Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Ejja

Ejja

Namoonni hedduun hiriyaa gaaʼelaatiif amanamaa taʼuu kan jajjabeessan taʼus, ejji maatiiwwan hedduu diiguu isaa itti fufeera.

Ejji maali dha?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Aadaawwan tokko tokko keessatti, saalqunnamtiin gaaʼelaan alatti raawwatamu, keessumaa kan raawwate abbaa manaa yoo taʼe dogoggora akka taʼetti hin ilaalamu. Tokko tokko immoo, walitti dhufeenyi gaaʼelaa umurii guutuu kan itti fufu akka taʼetti hin ilaalan.

WHAT THE BIBLE SAYS

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Macaafa Qulqulluu keessatti, ejji saalqunnamtii namni gaaʼela dhaabbate tokko (dhiiras taʼe dubartii), nama hiriyaa gaaʼelaa isaa ykn ishee hin taanee wajjin raawwatu kan argisiisu akka taʼetti ibsameera. (Iyoob 24:15; Fakkeenya 30:20) Ejji, Waaqayyo duratti wanta baayʼee jibbamaa taʼe dha. Bara Israaʼelootaatti namni ejju duʼaan adabama ture. (Lewwoota 18:20, 22, 29) Yesus duuka buutonni isaa ejja irraa fagaachuu akka qaban barsiiseera.—Maatewos 5:27, 28; Luqaas 18:18-20.

WHY IT MATTERS

WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE? Ejjitoonni waadaa ulfina qabeessa hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin yeroo gaaʼela dhaabbatanitti seenan cabsu. Akkasumas, ejji cubbuu Waaqayyo irratti raawwatamu dha. (Uumama 39:7-9) Ejji, ijoollee warra irraa gargar baasa. Hunda caalaa immoo Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra . . . ejjituutti faraduuf jira” jechuudhaan akeekkachiisa.—Ibroota 13:4.

“Gaaʼelli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas hin xureeffamin!” Ibroota 13:4.

Ejji gaaʼela ni diigaa?

WHAT THE BIBLE SAYS

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Macaafni Qulqulluun, namni tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa yoo ejja raawwate akka irraa adda baʼu isaaf heyyama. (Maatewos 19:9) Kana jechuun hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja erga raawwatee booda, namni balleessaan irratti raawwatame hiriyaa gaaʼelaa isaa waliin taʼuuf ykn isa hiikuuf murteessuudhaaf mirga qaba jechuu dha. Kun murtoo dhuunfaa ti.—Galaatiyaa 6:5.

Gama biraatiin, Waaqayyo duratti gaaʼelli walitti dhufeenya umurii guutuu, qulqulluu taʼe dha. (1 Qorontos 7:39) Waaqayyo sababa hin taaneen, fakkeenyaaf waan itti hin tolleef qofa nama hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikutti ni gadda. Kanaafuu, wal hiikuun murtoo akka salphaatti ilaalamu miti.—Miilkiyaas 2:16; Maatewos 19:3-6.

“Ani . . . isinittan hima, yoo isheen ejjite malee namni haadha manaa isaa baasu, akka isheen ejjitu in godha.”Maatewos 5:32.

Ejji cubbuu namaaf hin dhiifamne dhaa?

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 Lakki. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota ejja raawwatan dabalatee, namoota cubbuu isaanii irraa deebiʼanii qalbii jijjiirrataniif dhiifama akka godhu dubbata. (Hojii Ergamootaa 3:19; Galaatiyaa 5:19-21) Macaafni Qulqulluun, waaʼee namoota ejja raawwachuu dhiisuudhaan yeroo booda michuu Waaqayyoo taʼanii ni dubbata.—1 Qorontos 6:9-11.

Waaqayyo, Daawit isa mootii Israaʼel tureef dhiifama godheera. Daawit haadha manaa nama loltoota isaa keessatti aangoo qabu tokkoo wajjin ejja raawwatee ture. (2 Saamuʼel 11:2-4) Macaafni Qulqulluun, “Wanti hamaan Daawit godhe kun Waaqayyoon in gaddisiise” jedha. (2 Saamuʼel 11:27) Daawit sirreeffama isaaf kenname fudhatee qalbii erga jijjiirratee booda, Waaqayyo cubbuu isaa isaaf dhiiseera. Haa taʼu malee, Daawit miidhaa cubbuu hojjechuu isaatiin isa irra gaʼe dandaʼee jiraachuu qaba ture. (2 Saamuʼel 12:13-14) Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe, “Namni ejju qalbii hin qabu” jechuudhaan yeroo booda wanta mirkaneeffate dubbateera.—Fakkeenya 6:32.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Ejja raawwatteetta yoo taʼe, Waaqayyoonis taʼe hiriyaa gaaʼelaa kee dhiifama gaafachuu qabda. (Faarfannaa 51:1-5) Akkuma Waaqayyoo ejja jibbi. (Faarfannaa 97:10) Poornoogiraafii, waaʼee saalqunnamtii xiinxaluu, kolomsuu dabalatee wanta nama hiriyaa gaaʼelaa kee hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii akka qabaattu si godhu kam irraa iyyuu fagaachuuf murteessi.—Maatewos 5:27, 28; Yaaqoob 1:14, 15.

Hiriyaan gaaʼelaa kee ejja raawwachuu isaatiin miidhaan si irra gaʼeera yoo taʼe, Waaqayyo miira kee akka siif hubatu hin shakkin. (Miilkiyaas 2:13, 14) Jajjabinaa fi qajeelfama akka sii kennu isa kadhadhu; “inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” (Faarfannaa 55:22) Hiriyaa gaaʼelaa keetiif dhiifama gochuudhaan gaaʼelli keessan akka itti fufu yoo filatte, walitti dhufeenya keessan deebistanii ijaaruuf lamaan keessan iyyuu jabinaan hojjechuu qabdu.—Efesoon 4:32.

Naataan raajichi Daawit isa qalbii jijjiirrateen, “Egaaʼoo, Waaqayyo yakka kee siif dhiiseera” jedheera.2 Saamuʼel 12:13.