Ibrootaaf 1:1-14

  • Waaqayyo karaa Ilma isaa dubbata (1-4)

  • Ilmi maleekota irra ni caala (5-14)

1  Bara duriitti Waaqayyo yeroo baayʼee fi karaa hedduutiin abbootii keenyatti karaa raajotaa dubbate.+  Amma immoo dhuma guyyoota kanaatti karaa Ilma isaa+ isa dhaaltuu wanta hundumaa+ godhee muudee fi sirnoota* adda addaa karaa isaa uume+ sanaa nutti dubbate.  Inni ulfina+ Waaqayyoo calaqqisa, eenyummaa isaas sirriitti bakka buʼa;+ akkasumas humna dubbii isaatiin waan hundumaa jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda,+ mirga isa Ulfina Qabeessa sanaa, iddoo ol aanaa taaʼe.+  Kanaafuu, maqaa isa kan maleekotaa irra baayʼee caalu hamma dhaalutti,+ maleekota irra kan wayyu taʼe.+  Fakkeenyaaf, Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera,”+ akkasumas, “Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa”+ jedhee beeka?  Yeroo Ilma isaa isa Angafa+ lammata gara lafaatti fidu ilaalchisees, “Maleekonni Waaqayyoo hundi isaaf haa sagadan” jedheera.  Waaʼee maleekotaa immoo, “Maleekota isaa hafuurota, tajaajiltoota* isaas+ labooba ibiddaa ni godha”+ jedheera.  Waaʼee Ilma isaa garuu akkana jedhe: “Waaqayyo baraa hamma bara baraatti aangoo mootii siif ni kenna,*+ uleen Mootummaa kee ulee qajeelinaa* ti.  Ati qajeelummaa jaallattee jalʼina jibbite. Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe, hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin kan si dibe+ kanaafi.”+ 10  Dabalataanis akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati jalqaba irratti hundee lafaa keesse, samiiwwanis hojii harka keetii ti. 11  Isaan ni badu, ati garuu ni jiraatta; hundi isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu; 12  ati akkuma waarootti* isaan ni marta, isaan akkuma uffataa ni jijjiiramu. Ati garuu sanuma, waggoonni kees matumaa dhuma hin qaban.”+ 13  Haa taʼu malee, maleekota keessaa isa kamiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedhee beeka? 14  Hundi isaanii hafuurota tajaajila qulqulluu*+ dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman mitii?

Miiljaleewwan

Ykn., “baroota.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “tajaajiltoota uummataa.”
Kal., “teessoo kee ti.”
Ykn., “haqaa.”
Ykn., “uffata irratti uffatamu.”
Ykn., “tajaajila uummataa.”