Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Jireenya Barabaraatiif Kan Qophaa’an’ Dhugaa Fudhachaa Jiru

‘Jireenya Barabaraatiif Kan Qophaa’an’ Dhugaa Fudhachaa Jiru

‘Jireenya Barabaraatiif Kan Qophaa’an’ Dhugaa Fudhachaa Jiru

‘Jireenya Barabaraatiif kan qophaa’an hundinuu amantoota ta’an.’ —HOJII ERGAMOOTAA 13:48, 1899.

1, 2. Raajii Yesus misiraachoon Mootummichaa amma andaara lafaatti akka lallabamu dubbate raawwachuuf Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa carraaqqii akkamii godhaniiru?

MACAAFINI Hojii Ergamootaa, gabaasa gammachiisaa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, raajii Yesus misiraachoon Mootummichaa amma andaara lafaatti akka lallabamu ilaalchisee dubbate akkamitti akka hojiirra oolchan ibsa. (Mat. 24:14) Labsitoonni kun hinaaffaa argisiisaniin namoota isaan boodaan dhufaniif fakkeenya gaarii ta’aniiru. Bartoonni Yesus Yerusaalem keessatti hinaaffaadhaan lallabuusaaniitiin ‘luboota baay’ee’ dabalatee, namoonni kumaan lakkaa’aman gumii jaarraa jalqabaa turetti dabalamaniiru.—HoE. 2:41; 4:4; 6:7.

2 Misiyoononni jaarraa jalqabaatti turan, namoonni baay’een Kiristiyaana akka ta’an gargaaraniiru. Fakkeenyaaf, Filiphos gara Samaariyaa dhaqee yeroo lallabetti, namoonni hedduun dubbiisaa dhaggeeffataniiru. (HoE. 8:5-8) Phaawulos michootasaa addaddaa wajjin wangeela lallabuuf, Qophros, kutaawwan Asiyaa Ishee Xinnoo, Maqedooniyaa, Giriikiifi Ixaaliyaa adeemeera. Yihudoonniifi Giriikonni biyyoota kana keessa jiraatan baay’een lallabasaatiin amantoota ta’aniiru. (HoE. 14:1; 16:5; 17:4) Tiitoosis Qareexis keessatti tajaajilaa ture. (Tit. 1:5) Phexros Baabilon keessatti tajaajilaan qabamee kan ture si’a ta’u, Dh.K.B. bara 62-64⁠tti xalayaasaa isa jalqabaa yeroo barreessetti, hojiin lallabaa Kiristiyaanotaa Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaafi Bitiiniyaatti akka gaariitti beekamee ture. (1 Phe. 1:1; 5:13) Yeroon sun akkam gammachiisaa ture! Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hinaaffaa guddaadhaan waan lallabaniif, diinonnisaanii “lafa dhaqan hundumaatti biyya garagalchu” jedhanii isaan himataniiru.—HoE. 17:6; 28:22.

3. Hojii lallabaa labsitoonni Mootummichaa yeroo ammaatti raawwataniin bu’aa akkamiitu argamaa jira? Kun maal akka sitti dhaga’amu godha?

3 Yeroo ammaattis, gumiin Kiristiyaanaa guddina dinqisiisaa argachuudhaan eebbifameera. Gabaasa waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa mararratti argaman yeroo dubbistuufi bu’aa addunyaa maratti argamaa jiru yeroo hubattu garaankee gammachuudhaan hin guutamuu? Labsitoonni Mootummichaa waggaa tajaajilaa 2007⁠tti qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu 6,286,618 akka geggeessan beekuunkee si hin gammachiisnee? Kana malees, namoota waggaa darbe Ayyaana Yaadannoo du’a Yesusirratti argaman keessaa, naannoo miliyoona kudhanii kan ta’aniifi Dhugaa Baatota hin taane ayyaana guddaa kanarratti argamuunsaanii misiraachoo kanaaf fedhii qabaachuusaanii argisiisa. Gabaasni kun hojiin hojjetamuu qabu baay’een akka jiru kan argisiisudha.

4. Namoonni ergaa Mootummichaa fudhachaa jiran eenyufa’i?

4 Akkuma jaarraa jalqabaa yeroo har’aattis, “warri jireenya bara baraaf qophaa’an hundinuu” dhugaa fudhachaa jiru. (HoE. 13:48, 1899) Yihowaan namoota akkasii gara jaarmiyaasaatti harkisaa jira. (Haagee 2:7 dubbisi.) Hojii lallabaa namoota gara mana Yihowaatti fiduuf hojjetamaa jiru kanarratti guutummaatti hirmaachuu ilaalchisee tajaajilaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

Utuu Wal Hin Caalchisin Lallabaa

5. Namoota akkamiitu Yihowaa biratti fudhatama argata?

5 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne . . . Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa” ta’uusaa hubatanii turan. (HoE. 10:34, 35) Namni tokko Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf, wanti murteessaa ta’e, aarsaa furii Yesus Kiristositti amantii qabaachuusaati. (Yoh. 3:16, 36) Yihowaan, “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.”—1 Xim. 2:3, 4.

6. Labsitoonni Mootummichaa maalirraa of qusachuu qabu? Maaliif?

6 Labsitoonni misiraachoo kanaa, sanyii, bakka isaan hawaasa keessatti qabaniin, bifa ykn uffannaasaaniitiin, amantiisaanii ykn amala isaan qaban garabiraa ilaaluudhaan namootatti faraduun matumaa sirrii miti. Mee yeroo muraasaaf yaadi: Namni yeroo jalqabaatiif dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo sitti hime utuu sitti hin faradin sitti himuusaatiin hin galateeffattuu? Erga akkas ta’ee namoota dhaggeeffachuuf fedhii qabanitti ergaa lubbuusaanii baraarsuu danda’u kana dubbachuurraa maaliif duubatti jettaree?Maatewos 7:12 dubbisi.

7. Namoota lallabnuufitti faraduurraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?

7 Yihowaan, Yesusiin Abbaa Firdii godhee waan muudeef, nuyi eenyurrattillee faraduuf mirga hin qabnu. Nuyi waan ‘ijaan arginuufi’ gurraan ‘dhageenyuun’ qofa namootatti kan farannu yommuu ta’u, Yesus garuu keessa namaafi yaada garaa namaa kan beeku waan ta’eef mirgi kun isaaf kennamuunsaa sirriidha.—Isa. 11:1-5; 2 Xim. 4:1.

8, 9. (a) Saa’ol Kiristiyaana ta’uusaa dura nama akkamii ture? (b) Muuxannoon Phaawulos ergamaa maal nu barsiisuu qaba?

8 Namoonni sanyii hundumaa keessa jiran tajaajiltoota Yihowaa ta’uu danda’aniiru. Kanaaf fakkeenya guddaa kan ta’u Saa’ol isa biyya Xarsees tureefi boodee Phaawulos jedhamuudhaan beekamedha. Saa’ol inni Fariisichi, nama garmalee Kiristiyaanota mormu ture. Ilaalcha dogoggoraa namoonni kun Yihowaa hin waaqeffatan jedhuun kaka’ee gumii Kiristiyaanaarratti ari’atama kaaseera. (Gal. 1:13) Akka ilaalcha namootaatti, namni kun Kiristiyaana ta’a jedhamee kan yaadamu hin turre. Haata’u malee, Yesus garaa Saa’ol keessatti waan gaarii waan argeef hojii adda ta’e akka raawwatuuf isa filateera. Kanaan kan ka’es, Saa’ol gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture keessatti miseensa cimaafi hinaaffaa guddaa qabu ta’uu danda’eera.

9 Muuxannoo Phaawulosirraa barumsa maalii arganna? Naannoo tajaajilaa keenya keessatti, gareen namootaa ergaa nuyi lallabnu jibban jiraachuu danda’u. Namoonni akkasii kun Kiristiyaanota dhugaa ta’u jedhanii yaaduun kan nama shakkisiisu ta’us, abdii kutachuudhaan isaaniif lallabuu keenya dhiisuu hin qabnu. Yeroo tokko tokko namni nuti matumaa fedhii hin qabu jennee yaanne ergaa keenya dhaggeeffachuu danda’a. Hojiin nuu kenname namoota hundumaaf utuu ‘gargar hin kutin’ lallabuu keenya itti fufuudha.Hojii Ergamootaa 5:42 dubbisi.

Namoonni Utuu ‘Gargar Hin Kutin’ Lallaban Ni Eebbifamu

10. Namoota yeroo ilaalaman waan nama sodaachisan fakkaataniif lallabuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi? Muuxannoo naannoo keetii argame jiraannaan dubbadhu.

10 Bifni namootaa nama gowwoomsuu danda’a. Fakkeenyaaf, namni Eegnaasiyoo * jedhamu yeroo mana hidhaa Ameerikaa Kibbaa turetti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Hamaa waan tureef namoonni isa sodaatu turan. Kanaafuu, hidhamtoonni achi keessatti waa hojjetanii gurguran namoota liqii isaanirraa fudhatanii jalaa tursan kaffalchiisuuf isatti fayyadamu turan. Haata’u malee, Eegnaasiyoon karaa hafuuraa guddina argisiisaa akkasumas isa barate hojiirra oolchaa yeroo adeemu hammeenyasaa dhiisee nama gaarii ta’e. Amma Eegnaasiyoon dhugaa Macaafa Qulqulluu waan barateefi hafuurri Waaqayyoo amalasaa akka jijjiiru waan isa gargaareef, namni tokkoyyuu liqii sassaabbachuuf isatti hin fayyadamu. Labsitoota Mootummichaa utuu wal hin caalchisin isa qayyabsiisuuf carraaqanis guddaa galateeffata.

11. Namoota deddeebinee gaafachuu kan qabnu maaliifi?

11 Sababiiwwan namoota deddeebine akka gaafannu nu godhan keessaa inni tokko, haalliifi ilaalchisaanii waan jijjiiramuufidha. Namoota kanaan dura haasofsiisne keessaa warri tokko tokko yeroo deebinee dhaqnu dhukkuba cimaadhaan qabamanii, hojiirraa ari’amanii ykn nama jaallatan du’aan dhabanii ta’uu danda’a. (Lallaba 9:11 dubbisi.) Rakkoowwan biyya lafaarratti mul’atan jireenyasaanii isa gara fuulduraarratti jabeessanii akka yaadan isaan gochuu danda’a. Haalli uumame akkasii kun nama kanaan dura dantaa hin qabne ykn mormaa ture ergaa keenya akka dhaggeeffatu isa gochuu danda’a. Kanaaf, haala mijaa’aa ta’e hundaa keessatti misiraachicha namootaaf lallabuurraa duubatti jechuu hin qabnu.

12. Namoota lallabnuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?

12 Ilmaan namootaa, amala warra kaan qooduufi isaanitti faraduu qabu. Haata’u malee, Yihowaan namoota dhuunfaatti madaala. Amala gaarii isaan qabanis ni ilaala. (1 Saamu’el 16:7 dubbisi.) Nuyis tajaajila keenyarratti akkasuma gochuuf carraaquu qabna. Namoota lallabnuuf ilaalcha sirrii qabaachuun bu’aa gaarii akka argamsiisu muuxannoon ibsan baay’eedha.

13, 14. (a) Qajeelchituun tokko dubartii tajaajilarratti argatte tokkoof ilaalcha dogoggoraa kan qabaatte maaliifi? (b) Muuxannoo kanarraa barumsa maalii arganna?

13 Odoola Kaariibiyaan keessatti obboleettiin qajeelchituu taateefi Saandiraa jedhamtu, manaa gara manaatti utuu tajaajiltuu, dubartii Ruut jedhamtuufi ayyaana kaarniivaal jedhamurratti hirmaannaa guddaa qabduu wajjin wal argite. Ruut ayyaana waggaa kanarratti al lama mootee gonfoo kaawwachuusheerrayyuu, badhaafamteetti. Wanta Saandiraan jettu dhaggeeffachuuf fedhii guddaa waan argisiifteef qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuuf qophiin godhamee ture. Saandiraan akkas jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Gara goordubaatti yeroon seenu, suuraa guddaa Ruut uffata aadaa ayyaanaa waggaa kanaa guutummaatti uffatteefi badhaasawwan badhaaafamten arge. Namni addunyaarratti beekamummaa qabuufi ayyaana waggaarratti hirmaannaa godhu akkasii dhugaadhaaf fedhii hin godhatu jedheen dogoggoraan yaade. Kanaafuu deebi’ee ishee gaafachuu nan dhaabe.”

14 Yeroo muraasa booda, Ruut gara Galma Mootummaa dhufte; ennaa walga’iin xumuramu, Saandiraa “Maaliif na qayyabsiisuu dhiistee?” jettee gaafatteen. Saandiraanis dhiifama gaafachuudhaan qayyabannicha itti fufuuf beellama qabatte. Ruut saffisaan guddina kan argisiiste si’a ta’u, suuraawwanshee warra uffata kaarniivaal uffatee kaate sanas bakka fannifamee ni kaaste; achiis sochiiwwan gumiin godhu hundaarratti hirmaannaa gochuu jalqabde; booddees Yihowaaf ofmurteessite. Saandiraan jalqabarratti Ruutiin ilaalchisee wanti isheen yaadee turte dogoggora ta’uusaa hubatteetti.

15, 16. (a) Dhugaa Baatuun tokko firasaatiif lallabuusaatiin bu’aa maalii argate? (b) Firri keenya tokko akkaataan guddinasaa akka isaaf hin lallabne nu dhowwuu kan hin qabne maaliifi?

15 Dhugaa Baatonni hedduun maatiiwwansaanii warra dhugaa waan hin fudhanne fakkaataniif dhugaa ba’uusaaniitiin bu’aawwan gaariin argamaniiru. Mee haala obboleettii Jooyis jedhamtuu haa’ilaallu. Obboleessi abbaa manaashee umrii kurnansaatii kaasee yeroo baay’ee mana hidhaatti hidhamee hiikama ture. Akkas jechuudhaan dubbatti: “Qoricha sammuu namaa hadoochu waan fudhatuuf, kan hatuufi gochawwan gadhee baay’ee kan raawwatu waan tureef, namoonni baay’een jireenyisaa gatii hin qabu jedhanii dubbatu turan. Abdii kan qabu fakkaachuu baatus, waggaa 37f dhugaa Macaafa Qulqulluu isatti himuukoo ittuman fufe.” Dhumarratti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabe si’a ta’u jireenyasaa keessattis jijjiramawwan dinqisiisaa ta’an godheera. Jooyis nama firashee ta’e kana gargaaruuf obsaan carraaqqii gochuunshee ishee kiiseera. Obboleessi abbaa manaashee kun Walga’ii Koonyaa dhihoo kanatti Kaalifoorniyaa Yuu. Ees. Eetti godhametti umriisaa waggaa 50⁠tti cuuphameera. Jooyis, “gammachuudhaan kan ka’e immimmaantu na qabate; abdii kutachuu dhiisuukootti baay’ee gammadeera” jetteetti.

16 Firoottankee tokko tokko amantiisaaniitti cimsitoota waan ta’aniif dhugaa Macaafa Qulqulluu itti himuuf ni mamta ta’a. Sababiin kun Jooyis obboleessa abbaa manaasheetiif akka hin lallabne ishee hin dhowwine. Namni tokko waan garaa nama kaanii keessa jiru akkamitti beekuu danda’a? Tarii namni sun garaa qajeelaadhaan amantii dhugaa barbaadaa jira ta’a. Kanaaf, karaa itti dhugaa argatu jalaa hin cufin.Fakkeenya 3:27 dubbisi.

Kitaaba Bu’a Qabeessa Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuuf Gargaaru

17, 18. (a) Bu’aa kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu argamsiisaa jiru ilaalchisee, muuxannoowwan addunyaa mararraa argaman maal argisiisu? (b) Kitaaba kanatti fayyadamuudhaan muuxannoo nama jajjabeessu akkamii argatteetta?

17 Gabaasni addunyaa mararraa argame akka argisiisutti namoonni garaa qajeelaa qaban baay’een, kitaaba Macaafni Qulqulluu Maal Barsiisa? jedhamuun Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii argisiisaa jiru. Qajeelchituun Peenii jedhamtuufi biyya Yuunaayitid Isteetis jiraattu tokko kitaaba kanaan fayyadamtee namoota baay’ee qayyabannaa jalqabsiisteetti. Isaan keessaa lama maanguddoota amantiisaaniitiif cimsitoota ta’anidha. Peeniin yeroo kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu isaaniif kennitu dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo ni fudhatu jettee hin yaanne. Ta’uyyuu, akkas jechuudhaan barreessiteetti, “Barumsichi ifaa, amansiisaafi karaa salphaa ta’een kan dhihaate waan ta’eef, utuu hin mormin ykn utuu hin aarin yeruma sana dhugaa barachuun salphaa isaaniif ta’eera.”

18 Babal’istuun Paat jedhamtuufi biyya Biritaaniyaa jiraatu tokko dubartii kooluu galtuu ardii Eeshiyaatii dhufte Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabde. Dubartittiin kun biyyasheetii godaanuuf kan dirqamte abbaan manaasheefi ijoolleenshee dhiiraa finciltootaan erga fudhatamanii booda si’a ta’u, ergasiis isaan argitee hin beektu. Kan ishee doorsisaniifi manashee kan guban si’a ta’u, baay’ee ta’aniis ishee gudeedaniiru. Wanti isheerratti raawwatame kun hundi jireenya waan ishee jibbisiiseef, yeroo baay’ee of ajjeesuuf yaalii gooteetti. Macaafa Qulqulluu qayyabachuunshee garuu abdii akka qabaattu ishee gargaareera. Paat akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Ibsi salphaaniifi fakkeenyi kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti caqasaman jijjiirama dinqisiisaa akka gootu ishee taasiseera.” Barattuun kun saffisaan guddina argisiisuusheerrayyuu, babal’istuu hin cuuphamin taateetti; walga’ii guddaa ittaanurratti cuuphamuuf fedhii akka qabdus ibsiteetti. Namoonni garaa qajeelaa qaban abdii Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman akka hubataniifi akka dinqisiifatan gargaaruun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa!

‘Wanta Gaarii Ta’e Gochuutti Hin Laafinaa!’

19. Hojiin lallabaa baay’ee ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?

19 Tokkoon tokkoon guyyaa darbutti, hojiin lallabaafi bartoota taasisuu keenya caalaatti ariifachiisaa ta’aa adeema. Waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaa’amaniif jireenya barabaraatiif qophaa’an lallaba keenya fudhachaa jiru. Haata’u malee, “Guyyaan Waaqayyoo [“Yihowaa,” NW] inni guddaan dhi’aateera.” Kana jechuunis warri Waaqayyoofi ergaasaa fudhachuu didanii karaa hafuuraa dukkana keessa jiran ‘ajjeefamuuf hollachaa adeemaa’ jiru jechuudha.—Sef. 1:14; Fak. 24:11.

20. Murtoon hunda keenyaa maal ta’uu qaba?

20 Ammayyuu namoota akkasii gargaaruu ni dandeenya. Kana gochuuf garuu, fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, “barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misiraachoo himuuttii gargar hin kunne” hordofuun keenya baay’ee barbaachisaadha. (HoE. 5:42) Ari’atamni jiraatuyyuu, fakkeenyasaanii hordofuudhaan ogummaa ittiin ‘barsiistuuf’ xiyyeeffannaa kennuudhaan utuu wal hin caalchisin namoota hundaaf lallabuukee itti fufi! ‘Wanta gaarii gochuutti utuu hin laafin’ nuffii tokko malee kan itti fufnu taanaan,’ surraa Waaqayyoofi eebba hangana hin jedhamne arganna.—2 Xim. 4:2; Galaatiyaa 6:9 dubbisi.

[Miiljalee]

^ key. 10 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

Maal Jettee Deebista?

• Namoota akkamiitu misiraachicha fudhachaa jira?

• Namoota lallabnuufitti dursinee faraduurraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?

• Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu bu’aa akkamii argamsiisaa jira?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi kumaan lakka’aman dhugaa fudhachaa jiru

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Jijjiirama Phaawulos godherraa barumsa akkamii arganna?

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Labsitoonni Mootummichaa dursanii namootatti hin faradan