Baʼuu 3:1-22

  • Musee fi harangamaa bobaʼu (1-12)

  • Yihowaan hiika maqaa isaa ibse (13-15)

  • Yihowaan Museedhaaf qajeelfama kenne (16-22)

3  Museen abbiyyuu* isaa Yetroo+ isa luba Miidiyaan taʼe sanaaf bushaayee tiksuu jalqabe. Bushaayee sana utuma kallattii dhihaa lafa onaa sanaatti oofaa jiruu, dhuma irratti gara gaara Waaqa dhugaa, jechuunis gara Horeeb+ dhufe.  Achiis maleekaan Yihowaa labooba ibiddaa harangamaa* tokko gidduu jiru keessaa isatti mulʼate.+ Innis xiyyeeffatee yommuu ilaalu, harangamaan sun bobaʼaa kan jiru taʼus, akka hin gubanne arge.  Kanaafuu Museen, “Mee wanti adda taʼe kun maal akka taʼee fi harangamaan sun maaliif akka hin gubanne itti siqeen qoradha” jedhe.  Yihowaanis Museen ilaaluuf itti siquu isaa yommuu argu harangamaa sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame; innis, “Kunoo, asan jira” jedhee deebise.  Achiis inni, “Kana caalaa as hin siqin. Bakki ati dhaabbatte lafa qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi” isaan jedhe.  Itti dabaluudhaanis, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoobi”+ isaan jedhe. Achiis Museen Waaqa dhugaa ilaaluu waan sodaateef, fuula isaa ni dhokse.  Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+  Ani harka warra Gibxii jalaa isaan oolchuuf,+ akkasumas biyya sana keessaa isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaa taatetti, gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti,+ naannoo Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti isaan galchuuf gad nan buʼa.+  Kunoo, iyyi saba Israaʼel ana bira gaʼeera; warri Gibxiis hammam gara jabinaan isaan cunqursaa akka jiran argeera.+ 10  Egaa kottu, gara Faraʼoonitti sin erga; atis Israaʼelota warra saba koo taʼan biyya Gibxii keessaa ni baasta.”+ 11  Museen garuu Waaqa dhugaatiin, “Gara Faraʼoon kanan dhaquu fi Israaʼelota biyya Gibxii keessaa kanan baasu ani eenyu taʼeeni?” jedhe. 12  Innis akkana isaan jedhe: “Ani sii wajjin nan taʼa;+ mallattoon kan si erge ana taʼuu koo argisiisu kana dha: Ati sabicha biyya Gibxii keessaa erga baastee booda, isin gaara kana irratti Waaqa dhugaa ni tajaajiltu.”*+ 13  Museen garuu Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Ani gara Israaʼelotaa dhaqee, ‘Waaqni abbootii keessanii gara keessanitti na ergeera’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo, ‘Maqaan isaa eenyu?’+ yoo naan jedhan maal jedhee isaaniif deebisu?” 14  Kanaafuu, Waaqayyo Museedhaan, “Wantan Taʼuu Filadhu* Nan Taʼa”*+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Israaʼelotaan, ‘Nan Taʼaatu gara keessanitti na erge’+ jetta” isaan jedhe. 15  Waaqayyo ammas Museedhaan akkana jedhe: “Israaʼelotaan akkana jetta: ‘Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoob+ taʼetu gara keessanitti na erge.’ Bara baraaf maqaan koo isa kana;+ dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama. 16  Ammas dhaqiitii jaarsolii Israaʼel walitti qabii akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe natti mulʼatee akkana naan jedhe: “Ani dhugumaan isiniinis taʼe wanta biyya Gibxii keessatti isin irratti raawwatamaa jiru argeera.+ 17  Kanaafuu, ani dhiphina harka namoota Gibxiitiin isin irra gaʼu jalaa isin baasee,+ gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa,+ Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti,+ gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ isin nan galcha jedheera.”’ 18  “Isaan dhugumaan sagalee kee ni dhagaʼu;+ atii fi jaarsoliin Israaʼelis gara mootii Gibxii dhaqxanii, ‘Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan+ nutti dubbatee ture. Kanaafuu maaloo, Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessinuuf, adeemsa guyyaa sadii deemnee gara lafa onaa akka dhaqnu nuuf heyyami’ isaan jettu.+ 19  Taʼus, mootiin Gibxii harki jabaan yoo isa dirqisiise malee, akka deemtan kan isiniif hin heyyamne taʼuu isaa ani iyyuu akka gaariitti nan beeka.+ 20  Kanaafuu, harka koo diriirsee hojiiwwan dinqisiisoo hundumaa ani ishii keessatti raawwadhuun Gibxii nan rukuta; sana booda inni isin gadhiisa.+ 21  Anis sabni kun warra Gibxii duratti ulfina akka argatu nan godha; isinis yommuu deemtan, matumaa harka duwwaa hin baatan.+ 22  Dubartoonni hundi olloota isaanii fi dubartoota mana isaanii keessa jiraatan faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata haa gaafatan; isinis wantoota kana ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessaniif ni gootu; warra Gibxiis ni saamtu.”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, soddaa.
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Ykn., “ni waaqeffattu.”
Ykn., “Wantan Taʼu Nan Taʼa.” Kutaa Dabalataa A4 ilaali.
Ykn., “Barbaadu.”