Faarfannaa 110:1-7

  • Mootii fi luba akka Malkiseedeq

    • “Diinota kee gidduutti bulchi” (2)

    • Dargaggoonni fedhiidhaan of dhiheessan akka fixeensaa ti (3)

Faarfannaa Daawit. Faarfannaa. 110  Yihowaan Gooftaa kootiin,“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+Mirga koo taaʼi”+ jedheera.  2  Yihowaan, “Diinota kee gidduutti bulchi”+ jedhee,Ulee mootii aangoo kee argisiisu Xiyoon keessaa ni hiixata.  3  Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti* sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa. Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti. Bifti isaanii ulfina qabeessaa fi qulqulluu dha.  4  Yihowaan, “Ati akkuma Malkiseedeq+Bara baraaf luba dha!”+ jedhee kakateera,Yaada isaas hin jijjiiru.*  5  Yihowaan karaa harka mirgaa kee ni taʼa;+Guyyaa dheekkamsa isaattis mootota ni caccabsa.+  6  Saboota irratti* murtii ni dabarsa;+Lafas reeffaan ni guuta.+ Bulchaa* biyya balʼaas* ni caccabsa.  7  Inni* burqaa daandii qarqara jiru irraa ni dhuga. Kanaafuu, mataa isaa ol ni qaba.

Miiljaleewwan

^ Ykn., “Guyyaa raayyaan waraanaa kee sochoʼutti.”
^ Ykn., “hin gaabbu.”
^ Ykn., “gidduutti.”
^ Kal., “Mataa.”
^ Ykn., “guutummaa lafaas.”
^ Isa lakk. 1 irratti, “Gooftaa koo” jedhame argisiisa.