyaan haala adda ta’e tokko argisiisuu qabnaa? Lakki. Yihowaan yeroo kadhannu qaama keenyaanis ta’e harka keenyaan haala adda ta’e akka argisiisnu hin barbaadu. Macaafni Qulqulluun haala addaddaatiin kadhachuu akka dandeenyu barsiisa. Teenyee, mataa keenya gadi qabnee, jilbeenfannees ta’e dhaabannee kadhachuu ni dandeenya. (1 Seenaa 17:16; Nahimiyaa 8:6; Daani’el 6:10; Maarqos 11:25) Wanti baay’ee barbaachisaa ta’e haala adda ta’eefi namoonni kaan nu arguu danda’aniin kadhachuu keenya utuu hin ta’in, yaada garaa sirrii ta’e qabaachuudha. Kanaafuu, wanti nu yaaddessu tokko yoo nurra ga’e bakka kamiyyuu teenyee garaa keenyatti kadhannaa dhiheessuu ni dandeenya. Kadhannaa akkasii kana namoonni kaan hubachuu baatanis, Yihowaan ni dhaga’a.Nahimiyaa 2:1-6.

11. Dhimmiwwan dhuunfaa kadhannaa keenya keessatti caqasuu dandeenyu tokko tokko maalfa’i?

11 Waa’ee maalii kadhachuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun: “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni [Yihowaan] nuuf in dhaga’a” jechuudhaan ibsa. (1 Yohannis 5:14) Kanaafuu, wanta jaalala Waaqayyoo wajjin wal simu kamiiyyuu kadhachuu ni dandeenya. Waa’ee dhimmawwan nu dhiphisanii kadhachuun keenya fedhasaatii? Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun hiriyaa jaallannu tokkoo wajjin haasa’uu wajjin wal fakkaachuu danda’a. ‘Wanta garaa keenyatti yaanne’ Waaqayyotti dubbachuu ni dandeenya. (Faarfannaa 62:8) Hafuurri qulqulluun wanta sirrii ta’e akka raawwannu waan nu gargaaruuf hafuurasaa akka nuuf kennu gaafachuun keenya barbaachisaadha. (Luqaas 11:13) Murtoo sirrii gochuu, yeroo rakkinni nurra ga’u qajeelfamaafi jabina akka nuuf kennu isa gaafachuu dandeenya. (Yaaqoob 1:5) Yeroo cubbuu hojjennu furii aarsaa Kirstosirratti hundaa’uudhaan dhiifama kadhachuu qabna. (Efesoon 1:3, 7) Kadhannaan keenya dhimmawwan dhuunfaarratti qofa kan xiyyeeffate ta’uu hin qabu. Namoota kaan dabalatee, miseensa maatii keenyaafi namoota hidhata amantii keenyaa ta’aniif kadhachuu qabna.Hojii Ergamootaa 12:5; Qolosaayis 4:12.

12. Kadhannaa keenya keessatti dhimmoota Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya qabaniif dursa kennuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Dhimmiwwan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qaban wantoota kadhannaa keenya keessatti dursa kenninuufidha. Gaarummaasaatiif isa galateeffachuu qabna. (1 Seenaa 29:10-13) Yesus kadhannaa fakkeenya Maatewos 6:9-13rratti argamurratti maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee haa eegamu jennee akka kadhannu nu barsiiseera. Mootummaansaa akka dhufuufi jaalallisaa waaqarratti akka ta’e lafarrattis akka ta’u akka kadhannus dubbateera. Yesus wantoota nu barbaachisaniif xiyyeeffannaa kan kenne, wantoota barbaachisoo ta’an kana erga caqasee boodadha. Kadhannaa keenya keessatti Waaqayyoof dursa kan laannu yoo ta’e, fayyina keenyarra wanti barbaachisaan akka jiru argisiisna.

13. Caaffanni Qulqullaa’oon dheerina kadhannaawwan fudhatama qabanii ilaalchisanii maal jedhu?

13 Kadhannaan keenya hammam dheerachuu qaba? Macaafni Qulqulluun, kadhannaan dhuunfaas ta’e namoota duratti godhamu hammam dheerachuu akka qabu daangaa kaa’e hin qabu. Kadhannaa gabaabaan maaddiirratti dhiheessinuufi kadhannaan dhuunfaa wanta garaa keenya keessa jiru itti dhiheessinu dheerinnisaanii addadda ta’uu danda’a. (1 Saamu’el 1:12, 15) Yesus namoota warra kaan biratti fudhatama argachuuf kadhannaa dheeraa godhan balaaleffateera. (Luqaas 20:46, 47) Kadhannaawwan akkasii Yihowaa hin gammachiisan. Wanti barbaachisaa ta’e kadhannaan keenya garaadhaa kan madde ta’uusaati. Kanaafuu, dheerinni kadhannaa keenyaa akka barbaachisummaasaatiifi akka haalasaatti addadda ta’uu danda’a.

Kadhannaan yeroo kamittiyyuu dhiheessitu ni dhaga’ama

14. Macaafni Qulqulluun ‘halkanis guyyaas himataafi kadhatatti fufaa’ jedhee yeroo nu jajjabeessu maal jechuusaati?

14 Irra deddeebinee kadhachuu kan qabnu yeroo hammamiitiifi? Macaafni Qulqulluun, ‘halkanis guyyaas himataafi kadhatatti fufaa,’ “kadhachuutti cimaa!” fi “kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!” jechuudhaan nu jajjabeessa. (1 Ximotewos 5:5; Roomaa 12:12; 1 Tasaloniiqee 5:17) Kana jechuun garuu guyyaa guutuu kadhachaa ooluu qabna jechuu miti. Kanaa mannaa, Macaafni Qulqulluun wantoota gaarii Yihowaan nuuf godheef akka isa galateeffachuu qabnu, akkasumas qajeelfamaafi jajjabina akka nuu kennu utuu walirraa hin kutiin kadhachuu akka qabnu dubbachuusaati. Yihowaan dheerinaafi baay’ina kadhannaa keenyaa daangessuu dhiisuunsaa nu hin jajjabeessuu? Kadhannaa gochuuf mirga arganne kan dinqisiifannu yoo ta’e, carraawwan Abbaa keenya isa samiitiif kadhannaa itti gochuu dandeenyu baay’ee argachuu dandeenya.

15. Dhuma kadhannaa dhuunfaafi namoota duratti dhihaatanirratti “Ameen” jechuu kan qabnu maaliifi?

15 Dhuma kadhannaarratti “Ameen” jechuu kan qabnu maaliifi? Jechi “ameen” jedhu “dhugumaan,” ykn “haa ta’u” jechuudha. Fakkeenyi Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman akka argisiisanitti, kadhannaawwan dhuunfaas ta’e namoota biratti goonu yeroo xumurru “Ameen” jechuun keenya barbaachisaadha. (1 Seenaa 16:36; Faarfannaa 41:13) Xumura kadhannaa keenyarratti “Ameen” jechuun keenya, kadhannaan keenya garaadhaa kan dhihaate ta’uusaa argisiisa. Kadhannaa namni garabiraan dhiheesserratti sagalee keenya dhageessisnees ta’e utuu hin dhageessisin yeroo “Ameen” jennummoo, dhimmawwan kadhannicharratti dhihaatanii wajjin akka walii galle argisiisna.1 Qorontos 14:16.

WAAQAYYO KADHANNAAWWAN KEENYAAF DEEBII KAN KENNU AKKAMITTI?

16. Kadhannaa keenya ilaalchisee amantii cimaa akkamii qabna?

16 Dhugumaan Yihowaan kadhannaadhaaf deebii ni kennaa? Eeyyee ni kenna! Waaqayyo inni ‘kadhata namaa dhaga’u’ kadhannaa namoonni miliyoonaan lakkaa’aman dhiheessaniif deebii akka kennu amantii guutuu qabna. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa addaddaa deebii kennuu danda’a.

17. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf ergamootasaafi tajaajiltootasaa lafarratti argamaniin ni gargaarama jechuu kan danda’amu maaliifi?

17 Yihowaan kadhannaadhaaf deebii kennuuf ergamootasaafi tajaajiltootasaa lafarratti argamaniin gargaarama. (Ibroota 1:13, 14) Waaqayyo namoonni baay’een Macaafa Qulqulluu akka hubatan akka isaan gargaaruuf kadhannaa erga dhiheessanii booda, utuu baay’ee hin turin tajaajiltoota Yihowaa wajjin akka wal argan muuxannoowwan argisiisan baay’een jiru. Muuxannoowwan kun ergamoonni hojii Misiraachoo mootummichaa olaantummaadhaan akka to’atan kan argisiisudha. (Mul’ata 14:6) Yihowaan, yeroo rakkina guddaa keessatti kufnu Kiristiyaanni tokko akka nu gargaaru kakaasuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu danda’a.Fakkeenya 12:25; Yaaqoob 2:16.

Yihowaan Kiristiyaanni tokko akka nu gargaaru kakaasuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu danda’a

18. Yihowaan kadhannaa tajaajiltootasaatiif deebii kennuuf hafuurasaafi Sagaleesaatiin kan gargaaramu akkamitti?

18 Yihowaan karaa hafuurasaafi Sagaleesaas kadhannaa tajaajiltootasaatiif deebii kenna. Hafuurasaatiin qajeelfamaafi jabina nuu kennee qorumsa nurra ga’u akka moonu nu gargaaruudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kenna. (2 Qorontos 4:7) Yeroo baay’ee, qajeelfama murtoo sirrii ta’e gochuuf nu dandeessisu argachuuf kadhannaa dhiheessinuuf deebii kan argannu Macaafa Qulqulluurratti. Macaafa Qulqulluurratti Qo’annaa dhuunfaa yeroo goonus ta’e barreeffamoota keenya kan akka kitaaba kanaafaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an yeroo dubbifnu caqasawwan nu gargaaran argachuu dandeenya. Yaadawwan gumiirratti kennaman ykn yaada jaarsi tokko nuuf kennuun yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti akka yaannu nu gochuu danda’an argachuu dandeenya.Galaatiyaa 6:1.

19. Al tokko tokko kadhannaan keenya utuu deebii hin argatin akka ture yoo nutti dhaga’ame maal yaadachuu qabna?

19 Yihowaan kadhannaa keenyaaf utuu deebii hin kennin akka ture yoo nutti dhaga’ame, deebii kennuu waan dadhabeefidha jechuu miti. Kanaa mannaa, Yihowaan kadhannaadhaaf deebii kan kennu haala fedhasaa wajjin wal simuuniifi yeroo ofii murteessetti ta’uusaa yaadachuu qabna. Wantoota nu barbaachisanis ta’e wantoota kana akkamitti akka nuu guutuu danda’u nu caalaatti beeka. Yeroo baay’ee akka ‘kadhannu, akka barbaannuufi akka balbala rukunnu’ heyyamuu danda’a. (Luqaas 11:5-10) Utuu walirraa hin kutin kadhachuun keenya, fedhiin keenya guddaa akka ta’eefi amantii dhugaa akka qabnu kan argisiisudha. Kana malees, Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuyi hin yaadneen deebii kennuu danda’a. Fakkeenyaaf, kadhannaan nuyi qorumsa nurra ga’e ilaalchisnee dhiheessine rakkoo nurra ga’e sana hambisuudhaan utuu hin ta’in humna rakkoo sana mo’uuf nu gargaaru nuu kennuudhaan deebii nuu kennuu danda’a.Filiphisiiyus 4:13.

20. Mirga guddaa kadhannaa gochuuf argannetti sirriitti gargaaramuu kan qabnu maaliifi?

20 Uumaan uumama cufaa, namoota karaa sirrii ta’een isa waammatan hundaatti dhihoo ta’uunsaa akka isa galateeffannu nu hin godhuu? (Faarfannaa 145:18) Kanaafuu, mirga guddaa kadhannaa gochuuf arganne kanatti akka gaariitti haa gargaaramnu. Yoo akkas goone, Waaqa isa kadhannaa namootaa dhaga’utti caalaatti dhihaachuu dandeenya.