Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA AFUR

Yesus Kiristos Eenyu?

Yesus Kiristos Eenyu?
  • Yesus ga’ee addaa akkamii qaba?

  • Yesus eessaa dhufe?

  • Yesus nama akkamii ture?

1, 2. (a) Nama beekamaa tokko maqaadhaan beekuun, nama sana sirriitti beekuudha jechuu kan hin taane maaliifi? (b) Yesusiin ilaalchisee yaada wal faallessu akkamiitu jira?

ADDUNYAA kana keessatti namoonni beekamoo ta’an hedduun jiru. Isaan keessaa tokko tokko beekamummaa kan argatan hawaasasaanii, magaalaasaanii ykn biyyasaanii keessatti yeroo ta’u, kaanimmoo addunyaa maratti beekamummaa argataniiru. Haata’u malee, maqaa nama beekamaa tokkoo beekta jechuun nama sana sirriitti beekta jechuu miti. Akkaataa guddinaasaafi eenyummaa nama sanaa ilaalchisee wantoota tokko tokko hin beektu ta’a.

2 Yesus lafa kanarra kan jiraate waggoota 2,000 dura ta’us, namoonni addunyaa maratti argaman waa’eesaa hamma tokko dhaga’aniiru. Haata’u malee, namoonni baay’een Yesus eenyu akka ture sirriitti hin beekan. Namoonni tokko tokko inni nama gaarii ture jedhu. Kaanimmoo raajota keessaa tokko ture jedhanii dubbatu. Yesus Waaqa akka ta’eefi waaqeffatamuu akka qabu kan amananis jiru. Dhugumaan waaqeffatamuu qabaa?

3. Waa’ee Yesus dhugaasaa beekuun kee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 Yesus eenyu akka ta’e sirriitti beekuun kee baay’ee barbaachisaadha. Maaliif? Sababiinsaas, Macaafni Qulqulluun: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” waan jedhuufidha. (Yohannis 17:3) Eeyyee, waa’ee Yihowaafi waa’ee Yesus beekumsa sirrii ta’e argachuun lafa jannata taaturratti jireenya bara baraa siif argamsiisuu danda’a. (Yohannis 14:6) Kana malees, Yesus akkamitti jiraachuu akka qabnuufi warra kaaniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuu ta’a. (Yohannis 13:34, 35) Boqonnaa jalqabaa kitaaba kanaarratti, Waaqayyoon ilaalchisee dhugaansaa maal akka ta’e baranneerra. Mee ammammoo Macaafni Qulqulluun Yesus Kiristosiin ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu.

MASIIHIICHA ISA ABDACHIIFAME

4. Maqaan ulfinaa “Masiihii” fi “Kristos” jedhu hiiknisaa maalidha?

4 Yesus utuu hin dhalatin waggoota dheeraa dura Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo Masiihii ykn Kiristos taasisee eenyuun akka ergu raajii dubbateera. Maqaan ulfinaa afaan Ibrootaatiin “Masiihii” jedhuufi afaan Giriikiitiin immoo “Kristos” jedhu hiiknisaa “Kan dibame” jechuudha. Waaqayyo Masiihii abdachiifame kana kan dibe, kaayyoo adda ta’e tokko akka raawwatuufidha. Boqonnaawwan dhumaa kitaaba kanaarratti, Masiihichi abdiiwwan Waaqayyo kenne galmaan ga’uurratti ga’ee akkamii akka qabu ni ilaalla. Eebbawwan Yesus yeroo ammaatti nuuf argamsiisus ni baranna. Yesus utuu hin dhalatin dura namoonni hedduun ‘Masiihii kan ta’u eenyu’? jedhanii gaafachuunsaanii akka hin oolle beekamaadha.

5. Yesusiin ilaalchisee wanti bartoonnisaa guutummaatti amananii fudhatan maalidha?

5 Dhaloota Kiristos booda jaarraa jalqabaatti bartoonni Yesus, Masiihiin abdachiifame Yesus ta’uusaa amananii fudhataniiru. (Yohannis 1:41) Bartootasaa keessaa tokko kan ta’e Simoon Phexros Yesusiin: “Ati Masiihicha” jedhee ifatti dubbateera. (Maatewos 16:16) Haata’u malee, bartoonni sun, dhugumaan Yesus Masiihii ta’uusaa mirkanaa’oo ta’uu kan danda’an akkamitti? Nutihoo akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

6. Yihowaan tajaajiltoonnisaa warri amanamoon Masiihicha akka adda baasanii beekan kan gargaare akkamitti akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

6 Raajonni Waaqayyoo warri Yesus dura turan, Masiihicha ilaalchisee dhimmawwan barbaachisoo ta’an bal’inaan dubbataniiru. Ragaawwan kunis, namoonni kaan Masiihicha akka hubatan isaan gargaaraniiru. Mee wanta kana fakkeenyaan haa ilaallu: Nama kanaan dura tasumaa argitee hin beekne buufata otoobisiitii, buufata baaburaatii ykn bakka qubata xiyyaaraatii dhaqxee akka fiddu sitti himame haa jennu. Namni tokko waa’ee nama simattu sanaa wantoota barbaachisoo ta’an tokko tokko utuu sitti himee gaarii mitii? Haaluma wal fakkaatuunis, Yihowaan raajota Macaafa Qulqulluutiin gargaaramee Masiihichi maal akka raawwatuufi maaltu akka irra ga’u ibsa barbaachisaa ta’e kenneera. Raajiiwwan kun hundi raawwii argachuunsaanii, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’an Masiihicha akka beekan gargaareera.

7. Yesusiin ilaalchisee, raajiiwwan raawwiisaanii argatan lamaan kamfa’i?

7 Mee fakkeenyawwan lama qofa ilaali. Jalqabarratti, Miikiyaas raajichi waggoota 700 ol ta’an dura Masiihichi magaalaa xinnoo Betlihem jedhamtuufi biyya Yihudaatti argamtu keessatti akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Miikiyaas 5:2) Yesus eessatti dhalateree? Magaaluma Betlihemittidha! (Maatewos 2:1, 3-9) Lammaffaarattimmoo, raajiin Daani’el 9:25rratti argamu jaarraa dheeraa dura Masiihichi dhaloota Kiristos booda bara 29tti akka mul’atu ibsee ture. * Raajiiwwan kuniifi raajiiwwan kan biraan raawwiisaanii argachuunsaanii, Yesus Masiihicha isa abdachiifame ta’uusaa mirkaneessaniiru.

Yesus yeroo cuuphametti Masiihii ykn Kiristos ta’eera

8, 9. Yesus yeroo cuuphame Masiihii ta’uunsaa kan mirkanaa’e akkamitti?

8 Dhaloota Kiristos booda waggaa 29ffaattis ragaa garabiraan Yesus Masiihii ta’uusaa mirkaneessu raawwatameera. Yesus Laga Yordaanositti cuphamuuf gara Yohannis Cuuphaa kan dhaqe waggaa kanatti ture. Yohannis Masiihicha beekuu akka danda’utti Yihowaan akka milikkita isaaf kennu waadaa galeefii ture. Yeroo Yesus cuuphametti Yohannis milikkita kana argeera. Macaafni Qulqulluun wanta raawwatame akkas jechuudhaan ibsa: “Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, ‘Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama’ jedhee waaqa irraa in dubbate.” (Maatewos 3:16, 17) Yohannis wanta raawwatame erga argeefi dhaga’ee booda, Waaqayyo Yesusiin erguusaa homaa hin shakkine. (Yohannis 1:32-34) Guyyaa hafuurri ykn humni Waaqayyoo isarra bu’e sanatti, Yesus Geggeessaafi Mootii ta’ee muudamuudhaan, Masiihii ykn Kiristos ta’e.Isaayaas 55:4.

9 Raajiin Macaafa Qulqulluu raawwii argachuunsaafi Yihowaan dhugaa ba’uunsaa Yesus Masiihii ta’uusaa argisiisa. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan barbaachisoo: Yesus eessaa dhufe? Akkasumas nama akkamii ture? jedhaniifis deebii ni kenna.

YESUS EESSAA DHUFE?

10. Macaafni Qulqulluun Yesus utuu gara lafaa hin dhufin dura jiraachuusaa ilaalchisee maal barsiisa?

10 Macaafni Qulqulluun Yesus utuu gara lafaatti hin dhufin dura samiirra jiraachaa akka ture barsiisa. Miikiyaas, Masiihichi Betlihemitti akka dhalatuufi hundeen isaa “kan bara durii durii” ta’uusaa dubbateera. (Miikiyaas 5:2) Yesusumtiyyuu, utuu nama ta’ee hin dhalatin dura samiirra jiraachaa akka ture irra deddeebi’ee dubbateera. (Yohannis 3:13; 6:38, 62; 17:4, 5) Yesus, qaama hafuuraa ta’ee yeroo samiirra jiraachaa turetti, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya addaa qaba ture.

11. Macaafni Qulqulluun Yesus Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

11 Yesus Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa jedhamuunsaa sirrii ture. Uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa waan ta’eefis, ‘uumama hundaa dura kan dhalate’ jedhamee waamameera. * (Qolosaayis 1:15) Ilma Waaqayyoo kana wanti adda isa godhu garabiraanis jira. Inni “tokkicha ilma” Waaqayyooti. (Yohannis 3:16) Kana jechuunis, Waaqayyo kallattiidhaan kan uume Yesusiin qofadha jechuudha. Kana malees, Waaqayyo wantoota garabiraa hundumaa uumuuf kan fayyadame Yesusitti qofadha. (Qolosaayis 1:16) Yesus “Sagalee” jedhamees waamameera. (Yohannis 1:14) Kana jechuunis, ijoollee Waaqayyoo warra qaama hafuuraa uffataniifis ta’e warra foon uffataniif ergaafi qajeelfama dabarsuuf Waaqayyoon bakka bu’ee dubbateera jechuudha.

12. Yesus Waaqayyoo wajjin akka qixxee hin taane akkamitti beekuu dandeenya?

12 Akka namoonni tokko tokko jedhanitti, Ilmi Waaqayyoo inni hangafni Waaqayyoo wajjin qixxeedhaa? Macaafni Qulqulluun akkas jedhee hin barsiisu. Keeyyata duraarratti akka hubannetti, Ilmi Waaqayyoo kun kan uumamedha. Kanaafuu, Ilmi Waaqayyoo jalqaba kan qabu yeroo ta’u, Waaqayyo garuu jalqabas ta’e dhuma hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Ilmi Waaqayyoo kun, gonkumaa Waaqayyoo wajjin of qixxeessuu yaalee hin beeku. Macaafni Qulqulluun Abbaan akka Ilma caalu ifatti barsiisa. (Yohannis 14:28; 1 Qorontos 11:3) ‘Waaqni, Waan Hundumaa Danda’u’ Yihowaa qofadha. (Uumama 17:1) Kanaafuu, kan Waaqayyoo wajjin wal gitu hin jiru jechuudha. *

13. Macaafni Qulqulluun Kiristosiin, “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atuu dha” jedhee yeroo dubbatu maal jechuusaati?

13 Yihowaafi Ilmisaa, samiin urjiidhaan guutameefi lafti utuu hin uumamin duraa kaasee waggoota biliyoonaan lakkaa’amaniif walitti dhufeenya cimaa qabu turan. Hangam akka wal jaallatan tilmaamuun ni danda’ama! (Yohannis 3:35; 14:31) Ilmi jaallatamaan kun akkuma Abbaasaa ture. Macaafni Qulqulluun, Ilma kanaan “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atuu dha” jedhee kan dubbatu kanumaafidha. (Qolosaayis 1:15) Eeyyee, mucaan namarraa dhalate tokko akkuma abbaasaa wajjin karaa baay’ee wal fakkaachuu danda’u, Ilmi Waaqayyoo kunis amalawwan Waaqayyoo karaa hedduudhaan calaqqiseera.

14. Tokkichi Ilmi Waaqayyoo nama ta’ee kan dhalate akkamitti?

14 Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi kun nama ta’ee jiraachuuf fedhasaatiin samii dhiisee gara lafaa dhufeera. Haata’u malee, ‘Qaamni hafuuraa tokko nama ta’ee dhalachuu kan danda’u akkamitti?’ jettee gaafatta ta’a. Yihowaan kana gochuuf dinqii raawwateera. Lubbuu Ilmasaa isa samiirra ture gara gadameessa durba Yihudii, Maariyaam jedhamtu tokkootti jijjiire. Kana gochuuf abbaan nama foonii isa hin barbaachisne. Karaa kanaan Maariyaam ilma mudaa hin qabne kan godhatte yeroo ta’u, maqaasaas Yesus jettee moggaafte.Luqaas 1:30-35.

YESUS NAMA AKKAMII TURE?

15. Caalaatti Yihowaa beekuu kan dandeenyu karaa Yesusiini kan jennu maaliifi?

15 Wantoonni Yesus yeroo lafarra ture dubbateefi raawwate, caalaatti isa beekuuf nu gargaaru. Hundumaa caalaattimmoo, karaasaa Yihowaa caalaatti beekuu dandeenya. Kun ta’uu kan danda’e maaliifi? Kana beekuu yoo barbaadde, Ilmi Waaqayoo kun amalawwan Waaqayyoo guutummaatti calaqqisuusaa hubadhu. Yesus bartootasaa keessaa isa tokkoon: “Namni ana arge abbaa arge” jedhee kan isatti dubbatte kanumaafidha. (Yohannis 14:9) Kutaa arfan Macaafa Qulqulluu keessaa Wangeelota kan jedhaman, Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis waa’ee jireenya, hojiifi amalawwan Yesus Kiristos wantoota hedduu nutti himu.

16. Ergaan Yesus inni guddaan maal ture? Barumsisaahoo eessaa dhufe?

16 Yesus namoota baay’ee biratti “Barsiisaa” ta’uusaatiin beekama. (Yohannis 1:38; 13:13) Maalfaa barsiise? Ergaansaa inni guddaan “wangeela mootummaa Waaqayyoo” lallabuu ture. Mootummaan Waaqayyoo kun, mootummaa samiirra taa’uudhaan guutummaa biyya lafaa bulchuufi ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniif eebba dhuma hin qabne kan fidudha. (Maatewos 4:23) Ergaan kun kan eenyuuti? Yesus ofumasaatii: “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee” jechuudhaan ergaan kun kan Yihowaa ta’uusaa dubbateera. (Yohannis 7:16) Abbaansaa namoonni misiraachoo Mootummattii dhaga’uusaanii akka barbaadu beeka ture. Boqonnaa 8rratti waa’ee Mootummaa Waaqayyoofi wantoota Mootummaan kun raawwattu caalaatti baranna.

17. Yesus naannoowwan akkamiitti barsiise? Warra kaan barsiisuuf hamma danda’u carraaqqii kan godhehoo maaliifi?

17 Yesus eessatti barsiisaa ture? Naannoo namoota argachuu danda’u hundaatti, jechuunis, baadiyyaatti, magaalaatti, gandootatti, naannoowwan gabaafi manasaaniitti namoota barsiiseera. Yesus hamma namoonni garasaa dhufanitti eeguu mannaa, ofumasaatii garasaanii dhaqa ture. (Maarqos 6:56; Luqaas 19:5, 6) Yesus hamma danda’e carraaqqii gochuudhaan yeroo baay’ee lallabuufi barsiisuurratti kan dabarsaa ture maaliifi? Sababiinsaa, Waaqayyo akka inni kana godhu waan isarraa barbaaduufidha. Yesus yeroo hundaa jaalala Abbaasaa raawwata ture. (Yohannis 8:28, 29) Sababii itti lallabe garabiraas qaba ture. Namoota garasaatti dhufaniif ni gadda ture. (Maatewos 9:35, 36) Geggeessitoonni amantii waa’ee Waaqayyoofi waa’ee kaayyoosaa namoota sirriitti barsiisuu qaban kun utuu kana hin godhin hafanii turan. Yesus namoonni ergaa Mootummatti dhaga’uunsaanii hammam barbaachisaa akka ta’e hubatee ture.

18. Amalawwan Yesus keessaa caalaatti kan si gammachiisu kamfa’i?

18 Yesus garalaaffessa, jaalala qabeessaafi garaasaatii kan namootaaf yaadu ture. Kanaafuu, warri kaan, inni nama itti dhihaachuuf namatti hin ulfaanne ta’uusaa hubataniiru. Ijoollee xixinnoonillee isatti dhihaachuu hin sodaatan turan. (Maarqos 10:13-16) Yesus namoota wal hin caalsisu ture. Malaamaltummaafi murtoo jal’aa ni jibba ture. (Maatewos 21:12, 13) Bara dubartootaaf ulfinni hin kennamneefi mirgisaanii guutummaatti hin kabajamnetti, dubartootaaf ulfina kenna ture. (Yohannis 4:9, 27) Yesus nama baay’ee gad of qabu ture. Al tokko miilla bartootasaa dhiquudhaan, hojii namoonni gad aanaa ta’an hojjetan raawwateera.

Yesus bakka namoota argate hundaatti lallabeera

19. Yesus rakkina namootarra ga’eef akka gaddu fakkeenya isa kamtu argisiisa?

19 Yesus fedhii namoota birootiif ni yaada ture. Kunis, humna hafuura Waaqayyootiin yeroo namoota fayyisetti caalaatti mul’ateera. (Maatewos 14:14) Fakkeenyaaf, namni dhukkuba lamxiitiin qabame tokko garasaatti dhihaatee: “Fedha kee yoo ta’e na qulleessuu in dandeessa” jedheen. Dhukkubniifi dhiphinni nama kanaa Yesusiin gaddisiisee ture. Innis namichaaf gadduudhaan isatti dhihaatee harkasaa diriirsee isa tuquudhaan: “Fedheeraa qullaa’i!” jedheen. Namichis ni fayye! (Maarqos 1:40-42) Gammachuu namicha kanatti dhaga’ame tilmaamuu ni dandeessaa?

HAMMA DHUMAATTI AMANAMAA TA’EERA

20, 21. Yesus Waaqayyoof amanamummaan ajajamuusaatiin fakkeenya kan ta’e akkamitti?

20 Yesus Waaqayyoof amanamummaadhaan ajajamuusaatiin fakkeenya gaarii ta’eera. Mormiifi dhiphinni cimaan isarra ga’eyyuu, haala akkamiiyyuu jalatti Abbaasaa isa samiitiif amanamaa ta’eera. Hamma dhumaatti jabaatee dhaabachuudhaan qorumsa Seexanaa mo’eera. (Maatewos 4:1-11) Firoottansaa keessaa tokko tokko isatti hin amanan turan; kanarra darbees, ‘Innoo qalbii dabarseera’ isaan jedhanii turan. (Maarqos 3:21) Haata’u malee, jechasaaniitiin mo’amuu mannaa hojii Waaqayyoo hojjechuusaa itti fufeera. Arrabsoofi jal’inni isarratti raawwatamus, of qabuudhaan mormitootasaarra miidhaa geessisuurraa of qusateera.1 Phexros 2:21-23.

21 Yesus harka diinotasaatti dhiphinni hangana hin jedhamne irra ga’us, hamma du’aatti amanamaa ta’eera. (Filiphisiiyus 2:8) Mee jabina inni dhuma jireenyasaa isa lafaarratti argisiise yaadi. Qabamee ragaan sobaa erga irratti dhihaatee booda, abbootii seeraa murtoo jal’isaniin itti faradameera; namoonni itti ga’isaniiru; akkasumas loltoonni isa dhiphisaniiru. Erga mismaaraan mukarratti isa fannisanii booda, “Fiixaan ba’eera!” jedhee sagaleesaa ol fuudhee dubbateera. (Yohannis 19:30) Haata’u malee, guyyaa sadii booda Waaqayyo du’aa isa kaasuudhaan jireenya hafuuraa isaaf kenneera. (1 Phexros 3:18) Torban muraasa boodas gara samiitti deebi’eera. Achittis ‘mirga Waaqayyoo taa’ee’ hamma yeroo itti aangoo mootummaa fudhatutti eeggateera.Ibroota 10:12, 13.

22. Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uudhaan maal raawwate?

22 Yesus hamma du’aatti amanamummaa argisiisuusaatiin maal raawwate? Duutisaa kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa wajjin haala wal simuun lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuu akka dandeenyuuf karaa nuu baneera. Duuti Yesus jireenya kana akka argannu kan nu dandeessisu akkamitti akka ta’e boqonnaa itti aanurratti ilaalla.

^ KEY. 11 Yihowaan Uumaa waan ta’eef, Abbaa jedhamee waamameera. (Isaayaas 64:8) Yesusiin kan uume Waaqayyo waan ta’eef, Ilma Waaqayyoo jedhameera. Kanaan kan ka’e, Addaamis ta’e ergamoonni ijoollee Waaqayyoo jedhamanii waamamaniiru.Iyoob 1:6; Luqaas 3:38.

^ KEY. 12 Yesus Waaqayyoo wajjin akka qixxee hin taane yaada dabalataa argachuu yoo barbaadde Kutaa dabalataa, fuula 201-204rratti argamu ilaali.