Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maxxansa Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Haaraa

Maxxansa Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Haaraa

Maxxansa Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Haaraa

BARRUUN ati dubbisaa jirtu kun maxxansa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa isa jalqabaati. Akkaataafi qabiyyee barruu haaraa kanaa tokko tokko ilaalchisee ibsa siikennuu barbaanna.

Maxxansi qayyabannaa kan qophaa’u, Dhugaa Baatota Yihowaafi qayyabattoota Macaafa Qulqulluu hariiroo Yihowaa wajjin qabaniin guddina gaarii argisiisaa jiraniifidha. Barruun kun ji’atti al tokko kan maxxanfamu yommuu ta’u, matadureewwan qayyabataman afur ykn shan qabatee ba’a. Sagantaan matadureewwan qayyabannaa kanaa qola barruchaarratti argama. Maxxansi qayyabannaa, akka maxxansa Masaraa Eegumsaa sabaa tajaajilarratti kan hin raabsamne waan ta’eef, qola maxxansa garagaraarratti fakkiiwwan addaddaa hin qabaatu.

Fuula 2⁠ffaa barruchaarratti, kaayyoo matadureewwan qayyabataman hundaa ykn kutaawwan dabalataa qaban ilaalchisee yaada ijoo ta’an argatta. Obboloonni Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessanis walga’ii gumiitiif yommuu qophaa’an, yaadawwan gaarii maree bu’a qabeessa gochuuf isaan gargaaran baay’ee argachuu danda’u.

Matadureewwan qayyabataman warra duraarra gaggabaaboo ta’uusaanii hubachuunkee hin oolu. Kunimmoo, yeroo qayyabannaan Masaraa Eegumsaa geggeeffamutti caqasoota ijoo ta’anirratti mari’achuuf yeroo ga’aa kennuuf gargaara. Tokkoon tokkoon torbaniitti yommuu qophooftu, caqasoota boqonnaafi lakkoofsisaanii qofti caqasaman baastee akka dubbistu sijajjabeessina. Caqasoota tokko tokko biratti jechi “dubbisi” jedhu kan argamu yommuu ta’u, yeroo Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa geggeeffamutti caqasoonni kun dubbifamuufi mareen irratti godhamuu akka qaban kan argisiisudha. Yeroo ga’aan jiraannaan caqasoonni kaanis dubbifamuu danda’u. Matadureewwan tokko tokko keessattimmoo jecha “waliin ilaali” jedhu arguu dandeessa. Caqasoonni akkasii kun xuqaa keeyyaticha keessatti argamaniifi ijoo ta’an kallattiidhaan kan deggeran waan hin taaneef, yeroo baay’ee gumiirratti hin dubbifaman. Ta’us, caqasoota “waliin ilaali” jedhan odeeffannoo dabalataa qabaachuu ykn mataduree mariin irratti godhamaa jiru karaa kallattii hin taaneen kan deggeran ta’uu danda’u. Kanaaf, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiif yommuu qophooftu caqasoota kana baastee akka dubbistu sijajjabeessina. Yommuu walga’iirratti yaada kennitu, deebiikee wajjin walqabsiistee deebisuuf sigargaaruu danda’a.

Bara 2008 jalqabee gabaasni waggaa Masaraa Eegumsaarratti utuu hin ta’in, Kitaaba Waggaafi miiltoo Tajaajila Mootummaarratti ba’a. Haata’u malee, akkuma armaan olitti ibsame maxxansi qayyabannaa kutaawwan dabalataa qabatee ba’a. Kutaawwan kun walga’ii gumiirratti waan hin qayyabatamneef, isaaniinis xiyyeeffannaadhaan akka dubbistu sijajjabeessina. Isaanis nyaata hafuuraa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu kan qabatanidha.—Mat. 24:45-47.

Kana jechuun garuu, maxxansi qayyabannaafi maxxansi sabaa barruu addaddaa lamadha jechuu miti. Lamaanuu Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisanidha. Lamaanuu fuula 2⁠ffaarratti kaayyoo Masaraan Eegumsaa itti qophaa’u ni ibsu. Jildii Masaraa Eegumsaa waggaarratti lamaanuu ni ba’u. Matadureen “Ni Yaadattaa?” jedhuufi maxxansa qayyabannaarratti ba’u, yaadawwan maxxansa lamaanirraa fudhataman qabatee ba’a.

Masaraan Eegumsaa bara 1879 eegalee, yeroo waraanaa, haalli dinagdee baay’ee rakkisaa ta’eefi ari’atamni ture hundaatti amanamummaadhaan waa’ee dhugaa Mootummaa Waaqayyoo labsaa tureera. Maxxansi bifa haaraadhaan qophaa’u kunis, eebba Yihowaatiin kana gochuusaa akka itti fufu kadhannaa keenyadha. Atis maxxansa Masaraa Eegumsaa bifa haaraadhaan qophaa’e kanaan yommuu fayyadamtu Yihowaan akka si’eebbisu kadhannaa keenyadha.