Fakkeenya 3:1-35

  • Ogeessa taʼi, Yihowaatti amanami (1-12)

    • Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun Yihowaadhaaf ulfina kenni (9)

  • Ogummaan gammachuu argamsiisa (13-18)

  • Ogummaan tasgabbii argamsiisa (19-26)

  • Amala gaarii warra kaanitti argisiisuu qabnu (27-35)

    • Yeroo dandaʼamutti warra kaaniif wanta gaarii godhi (27)

3  Yaa ilma koo, barumsa* koo hin irraanfatin,Garaan kees ajajawwan koo haa eegu,   Sababiin isaas, isaan waggoota hedduu,Bara jireenyaa fi nagaa siif ni dabalu.+   Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan* akka si dhiisan hin godhin.+ Morma keetti isaan hidhadhu;Gabatee garaa keetii irratti isaan barreeffadhu;+   Sana booda Waaqayyoo fi nama duratti fudhatama ni argatta,+Hubannaa gaarii akka qabdus ni argisiista.   Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami,+Hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin.+   Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi,+Innis daandii kee wal siif qixxeessa.+   Ogeessa akka taatetti of hin ilaalin.+ Yihowaa sodaadhu, wanta hamaa irraas fagaadhu.   Kunis, qaama* keetiif fayyina,Lafee keetiifis boqonnaa argamsiisa.   Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni; 10  Gootaraan kee guutummaatti ni guuta,+Boolli kee inni wayinii itti cuunfanis daadhii wayinii haaraadhaan guutee dhangalaʼa. 11  Yaa ilma koo, adaba Yihowaa hin didin,+Sirreeffama isaas hin jibbin.+ 12  Akkuma abbaan tokko ilma isaa isa jaallatu adabutti,Yihowaanis warra jaallatu ni adaba.+ 13  Namni ogummaa argatu,+Namni hubannaa qabus gammadaa dha; 14  Ogummaa argachuun meetii argachuu irra,Akka buʼaatti ishii argachuunis warqii argachuu irra wayya.+ 15  Ishiin elellaa* caalaa gatii guddaa qabdi;Wanti ati hawwitu kam iyyuu ishiidhaan qixxaachuu hin dandaʼu. 16  Umurii dheeraan karaa harka mirgaa ishii,Badhaadhinnii fi ulfinnis karaa harka bitaa ishii jiru. 17  Daandiiwwan ishii nama gammachiisu,Karaawwan ishii hundis nagaa qabu.+ 18  Warra ishii qabataniif, ishiin muka jireenyaa ti,Warri cimsanii ishii qabatanis gammadoo jedhamu.+ 19  Yihowaan ogummaadhaan lafa hundeesseera.+ Samiiwwanis hubannaadhaan cimsee dhaabeera.+ 20  Beekumsa isaatiin, bishaanonni gad fagoon gargar hiramaniiru,Samiiwwan duumessa uffatanis fixeensa roobsaniiru.+ 21  Yaa ilma koo, isaan* ija kee duraa hin badin. Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu; 22  Isaan siif* jireenya ni kennu,Morma keetiifis faaya ni taʼu; 23  Atis nagaadhaan daandii kee irra ni deemta,Miilli kees matumaa hin gufatu.*+ 24  Yommuu ciistu homaa hin sodaattu;+Ni ciista, hirribni kees gammachiisaa ni taʼa.+ 25  Naasuu akka tasaa dhufu kam iyyuu,Obomboleettii hamoota irratti dhufaa jirus+ hin sodaattu.+ 26  Sababiin isaas, Yihowaan madda amanannaa kee ni taʼa;+Miilli kees akka hin qabamne ni eega.+ 27  Gargaaruuf humna yoo qabaatte,*Warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin.+ 28  Ammuma kennuu kan dandeessu yoo taʼe,“Amma deemi, booda deebiʼii kottu! Boru siifan kenna!” namaan hin jedhin. 29  Utuma inni sodaa malee sii wajjin jiraachaa jiruu,Nama irratti wanta hamaa hin yaadin.+ 30  Wanta hamaa tokko illee si irratti hin raawwanne taanaan,+Sababii malee namaa wajjin wal hin lolin.+ 31  Nama hamaatti hin hinaafin,+Daandii isaa isa kam iyyuu hin filatin; 32  Sababiin isaas, Yihowaan nama jalʼaa ni jibba,+Warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.+ 33  Abaarsi Yihowaa, mana isa hamaa irra jira,+Mana qajeelotaa garuu ni eebbisa.+ 34  Inni warra qoosanitti ni qoosa,+Garraamotatti garuu gaarummaa ni argisiisa.+ 35  Ogeeyyiin ulfina ni dhaalu,Gowwoonni garuu salphinaaf kabaja kennu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “seera.”
Ykn., “dhugaan.”
Kal., “handhuura.”
Ykn., “isa hunda caalaa gaarii taʼeen.”
Ykn., “Galii.”
Kun amalawwan Waaqayyoo warra lakkoofsota olii irratti ibsaman kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “lubbuu keetiif.”
Ykn., “homaatti iyyuu hin rukutamu.”
Ykn., “Harki kee humna isaa yoo qabaate.”