Faarfannaa 115:1-18

  • Ulfinni Waaqaaf qofa kennamuu qaba

    • Waaqolii tolfamoo lubbuu hin qabne (4-8)

    • Lafti namootaaf kennamte (16)

    • “Warri duʼan Yaahiin hin jajatan” (17)

115  Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,+Yaa Yihowaa, nuuf utuu hin taʼin, eeyyee, nuuf utuu hin taʼin,*Maqaa keetiif ulfinni haa taʼu.+  2  Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?” Maaliif haa jedhan?+  3  Waaqni keenya samii irra jira;Inni wanta isatti tolu akkamii iyyuu ni raawwata.  4  Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,Warra hojii harka namaa taʼani dha.+  5  Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;  6  Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;  7  Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+  8  Namoonni isaan tolchan,Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+  9  Yaa Israaʼelotaa, Yihowaatti amanamaa,+Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+ 10  Isin manni Aaron,+ Yihowaatti amanamaa,Inni gargaaraa fi gaachana keessani. 11  Isin warri Yihowaa sodaattan, Yihowaatti amanamaa,+Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+ 12  Yihowaan nu yaadata, nu eebbisas;Inni mana Israaʼel ni eebbisa;+Mana Aaronis ni eebbisa. 13  Xinnaas taʼe guddaa,Inni warra Yihowaa sodaatan ni eebbisa. 14  Yihowaan isinis taatan ijoolleen* keessanAkka baayʼattan ni godha.+ 15  Yihowaan inni samii fi lafa tolche+Isin haa eebbisu.+ 16  Samiiwwan kan Yihowaa ti,+Lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne.+ 17  Warri duʼan Yaahiin hin jajatan;+Namni gara duʼaatti* gad buʼu hundis isa hin jajatu.+ 18  Nuti garuu ammaa jalqabee bara baraafYaahiin ni jajanna. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

^ Ykn., “Yaa Yihowaa, nuti homaa hin qabnu, eeyyee nuti homaa hin qabnu.”
^ Kal., “ilmaan.”
^ Kal., “gara iddoo callisaa taʼetti.”
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.