Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hojicha Isa Karaa Gooftaa Fudhatte Sana” Raawwadhu!

“Hojicha Isa Karaa Gooftaa Fudhatte Sana” Raawwadhu!

“Hojicha Isa Karaa Gooftaa Fudhatte Sana” Raawwadhu!

“Hojicha isa karaa gooftaa fudhatte sana akka raawwattu godhi!”—QOL. 4:17.

1, 2. Haala ilmaan namoota wajjin walqabateen Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa maalii qabu?

NAMOOTA naannoo keenya jiraatanii wajjin haala walqabateen itti gaafatamummaa guddaa qabna. Murtoon isaan amma godhan yeroo ‘rakkinni guddaan’ dhufutti jireenya isaanii kennuu ykn du’a isaanitti fiduu danda’a. (Mul. 7:14) Namni geggeessaa hafuura qulqulluutiin Macaafa Fakkeenyaa barreesse, “Warra gara du’aatti geeffaman oolchi, warra ajjeefamuuf hollachaa adeemanis deebisi!” jedheera. Dhugumayyuu, jechi kun dhimma xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii qabudha! Itti gaafatamummaa namoonni filannoo akka godhan gargaaruuf qabnu dagachuun, dhiigasaaniitti akka itti gaafatamnu nugodha. Fakkeenyi armaan olii itti fufuudhaan akkas jedha: “Ati, ‘Nuyi waa’ee kanaa hin beekne’ yoo jette, inni garaa namaa qoru kana hin hubatuu ree? Inni jireenya kee eegu kana hin beeku ree? Inni namaaf akka hojii isaatti gatii isaa in kenna mitii ree?” Tajaajiltoonni Yihowaa badiisa ilmaan namootaatti dhufaa jiru ilaalchisee, “Nuyi waa’ee kanaa hin beekne” jedhanii akka hin dubbanne beekamaadha.—Fak. 24:11, 12.

2 Yihowaan lubbuudhaaf bakka guddaa kenna. Tajaajiltoonnisaas hamma danda’an lubbuu namoota baay’ee badiisarraa oolchuuf carraaqqii akka godhan isaan akeekkachiiseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi, Dubbii Waaqayyoo isa lubbu baraarsaa ta’e warra kaaniif lallabuu akka qaban beeku. Hojiin keenya, eegduu balaan akka ga’aa jiru argee iyyuu wajjin walfakkaata. Dhiigasaaniitti itti gaafatamuu hin barbaannu. (His. 33:1-7) Kanaafuu, ‘dubbicha lallabuu’ keenya itti fufuun baay’ee barbaachisaadha!2 Ximotewos 4:1, 2, 5 dubbisi.

3. Mataduree kanaafi matadureewwan ittaanaan lamaanirratti maaltu ibsama?

3 Mataduree kana keessatti, tajaajila lubbu baraarsaa ta’e kana yommuu raawwattu rakkoo simudatu mo’uufi namoota hedduu gargaaruu kan dandeessuu akkamitti akka ta’e ilaalla. Mataduree ittaanurrattimmoo, ogummaa dhugaa lubbu baraarsaa ta’e kana ‘ittiin barsiisnu’ akkamitti guddifachuu akka dandeenyu qorra. Matadureen qayyabannaa inni sadaffaanis, muuxannoo nama jajjabeessuufi labsitoota Mootummichaa addunyaa maratti argamanii kan ibsudha. Haata’u malee, matadureewwan kanarratti mari’achuu keenya dura sababii yeroon keessa jirru kun baay’ee sodaachisaa itti ta’erratti mari’anna.

Namoonni Hedduun Abdii Kan Hin Qabne Maaliifi?

4, 5. Ilmaan namootaa haala akkamii keessatti argamu? Namoota hedduutti maaltu dhaga’ama?

4 Haalli biyya lafaa akka argisiisutti, kan jiraannu ‘dhuma barichaa’ keessa waan ta’eef guyyaan dhumaa baay’ee dhihaateera. Mallattoo Yesusiifi bartoonnisaa dubbatanii wajjin haala walsimuun, ilmaan namootaa rakkoo ‘guyyoota gara dhumaa’ kanatti ga’aa jiraniin dhiphachaa jiru. Balaawwan garabiraa dabalatee, waraanni, hanqinni midhaan nyaataa, socho’i lafaafi dhahichi ilmaan namootaatti “ciniinsuu” guddaa ta’aniiru. Seera malee jiraachuun, ofittummaafi Waaqayyo malee jiraachuun garmalee babal’ateera. Wantoonni kunis, namoota seera Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuuf carraaqaniifillee ‘yeroo nama sodaachisu’ akka ta’u godhaniiru.—Mat. 24:3, 6-8, 12; 2 Xim. 3:1-5.

5 Haata’u malee, ilmaan namootaa harki caalaan wantoonni biyyi lafaarratti raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban hubannoo hin qaban. Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun waa’een nageenyasaaniifi maatiisaanii isaan yaaddessa. Nama jaallatan du’aan dhabuufi haalawwan gaddisiisoon isaanirra ga’an namoota hedduu dhiphinaaf saaxilaniiru. Sababii rakkoowwan kun itti ga’aniifi furmaanni rakkoowwan kanaa eessaa akka argamu beekumsa sirrii waan hin arganneef namoonni kun abdii hin qaban.—Efe. 2:12.

6. ‘Baabilon guddittiin’ duuka buutotashee gargaaruu kan hin dandeenye maaliifi?

6 ‘Baabilon guddittiin’ bulchiinsi amantii sobaa, ilmaan namootaa jajjabeessuu hin dandeenye. Kanaa mannaa ‘daadhii waynii halalummaasheetiin’ namoota baay’ee karaa hafuuraa burjaajessiteetti. Kana malees, ejjituu ta’uudhaan, amantiin sobaa barumsa sobaafi gochawwan hafuura xuraa’ootiin ilmaan namootaa garri caalaan mormii tokko malee abbootii taayitaa siyaasaatiif akka bitaman waan gootuuf, akkuma dubartii ejjituu ‘mootota biyya lafaa’ gowwoomsuudhaan to’annaashee jala oolchiteetti. Kanaafuu, amantiin sobaa karaa kanaan ilmaan namootaa gara caalu to’achuufi dhiibbaa geessisuu kan dandeesse taatus, dhugaa Macaafa Qulqulluu garuu guutummaatti dhiisteetti.—Mul. 17:1, 2, 5; 18:23.

7. Wanti ilmaan namootaa baay’ee eeggatu maalidha? Haata’u malee isaan keessaa namoota muraasa gargaaruun kan danda’amu akkamitti?

7 Yesus ilmaan namootaa baay’een karaa bal’aa gara badiisaatti geessurra adeemaa akka jiran barsiiseera. (Mat. 7:13, 14) Namoonni muraasni wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu ta’e jedhanii fudhachuu diduusaaniitiin karaa bal’aarra adeemaa kan jiran si’a ta’u, namoonni hedduun garuu waan gowwoomfamaniif ykn geggeessitoonni amantaasaanii Yihowaan maal akka isaanirraa barbaadu waan hin barsiisneef dukkana keessatti argamu. Warri tokko tokko ragaan Caaffata Qulqullaa’oo ifa ta’an utuu isaaniif kennamee akkaataa jireenyaasaanii jijjiiruu danda’u ta’a. Ta’us namoonni Baabilon Guddittii keessa turuu filataniifi qajeelfama Macaafa Qulqulluu fudhachuu didan “rakkina guddaa” jalaa ooluu hin danda’an.—Mul. 7:14.

Utuu ‘Gargar Hin Kutin’ Lallabuu Keessan Itti Fufaa

8, 9. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo ari’atamni isaanirra ga’e maal godhan? Maaliif?

8 Yesus duuka buutonnisaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabaniifi bartoota akka taasisan dubbatee ture. (Mat. 28:19, 20) Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaa yeroo hundumaa hojii lallabaarratti hirmaachuun dhimma Waaqayyoof amanamoo ta’uu wajjin walqabateefi bu’uura ulaagaa amantaasaanii akka ta’etti ilaalu. Kanaaf jechas, duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan ari’atamni isaanirra ga’uyyuu lallabuusaanii itti fufaniiru. Yihowaan jabina akka isaaniif kennu isatti amanamuudhaan “sodaa malee dubbii [isaa] akka dubbataniif” kadhannaa dhiheessaniiru. Yihowaanis hafuura qulqulluudhaan isaan guutee dubbii Waaqayyoo akka dubbataniif ija jabina isaaniif kenneeraa.—HoE. 4:18, 29, 31.

9 Duuka buutonni Yesus ari’atamni isaanirra ga’u itti cimaa yeroo adeemu, misraachoo lallabuuf murtoo godhanirraa duubatti jedhaniiruu? Matumaa. Geggeessitoonni amantii lallaba ergamootaatti aaranii isaan hidhuudhaan isaan doorsisuusaniirrayyuu, isaan reeban. Ta’us, ergamoonni, “Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” ‘Namaaf abboomamurra Waaqayyoof abboomamuu akka qaban’ sirriitti hubataniiru.—HoE. 5:28, 29, 40-42.

10. Qorumsi yeroo har’aatti Kiristiyaanotarra ga’u maalidha? Haata’u malee amallisaanii inni gaariin bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?

10 Tajaajiltoonni Waaqayyoo baay’een yeroo har’aatti argaman, sababii hojii lallabaasaaniitiin reebichi ykn hidhaan isaanirra hin geenye. Haata’u malee, Kiristiyaanonni dhugaa hundinuu qorumsi addaddaa isaanirra ga’a. Fakkeenyaaf sammuunkee inni Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame adeemsa amala sirrii hin taane ykn namoota kaanirra caaltee akka argamtu si godhu akka hin hordofne si dhowwa ta’a. Murtoon ati seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan gootu, namoota si wajjin hojjetan, si duuka baratan ykn ollaawwan keerraa adda si taasisa ta’a. Ta’uyyuu, ilaalchisaanii inni dogoggora ta’e abdii si kutachiisuu hin qabu. Biyyi lafaa karaa hafuuraa dukkana keessa kan jiru ta’uyyuu, Kiristiyaanonni “akka ibsaa [ibsuu]” qabu. (Filp. 2:15) Namoonni garaa qajeelaa qaban muraasni hojiikee isa gaarii hubatanii si dinqisiifachuudhaan Yihowaaf ulfina kennu ta’a.Maatewos 5:16 dubbisi.

11. (a) Ilaalchi namoonni tokko tokko hojii lallabaatiif qaban maalidha? (b) Phaawulos ergamaarra Ari’atama akkamiitu ga’e? Innoo ari’atama kana akkamitti ilaale?

11 Ergaa Mootummichaa lallabuu itti fufuuf ija jabinni nubarbaachisa. Namoonni tokko tokko, firoonni keellee abdii si kutachiisuuf karaa addaddaa sitti ga’isuu danda’u. (Mat. 10:36) Phaawulos ergamaan tajaajilasaa amanamummaadhaan raawwachuusaatiin al tokko caalaa reebameera. Ari’atama kana akkamitti akka mo’e yeroo barreessu maal akka jedhe qalbeeffadhu: “Akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay’atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.” (1 Tas. 2:2) Phaawulos qabamee uffannisaa irraa baafamee uleedhaan reebamee erga mana hidhaa buufamee booda, misiraachoo lallabuusaa itti fufuuf ija jabinni isa barbaachisee akka ture beekamaadha. (HoE. 16:19-24) Akka itti fufuuf ija jabina kan isaaf kenne maalidha? Hawwiin inni hojii lallabaa Waaqayyo isaaf kenneef qabu ija jabeessa isa taasiseera.—1 Qor. 9:16.

12, 13. Obboloonni tokko tokko maalii wajjin qabsaa’u? Rakkoowwan kana mo’uuf kan carraaqan akkamitti?

12 Bakka namoonni yeroo baay’ee manatti hin argamneefi ergaa Mootummichaa fudhatan muraasa ta’anittis hinaaffaa qabnu eegnee lallabuun rakkisaa ta’uu danda’a. Haalawwan akkasii yeroo nu mudatan maal gochuu dandeenya? Karaa alidilee ta’een lallabuuf ija jabina guddaa qabaachuu nubarbaachisa ta’a. Sagantaa keenya yeroo namoonni argamanitti sirreessuu ykn karaa biraa namoota itti argachuu dandeenyurratti yaaduuf carraaqqii gochuu nubarbaachisa ta’a.—Yoh. 4:7-15; HoE. 16:13; 17:17 waliin ilaali.

13 Rakkoowwan namoota baay’ee mudatan kan biraammoo, dullumaafi dhukkuba hirmaannaa hojii lallabaarratti godhan jalaa daangessan ta’u danda’u. Atis haala akkasii keessa jirta taanaan abdii hin kutatin. Yihowaan haala ati keessatti argamtu kan hubatu ta’uusaarrayyuu, wanta gochaa jirtus ni dinqisiifata. (2 Qorontos 8:12 dubbisi.) Ari’atamni, dantaa dhabuun namootaa ykn dhibeen fayyaas ta’e rakkinni kamiyyuu yoo sirra ga’e, hamma dandeessu namoota kaaniif misiraachoo lallabuurratti hirmaadhu.—Fak. 3:27; Maarqos 12:41-44 waliin ilaali.

‘Hoji Isa Fudhatte Sana Raawwadhu!’

14. Phaawulos Kiristiyaanota hidhata amantaasaa ta’aniif fakkeenya akkamii ta’a? Gorsa akkamii kenne?

14 Phaawulos ergamaan tajaajilasaatiif bakka guddaa kennuusaarrayyuu, namoonni hidhata amantaasaa ta’anis akkasuma akka godhan jajjabeesseera. (HoE. 20:20, 21; 1 Qor. 11:1) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Phaawulos jajjabeesse keessaa tokko Arkiphos jedhama. Phaawulos xalayaa warra Qolosaayisiif barreesserratti, “Arkiphosiin immoo, ‘Hojicha isa karaa gooftaa fudhatte sana akka raawwattu godhi!’ jedhaa!” jedhee ture. (Qol. 4:17) Arkiphos eenyu akka ta’eefi haala akkamii keessa akka ture kan hin beekamne ta’us, hojii lallabaa kennameef fudhatee akka ture beekamaadha. Kiristiyaana Waaqayyoof of murteessitee yoo taate, afeerrii tajaajilaa sii dhihaate fudhatteetta. Tajaajila sii kenname raawwachuukee itti fuftaa?

15. Kiristiyaanni tokko of murteessuunsaa itti gaafatamummaa dabalataa maalii isatti fida? Kunoo gaaffii maalii kaasa?

15 Cuuphamuu keenya dura, Yihowaadhaaf of murteessuuf kadhannaa garaadhaa madde dhiheessineerra. Kana jechuun jaalalasaa raawwachuuf murteessineerra jechuudha. Kanaaf amma ‘dhugumaan wanti caalaatti na yaaddessu jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Yihowaan wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuudhaan kunuunsuu dabalatee, itti gaafatamummaa addaddaa akka raawwannu nurraa eega. (1 Xim. 5:8) Haata’u malee, yeroofi humna keenya isa hafe akkamitti itti fayyadamaa jirra? Wanti jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf maalidha?2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.

16, 17. Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an ykn itti gaafatamummaa muraasa qaban maalirratti yaaduu danda’u?

16 Dargaggeessa Kiristiyaanaa barumsakee xumurte ykn xumuruu geessedhaa? Tarii itti gaafatamummaan maatii cimaa ta’e sirra hin jiru ta’a. Kanaaf gara fuulduraaf karoora akkamii baafatteetta? Waadaa jaalala Yihowaa raawwachuuf galte guutummaatti raawwachuu kan dandeessu murtoo akkamii yoo gootedha? Kiristiyaanonni baay’een haalasaanii mijeessanii qajeelchitoota ta’uusaaniitiin gammachuu guddaa argataniiru.—Far. 110:3; Lal. 12:1.

17 Tariimmoo dargaggeessa ta’uu dandeessa. Hojii guyyaa guutuu kan hojjettu yoo ta’e, of gargaaruu malee itti gaafatamummaa guddaa hin qabdu ta’a. Hamma sagantaankee sii heyyametti sochiiwwan gumiirratti hirmaachuudhaan gammachuu akka argattu beekamaadha. Gammachuu kana caalu argachuu barbaaddaa? Hirmaannaa tajaajilarratti gootu bal’ifachuuf yaadaa qabdaa? (Far. 34:8; Fak. 10:22) Naannoowwan tokko tokkotti, ergaa dhugaa lubbu baraarsaa ta’e namoota hundaaf hiruuf ammayyuu hojii baay’eetu hojjetamuu qaba. Bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxee tajaajiluuf, sirreeffamawwan tokko tokko gochuu dandeessaa?1 Ximotewos 6:6-8 dubbisi.

18. Dargaggoonni haadha manaafi abbaa manaa ta’an sirreeffama maalii godhan? Kunoo bu’aa maalii isaaniif argamsiise?

18 Fakkeenya Kevaniifi Eelenaa warra Yuunaayitid Isteetis jiraatanii ilaalaa. * Akkuma dargaggoonni reefuu wal fuudhaniifi naannoosaaniitti argaman godhan, isaanis mana bitachuu akka qaban yaadan. Lamaansaaniiyyuu guyyaa guutuu hojjechuudhaan jireenya qannoo jiraatu turan. Ta’us, sagantaan hojiisaaniifi manasaanii keessatti raawwatan, yeroo baay’ee waan isaan jalaa qabateef tajaajilaaf yeroo muraasa qofa argatu turan. Yeroofi humnasaanii gara caalu qabeenyasaaniirra oolchuusaanii hubatan. Haata’u malee, jireenya salphaa haadha manaafi abbaa manaa qajeelchitoota ta’an tokko yeroo argan Kevaniifi Eelenaan, wanta jireenyasaanii keessatti dursa kennanirratti jijjiirama gochuu akka qaban murteessan. Murtoo gaarii akka godhan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaadhaan erga gaafatanii booda, manasaanii gurguranii apaartaamaatti galan. Eelenaan sa’aatii hojiirratti dabarsitu hir’isuudhaan qajeelchituu taate. Kevanis gammachuu haati manaasaa qajeelchituu ta’uudhaan argatterraa jajjabina argachuudhaan, hojiisaa dhaabee qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Yeroo muraasa boodas, biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti argamtuufi bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu jalqaban. Kevan, “Kanaan dura gaa’ela gammachiisaa kan qabnu ta’uyyuu, galmawwan hafuuraatiif waliin hojjechuu erga jalqabneemmoo gammachuun keenya caalaatti dabaleera” jedheera.—Maatewos 6:19-22 dubbisi.

19, 20. Yeroo har’aatti misiraachicha lallabuun hojii hundumaa caalaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

19 Misiraachoo kana lallabuun hojii yeroo har’aatti lafa kanarratti raawwatamaa jiru kamirrayyuu kan caaludha. (Mul. 14:6, 7) Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuurratti gumaacha guddaa raawwata. (Mat. 6:9) Ergaan Macaafa Qulqulluu waggaa waggaadhaan jireenya namoota ergicha fudhataniifi kuma baay’eedhaan lakkaa’amanii kan fooyyesse yommuu ta’u, kana gochuunsaaniis gara fayyinaatti isaan geessa. Haata’u malee Phaawulos, “Namni utuu isaanitti hin lallabin, attamitti waa’ee isaa dhaga’u ree?” jedhee gaafatee ture. (Rom. 10:14, 15) Dhugumayyuu utuu namni isaaniif hin lallabin akkamitti dhaga’u danda’u? Hamma dandeessu tajaajilakee raawwachuuf maaliif hin murteessitu?

20 Karaa garabiraan namoonni barri keessa jirru sodaachisaa ta’uusaa, akkasumas faayidaa murtoon isaan godhan isaaniif argamsiisuufi miidhaa inni itti fidu akka hubatan itti gargaaru keessaa inni tokko dandeettii barsiisuu keenya fooyyessuudha. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka ta’e mataduree ittaanurratti mari’anna.

[Miiljalee]

^ key. 18 Maqaansaanii jijjiirameera.

Maal Jettee Deebista?

• Haala ilmaan namootaa wajjin walqabateen Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa maalii qabu?

• Gufuuwwan hojii lallabaa keenyarratti numudatan mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

• Tajaajila nuu kenname raawwachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Utuu mormiin jiruu lallabuun ija jabina gaafata

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Naannoo tajaajilaa yeroo baay’ee namoonni manatti hin argamnetti lallabda yoo ta’e maal gochuu dandeessa?