Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gara Burqaa Bishaan Jireenya Kennuutti Geeffamuuf Kan Malan

Gara Burqaa Bishaan Jireenya Kennuutti Geeffamuuf Kan Malan

Gara Burqaa Bishaan Jireenya Kennuutti Geeffamuuf Kan Malan

“Hoolichi . . . isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa.”—MUL. 7:17.

1. Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanota dibamoo maal jechuudhaan ibsa? Yesus dibamtootaaf itti gaafatamummaa akkamii kenne?

DUBBIIN WAAQAYYOO, Kiristiyaanota dibamoo warra qabeenya Kiristos isa lafarraa olaantummaadhaan to’atan, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ jechuudhaan ibsa. Kiristos yommuu bara 1918itti “hojjetaa” kana qore, dibamtoonni lafarra turan “yeroodhaan nyaata” hafuuraa qopheessuurratti amanamummaadhaan utuu hojjetanii isaan argateera. Kanaafis, sana booda Gooftaasaanii kan ta’e Yesus “qabeenya isaa hundumaa irratti” ajajjuu isaan godheera. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Akka kanaan, Kiristiyaanonni dibamoon badhaasasaanii isa samii utuu hin argatin dura waaqeffattoota Yihowaa warra kaan lafarratti gargaaru.

2. Qabeenyi Yesus maalfaa akka dabalatu ibsi.

2 Gooftaan tokko qabeenya ykn horiisaarratti mirga kan qabu yommuu ta’u, akka barbaadettis itti fayyadamuu danda’a. Qabeenyi Yesus Kiristos isa Yihowaan moosisee, dhimmawwan lafarraa Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya qabaniifi warra Mootummichaaf bitaman hunda kan walitti qabatedha. Kunimmoo “tuuta sonaan baay’ee” Yohannis mul’ataan arge kan dabalatudha. Yohannis tuuta sonaan baay’ee kana akkas jechuudhaan ibseera: “Kana booddees ilaaleen tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabatu turan.”—Mul. 7:9.

3, 4. Tuutni sonaan baay’een mirga guddaa argataniiru kan jennu maaliifi?

3 Miseensonni tuuta sonaan baay’ee warra Yesus “hoolota kan biraa” jechuudhaan ibse keessatti ramadamu. (Yoh. 10:16) Abdiinsaanii barabaraaf lafa jannata taaturra jiraachuudha. Yesus ‘gara burqaa bishaan jireenya kennuutti akka isaan geessu’ ni amanu. “Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa.” Abdii akkasii waan qabaniif “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” (Mul. 7:14, 17) Aarsaa Yesusitti waan amananiif fuula Waaqayyoo duratti ‘uffata adii’ qabu. Akkuma Abrahaam michoota Waaqayyoo waan ta’aniif qajeelota jedhamaniiru.

4 Kana malees, hoolonni kan biraan tuuta sonaan baay’ee ta’aniifi lakkoofsisaanii dabalaa adeemu Waaqayyo akka qajeelootti waan isaan ilaaluuf, yommuu sirni biyya lafaa kun ‘rakkina guddaatti’ badu akka oolan abdachuu danda’u. (Yaq. 2:23-26) Yihowaatti dhihaachuu kan danda’an yommuu ta’u, tuutaan Armaagedoonirraa ooluufis abdii qabu. (Yaq. 4:8; Mul. 7:15) Karaa mataasaanii kan adeeman utuu hin ta’in, qajeelfama Mootiinsaanii inni samiifi obboloonnisaa warri dibamoon lafarratti argaman isaanii kennan jalatti fedhiidhaan tajaajilu.

5. Tuutni sonaan baay’een, obboloota Kiristos warra dibamoo kan gargaaran akkamitti?

5 Kiristiyaanonni dibamoon biyya lafaa Seexanni bulchurraa mormii guddaan isaanirra ga’eera, gara fuulduraattis isaanirra ga’a. Ta’us, gargaarsa hiriyoonnisaanii miseensota tuuta sonaan baay’ee ta’an isaanii kennanitti abdachuu danda’u. Yeroo ammaa lakkoofsi Kiristiyaanota dibamoo muraasa yommuu ta’u, lakkoofsi tuuta sonaan baay’ee waggaa waggaadhaan kumaatama dhibbaan dabalaa jira. Dibamtoonni, gumiiwwan addunyaa maraa 100,000 ta’an hunda keessatti argamanii to’achuu hin danda’an. Kanaaf, gargaarsa dibamtoonni hoolota kan biraarraa argatan keessaa tokko, tuuta sonaan baay’ee keessaa dhiironni ga’eessota ta’an jaarsolii gumii ta’anii tajaajiluusaaniiti. Jaarsoliin kun, Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaa’amaniifi ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ hadaraa kennamaniif gargaarsa godhu.

6. Hoolonni kan biraan Kiristiyaanota dibamoo hiriyootasaanii ta’an akka deggeran raajiidhaan kan dubbatame akkamitti?

6 Isaayaas, hoolonni kan biraan Kiristiyaanota dibamoo hiriyootasaanii ta’an fedhiidhaan akka gargaaran raajiidhaan dubbatee ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo, ‘Wanti [warri] Gibxii hojjetanii argatan [“warri mindaa malee hojii humnaa hojjetan”, NW], bu’aan nagada warra Kuushis siif in ta’u, warri Saabaa warri dhedheeronnis gara kee dhufanii, kan kee in ta’u, of kennanii si duukaa in bu’u’ jedhe.” (Isa. 45:14) Kiristiyaanonni lafarra jiraachuuf abdatan, yeroo ammaatti qajeelfama kutaa Kiristiyaanota dibamoofi Qaama Olaanaa fudhachuudhaan fakkeenyaan isaan duukaa bu’aa jiru. Hoolonni kan biraan “warra mindaa malee hojjetan” ta’uudhaan, humnasaaniifi qabeenyasaaniitiin hojii lallabaa addunyaa maraa Yesus dibamtoota lafarratti argamaniif kenne fedhiisaaniitiin deggeru.—HoE. 1:8; Mul. 12:17.

7. Tuutni sonaan baay’ee mirga gara fuulduraatti argatan akkamiitiif leenjii fudhachaa jiru?

7 Miseensonni tuuta sonaan baay’ee obbolootasaanii warra dibamoo yommuu deggeran, hawaasa haaraa Armaagedoon booda jiraatuuf bu’uura ta’uuf leenjii argachaa jiru. Bu’uurri sun jabaa ta’uu kan qabu yommuu ta’u, miseensonnisaas qajeelfama Gooftaansaanii isaanii kennu raawwachuuf fedhiifi dandeettii qabaachuu qabu. Kiristiyaanonni hundi Yesus Kiristos Mootichi isaanitti fayyadamuu akka danda’u argisiisuuf carraan kennamaafii jira. Amantaa qabaachuufi amanamoo ta’uusaanii ammuma argisiisuudhaan yommuu Mootichi addunyaa haaraa keessatti qajeelfama isaanii kennu fedhiidhaan fudhachuu akka danda’an argisiisu.

Tuutni Sonaan Baay’een Amantaa Qabaachuusaanii Ni Argisiisu

8, 9. Tuutni sonaan baay’ee amantaa akka qaban kan argisiisan akkamitti?

8 Hiriyoota Kiristiyaanota dibamoo kan ta’an hoolonni kan biraan, karaa addaddaa amantaasaanii argisiisu. Jalqaba, hojii misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti dibamtoota gargaaru. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Lammaffaa, qajeelfama Qaamni Olaanaan kennuuf fedhiidhaan abboomamu.—Ibr. 13:17; Zakaariyaas 8:23 dubbisi.

9 Sadaffaa, tuutni sonaan baay’ee seerawwan bu’uuraa Yihowaa warra qajeelummaarratti hundaa’anii wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan obbolootasaanii warra dibamoo deggeru. Namoonni kun ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuu’ horachuuf carraaqqii godhu. (Gal. 5:22, 23) Yeroo ammaatti, “hojii foonii” malee, amalawwan akkasii qabaachuun kan hin beekamne ta’uu danda’a. Ta’us, miseensonni tuuta sonaan baay’ee amalawwan armaan gaditti caqasamanirraa fagaachuuf murteessaniiru. Isaanis “halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus” jedhamaniiru.—Gal. 5:19-21.

10. Miseensonni tuuta sonaan baay’ee maal gochuuf murteessaniiru?

10 Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, ija hojii hafuuraa horachuun, hojii fooniirraa fagaachuufi dhiibbaa addunyaa Seexanaarraa nutti dhufu mo’uun rakkisaa ta’uu danda’a. Ta’us, dadhabbii ofiitiin ykn yeroodhaaf fakkeenya Yesus hordofuu dadhabuudhaan, yookiinimmoo humni keenya daangeffamuusaatiin abdii kutachuun, amantaa keenya akka dadhabsu ykn jaalala Yihowaadhaaf qabnu akka nu jalaa hir’isu gochuu hin qabnu. Yihowaan akkuma abdii kennetti tuuta sonaan baay’ee rakkina guddaa jalaa akka oolchu beekna.

11. Seexanni amantaa Kiristiyaanotaa dadhabsiisuuf malawwan akkamiitti fayyadamaa tureera?

11 Haata’u malee, diinni keenya Seexanni salphaatti akka abdii hin kunne waan beeknuuf yeroo hunda dammaqinaan eeguu qabna. (1 Phexros 5:8 dubbisi.) Diinni keenya gantootaafi warra kaanitti gargaaramee barumsi nuti hordofnu soba akka ta’e nu amansiisuuf yaalii godheera. Haata’u malee, mallisaa kun utuu bu’aa hin argamsiisin hafeera. Haaluma wal fakkaatuun, darbee darbee mormiin hojii lallabaa kana kan hir’isu ta’us, yeroo baay’ee garuu amantaa namoota ari’atamni isaanirra ga’ee jabeessuuf gargaareera. Kanaan kan ka’es, Seexanni mala itti amantaa keenya dadhabsuufi caalaatti bu’a qabeessa ta’ee argatetti fayyadamuusaa itti fufeera. Abdii nu kutachiisuutti fayyadamuuf carraaqqii godha. Phaawulos dhimma balaa geessisu kana ilaalchisee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda’e sana [Kiristosiin] yaadatti qabadhaa!” Kana gochuu kan qaban maaliif ture? Phaawulos, “Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti” jechuudhaan deebii kenneera.—Ibr. 12:3.

12. Gorsi Macaafa Qulqulluu namoota abdii kutatan kan jajjabeessu akkamitti?

12 Yihowaa tajaajiluu dhiisuuf yaaddee beektaa? Darbee darbee ga’eessa akka hin taane sitti dhaga’amaa? Yoo akkas ta’e, Seexanni yaada kanatti gargaaramee Yihowaa tajaajiluurraa duubatti akka si harkisu hin godhin. Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qayyabachuun, garaadhaa kadhachuun, yeroo hunda walga’iirratti argamuufi Kiristiyaanota hidhata amantiikee ta’anii wajjin walitti dhihaachuunkee sijajjabeessuusaarrayyuu ‘dadhabdee yaanikee akka hin laafne’ si eega. Yihowaan humna namoota isa tajaajilanii akka haaressu waadaa kan gale yommuu ta’u, abdii kanas ni raawwata. (Isaayaas 40:30, 31 dubbisi.) Sochiiwwan Kiristiyaanaarratti xiyyeeffadhu. Wantoota yaadakee hiraniifi yeroo gubanirraa fagaachuudhaan warra kaan gargaaruurratti xiyyeeffadhu. Kana yoo goote, wanti abdii nama kutachiisu yoo simudatellee jabaattee dhaabachuuf humna argatta.—Gal. 6:1, 2.

Rakkina Oolanii Addunyaa Haaraatti Galuu

13. Warri waraana Armaagedoon jalaa oolan hojii akkamii hojjetu?

13 Armaagedoon booda jal’oonni du’aa ka’an hedduun daandii Yihowaa barachuun isaan barbaachisa. (HoE. 24:15) Waa’ee aarsaa furii Yesus barachuu qabu; kana malees, aarsaa sanarraa faayidaa argachuuf aarsichatti akka amanan barachuu qabu. Yaadawwan barumsa amantaa sobaa kanaan dura keessa turaniifi akkaataa jireenyaa kanaan dura jiraachaa turan dhiisuun isaanirra jira. Namummaa haaraa Kiristiyaanota dhugaa ta’uusaanii beeksisu uffachuu barachuu qabu. (Efe. 4:22-24; Qol. 3:9, 10) Hoolonni kan biraan yeroo sanatti waraana Armaagedoon jalaa oolan hojii hedduu hojjetu. Dhiibbaafi rakkina biyyi lafaa inni hamaan kun yeroo ammaa nurraan ga’urraa walaba ta’uudhaan, tajaajila akkasii Yihowaadhaaf dhiheessuu danda’uun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa.

14, 15. Maree namoota rakkina guddaarraa oolaniifi qajeelota du’aa ka’an gidduutti godhamu ibsi.

14 Tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon tajaajila Yesus isa lafarraa dura du’anis, yeroo sanatti wanta hedduu baratu. Eenyummaa Masiihiicha abdachiifamee isa hawwiidhaan eeggachaa turaniifi utuu hin argin hafanii baratu. Kanaan dura Yihowaarraa barachuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru. Mee yaadaa, fakkeenyaaf Daani’el isa raajiiwwan hedduu barreesseefi raawwiisaanii utuu hin hubatin du’ee dabalatee namoota qajeeloo du’aa ka’an kana gargaaruun kan nama gammachiisuufi mirga guddaa mitii?—Dan. 12:8, 9.

15 Warri du’aa ka’an nurraa wanta hedduu kan baratan ta’us, gaaffiiwwan hedduu isaan gaafannus qabna. Wantoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamaniifi bal’inaan hin ibsamne gad fageenyaan nutti himu. Seenaa Yesus ilaachisee durbiisaa kan ta’e Yohannis Cuuphaarraa yaadawwan hedduu argachuun akkam kan nama gammachiisudha! Wantoonni dhugaa baatota amanamoo ta’an akkasiirraa kallattiidhaan barannu, Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa yeroo ammaatti qabnurra caalu akka nuu argamsiisan hin shakkisiisu. Tuuta sonaan baay’ee keessaa warra bara dhumaa kanatti du’an dabalatee, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon kanaan dura du’an hundi ‘jireenya isa wayyuuf du’aa ni ka’u.’ Yihowaa tajaajiluu kan jalqaban biyya lafaa isa Seexanaan bulu keessattidha. Haala mijaa’aa addunyaa haaraa keessatti argamu jalatti tajaajilasaanii itti fufuunsaanii gammachuu guddaa kan isaanii argamsiisu mitii?—Ibr. 11:35; 1 Yoh. 5:19.

16. Akka raajiidhaan dubbatametti Guyyaan Firdii kan geggeeffamu akkamitti?

16 Guyyaa Firdii keessaa yeroo ta’e tokkotti macaafni maramu ni banama. Macaafa maramu kanaafi Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan, namoonni lubbuudhaan jiran hundi jireenya barabaraatiif kan malan ta’uufi ta’uu dhiisuunsaanii ni murteeffama. (Mul’ata 20:12, 13 dubbisi.) Dhuma Guyyaa Firdiitti, namni hundi gaaffii olaantummaarratti ka’e ilaalchisee ejjennoo akkamii akka qabu argisiisuuf carraa argata. Mootummaa Waaqayyootiif abboomamuu, akkasumas hoolichi ‘gara burqaa bishaan jireenya kennuutti’ akka isa geessu ni fedhaa? Moo, Mootummaa Waaqayyootiif bitamuu diduudhaan mormii kaasa? (Mul. 7:17; Isa. 65:20) Yeroo sanatti, haalli namoota naannoo keenya jiranii ykn cubbuun dhaalle utuu dhiibbaa namarraan hin geessisin, namoonni lafarratti argaman hundi murtoo dhuunfaasaanii gochuuf carraa argatu. Eenyuyyuu firdii Yihowaan dhumarratti kennu mormuu hin danda’u. Hamoota qofatu barabaraaf balleeffama.—Mul. 20:14, 15.

17, 18. Kiristiyaanonni dibamoonis ta’e hoolonni kan biraan Guyyaa Firdii akkamitti eeggatu?

17 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo ammaatti argamaniifi Mootummichaaf malan Guyyaa Firdiitti bulchuuf hawwiidhaan eeggatu. Namoonni kun mirga guddaa argatu. Abdiinsaanii, gorsa Phexros obboloonnisaanii warra jaarraa jalqabaa turaniif akkas jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf isaan kakaasa: “Waamamuu keessanitti, fo’amuu keessanittis jabaachuudhaaf caalchisaa dhimmaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan. Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa barabaraa sanatti galuun isiniif in kennama.”—2 Phe. 1:10, 11.

18 Hoolonni kan biraan, obboloonnisaanii warri dibamoon abdii akkasii qabaachuusaaniitti ni gammadu. Isaaniin gargaaruufis murtoo godhaniiru. Yeroo ammaatti michuu Waaqayyoo waan ta’aniif, hanga danda’an hojii Waaqayyoorratti hirmaachuuf kaka’aniiru. Guyyaa Firdiitti, yommuu Yesus gara burqaa bishaan jireenya kennuutti isaan geessu, garaa guutuudhaan qophii Waaqayyoo deggeruusaaniitti gammachuu guddaatu isaanitti dhaga’ama. Dhumarrattis, barabaraaf tajaajiltoota Yihowaa warra lafarraa ta’uuf kan malan ta’u.—Rom. 8:20, 21; Mul. 21:1-7.

Ni Yaadattaa?

• Qabeenyi Yesus maalfaa kan dabalatudha?

• Tuutni sonaan baay’ee obbolootasaanii warra dibamoo kan gargaaran akkamitti?

• Tuutni sonaan baay’ee mirgaafi abdii akkamii qabu?

• Guyyaa Firdiitiif ilaalcha akkamii qabda?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Tuutni sonaan baay’ee uffatasaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Namoota amanamoo du’aa ka’anirraa waa’ee maalii barachuuf abadatta?