Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi—Hiikasaa

Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi—Hiikasaa

MACAAFA QULQULLUU keerratti, Faarfannaan 83:18 akkamitti hiikame? Hiikni Caaffata Qulqullaa’oo Addunyaa Haaraa caqasa kana akkas jechuudhaan hiike: “Namoonni Maqaan kee Yihowaa kan ta’e ati guutummaa biyya lafaarratti ati qofaa kee gooftaa hundumaa olii akka taate akka beekaniifidha.” Macaafonni Qulqulluun baay’eenis caqasa kana haala kanaa wajjin wal fakkaatuun hiikaniiru. Haata’u malee, hiikawwan Macaafa Qulqulluu baay’een maqaa Yihowaa jedhu kana maqaawwan ulfinaa “Gooftaa” ykn “Baraa Hanga Baraatti Kan Jiraatu” jedhamaniin bakka buusaniiru. Caqasa kanarratti galuu kan qabu isa kamidha? Maqaa ulfinaamoo maqaa Yihowaa jedhudha?

Maqaan Waaqayyoo qubee afaan Ibrootaatiin

Caqasni kun waa’ee maqaa dubbata. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaarratti jalqaba barreeffaman baay’ee keessatti, maqaan adda ta’e kun barreeffamee argama. Maqaan kun qubee Ibrootaatiin יהוה (YHWH) jedhamee barreeffameera. Hiikni maqaa kanaa afaan Oromootiin barame “Yihowaa” kan jedhudha. Maqaan kun kan argamu hiika Macaafa Qulqulluu tokkorratti qofaa? Lakki. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu jalqaba afaan Ibrootaatiin barreeffaman keessatti al 7,000 caqasameera!

Maqaan Waaqayyoo hangam barbaachisaadha? Fakkeenya kadhannaa Yesus dhiheesse ilaali. “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jechuudhaan jalqaba. (Maatewos 6:9) Yeroo boodas Yesus: “Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, guddisi!” jechuudhaan Waaqayyoon kadhateera. Waaqayyos samiirraa: “Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; si’achis nan ulfeessa, nan guddisas!” jechuudhaan deebii kenneera. (Yohannis 12:28) Maqaa Waaqayyootiif bakki guddaan kan kennamu ta’uusaa kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Erga akkas ta’ee namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan baay’een maqaa kana hiikawwan Macaafa Qulqulluusaanii keessaa baasuudhaan maqaa ulfinaatiin kan bakka buusan maaliifiree?

Gochasaanii kanaaf sababiiwwan gurguddaan lama waan jiran fakkaata. Sababiin inni jalqabaa maqaan kun dur akkamitti akka waamamu waan hin beekneef, yeroo har’aattis sirriitti beekuun hin danda’amu ejjennoo jedhu qabachuusaaniiti. Qubeen afaan warra Ibrootaa dur dubbachiiftuu malee barreeffama ture. Kanaafuu, qubeewwan YHWH jedhaman dur akkamitti akka dubbifaman namni sirriitti beeku hin jiru. Haata’u malee, kun maqaa Waaqayyootiin akka hin gargaaramne nu dhowwuu qabaa? Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti maqaan Yesus, Yeshuwaa ykn Yehooshuwaa jedhamee utuu hin waamamin hin oolu. Yeroo ammaatti maqaan kun akkas jedhamee akka waamamaa ture namni mirkanaa’aa ta’ee dubbachuu danda’u hin jiru. Haata’u malee, namoonni addunyaa maratti argaman akka maqaan kun afaansaaniitiin beekamutti karaa adda addaatiin waamu. Maqaan kun jaarraa jalqabaatti akkamitti akka waamamu sirriitti waan hin beekneef qofa maqaa kanaan gargaaramuu hin dhiisne. Haaluma wal fakkaatuunis, biyya alaa utuu dhaqxee maqaankee afaan garabiraadhaan karaa adda ta’een waamamuu akka danda’u hubachuunkee hin oolu. Kanaafuu, bara duriitti maqaan Waaqayyoo akkamitti akka waamamu utuu hin beekin hafuun keenya, maqaasaatti akka hin gargaaramneef sababii ta’uu hin danda’u.

Sababa lammaffaan, maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessaa akka ba’u itti godhamemmoo, aadaa warra Yihudootaa isa yeroo dheeraadhaaf turee wajjin kan wal qabatedha. Yihudoonni garri caalaansaanii ilaalcha maqaan Waaqayyoo gonkumaa waamamuu hin qabu jedhu qabu turan. Amantiin akkasii kun seera Macaafa Qulqulluu kanaa gaditti argamu karaa dogoggora ta’een hubachuurraa kan madde ta’uusaa hubachuun ni danda’ama: “Ani Waaqayoo [“Yihowaan,” NW] nama akkasumaan maqaa koo dha’u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayoo [“Yihowaa,” NW] gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in.”—Ba’uu 20:7.

Abboommiin kun maqaa Waaqayyootiin seera malee gargaaramuu ni dhowwa. Haata’u malee karaa ulfina qabuun maqaa kanaan gargaaramuu nu dhowwaa? Matumaa hin dhowwu. Namoonni Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa (“Kakuu Moofaa”) barreessan hundi seera Waaqayyo Israa’eloota warra duriitiif kenneen kan geggeeffamaniifi namoota amanamoodha. Haata’u malee, maqaa Waaqayyoo irra deddeebi’anii itti gargaaramu turan. Fakkeenyaaf, faarfannaawwan waaqeffattoota baay’ee duratti sagalee guddaadhaan faarfataman keessatti maqaan Waaqayyoo caqasameera. Kana malees, Yihowaan waaqeffattoonnisaa maqaasaa akka waaman kan isaan ajaje yeroo ta’u, tajaajiltoonnisaa warri amanamoonis abboommii kanaaf ajajamaniiru. (Yo’el 2:32, NW; Hojii Ergamootaa 2:21, NW) Kanaafuu, Kiristiyaanonni yeroo har’aatti argamanis akkuma Yesus godhe maqaa Waaqayyoo karaa ulfina qabuun waamuurraa duubatti hin jedhan.—Yohannis 17:26.

Namoonni Macaafa Qulqulluu afaanota garabiraatti hiikan maqaa Waaqayyoo maqaa ulfinaatiin iddoo buusuusaaniitiin dogoggoraniiru. Waaqayyotti dhihaachuunis ta’e waa’eesaa akkasi jedhamee ibsuun akka hin danda’amne godhanii isa dhiheessanis, Macaafni Qulqulluun garuu “Waaqayyotti [“Yihowaatti,” NW] dhi’aadhaa” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Yaaqoob 4:8) Mee waa’ee hiriyaa baay’ee itti dhihaattuu yaadi. Maqaa hiriyaakee utuu hin beektu ta’ee hangam isatti dhihaatta? Haaluma wal fakkaatuunis, namoonni maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu akka hin beekne yoo taasifaman akkamitti gara Waaqayyootti dhihaachuu danda’u? Kana malees, namoonni maqaa Waaqayyootiin hin gargaaraman taanaan, maqaasaa isa hiika guddaa qabu kana utuu hin hubatin hafu. Hiikni maqaa Waaqayyoo maalidha?

Waaqayyumtiyyuu, hiika maqaansaa qabu hojjetaasaa kan ta’e Museedhaaf ibseera. Museen yeroo waa’ee maqaa Waaqayyoo gaafatetti Yihowaan: “Wantan ta’uu barbaadu hundaa nan ta’a” jechuudhaan deebii kenneeraaf. (Ba’uu 3:14, NW) Hiikni Macaafa Qulqulluu Roozarhaam jedhamu jechoota kana “Wantan ta’uu fedhu hundumaa nan ta’a” jechuudhaan hiikeera. Kanaafuu, Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf wanta ta’uu barbaadu hundumaa ni ta’a jechuudha.

Wanta ta’uu barbaaddu hundaa utuu ta’uu dandeessee hiriyoota keetiif maal goota? Hiriyootakee keessaa tokko garmalee utuu dhukkubsatee dooktora beekamaa ta’uudhaan isa fayyisuu dandeessa. Hiriyaakee isa kaanirrammoo kasaaraan qarshii utuu irra ga’ee sooressa namoota rakkatan gargaaru ta’uudhaan kasaaraa isarra ga’e keessaa isa baasuu dandeessa. Dhugaansaa garuu wanta ta’uu barbaaddu hundumaa ta’uu hin dandeessu. Hudi keenyayyuu humni keenya daangeffamaadha. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan, Yihowaan waadaa gale hundaa raawwachuuf wanta ta’uu barbaadu hundaa akkamitti akka ta’uu danda’u yeroo argitu ni dinqisiifatta. Yihowaan humnasaatiin namoota isa jaallatan ittiin gargaaruun isa gammachiisa. (2 Seenaa 16:9) Namoonni maqaasaa hin beekne garuu, amalawwansaa warra gaggaarii kana utuu hin hubatin hafu.

Ifatti hubachuun akka danda’amutti, maqaan Yihowaa jedhamu Macaafa Qulqulluu keessaa ba’uu hin qabu. Hiika maqaansaa qabu beekuun keenyaafi waaqeffannaa keenya keessatti karaa seera qabuun ittiin gargaaramuun keenya gara Abbaa keenya isa samiitti, gara Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. *

^ KEY. 3 Waa’ee maqaa Waaqayyoofi hiika maqaansaa qabu, akkasumas waaqeffannaa keenya keessatti maqaasaatiin gargaaramuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e yaada dabalataa argachuuf, birooshuura Maqaa Waaqayyo Isa Bara Baraaf Jiraatu jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali.