Faarfannaa 138:1-8

  • Waaqni guddaa taʼus namaaf yaada

    • ‘Ati kadhannaa kootiif deebii ni kennite’ (3)

    • ‘Balaa gidduutti illee ati na oolchita’ (7)

Faarfannaa Daawit. 138  Garaa koo guutuudhaan sin jajadha.+ Waaqolii kaan durattiFaarfannaa galataa siif nan faarfadha.*   Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,Gara mana qulqullummaa* kee isa qulqulluutti nan sagada,+Maqaa kees nan jajadha.+ Ati wanta kaan hundumaa caalaa dubbii kee fi maqaa keetiif* ulfina kenniteetta.   Guyyaan si waammadhetti, deebii naaf kennite;+Na onnachiiste, na cimsites.+   Yaa Yihowaa, waadaa ati dubbatte waan dhagaʼaniif,Mootonni lafa irraa hundi si jajatu.+   Ulfinni Yihowaa guddaa waan taʼeef,+Isaan waaʼee daandiiwwan Yihowaa ni faarfatu.   Yihowaan guddaa taʼus, isa gad of qabu ni arga,+Isa of tuulu garuu ofitti hin dhiheessu.*+   Balaa gidduu yommuun deemutti illee, ati lubbuudhaan na tursita.+ Harka kee diinota koo warra dheekkaman irratti diriirsita;Harki kee mirgaa na oolcha.   Yihowaan anaaf jedhee wantoota hundumaa ni raawwata. Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata;+Hojiiwwan harka keetii hin dhiisin.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Waaqolii kaan mormee, muuziqaa siif nan qopheessa.”
Ykn., “godoo qulqulluu.”
Ykn tarii, “maqaa kee caalaa dubbii keetiif.”
Kal., “fagootti beeka.”