Faarfannaa 65:1-13

  • Waaqni lafa ni kunuunsa

    • ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ (2)

    • ‘Namni ati filatte gammadaa dha’ (4)

    • Gaarummaa Waaqaa isa hedduu (11)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa. 65  Yaa Waaqayyo, Xiyoon+ keessatti jajamuun siif mala;Nuti wareega siif wareegne ni raawwanna.+   Yaa isa kadhannaa namaa dhageessuu, namoonni gosa* hundumaa gara kee ni dhufu.+   Balleessaan koo na liqimseera,+Ati garuu yakka keenya nuuf haguugdeetta.+   Namni mooraa kee keessa akka jiraatu filattee fiOfitti dhiheessite gammadaa dha.+ Nuti wantoota gaggaarii mana kee,+Mana qulqullummaa*+ kee isa qulqulluu taʼe keessa jiraniin ni quufna.   Yaa Waaqa fayyinaa keenya,Ati gochawwan qajeelummaa sodaachisoo taʼaniin deebii nuuf kennita;+Ati Amanannaa guutummaa andaara lafaa,+Akkasumas kan warra galaanicha gama fagaatanii jiranii ti.   Ati* humna keetiin gaarota cimsitee hundeessiteetta;Jabinas uffatteetta.+   Galaanota jeeqaman,Dhaʼaa dambalii isaanii fi jeequmsa sabootaa cal jechisiista.+   Namoonni naannoo fagoo jiraatan mallattoowwan keetiin kan kaʼe ni sodaatu;+Ati warri baha biiftuutii jalqabee hamma dhiha biiftuutti argaman gammachuudhaan akka ililchan ni goota.   Firii baayʼee* akka argamsiistuu fi badhaatuu akka taatu gochuudhaan,Lafa ni kunuunsita.+ Lagni Waaqa biraa dhufu guutuu dha;Midhaan isaaniif ni kennita,+Ati akka kanaan lafa qopheessiteetta. 10  Boʼoowwan isaa ni laaffiste, biyyoo isaa isa qotames* wal qixxeessite;Tiifuu bokkaatiin isa ni jiiste; sanyiin facaafame akka biqiluu fi akka guddatuufis biyyoo isaa ni eebbiste.+ 11  Waggicha gaarummaa keetiin ni gonfite;Daandiin kees badhaadhinaan kan guutame dha.*+ 12  Iddoowwan dheedichaa lafa onaa keessa jiran yeroo hundumaa ni lalisu,*+Tabbawwanis gammachuudhaan guutamaniiru.+ 13  Iddoowwan dheedichaa keessa bushaayeewwan guutaniiru,Sululawwanis* midhaaniin uwwifamaniiru.+ Isaan sagalee injifannootiin ni iyyu, eeyyee, ni faarfatu.+

Miiljaleewwan

Kal., “foon.”
Ykn., “Iddoo qulqulluu.”
Kal., “Inni.”
Kal., “Irraa hafaa akka taatu.”
Ykn., “sararawwan isaas.”
Kal., “cooma kan coccobsu dha.”
Kal., “coccobu.”
Ykn., “Dirreewwan gad buʼoon.”