Fakkeenya 6:1-35
6 Yaa ilma koo, ollaa keetiif wabii* yoo taate,+Nama ormaas yoo harka rukutte,*+
2 Waadaa galteen kiyyoo keessa yoo seente,Dubbii afaan keetiitiinis yoo qabamte,+
3 Yaa ilma koo, harka ollaa keetii keessatti waan kufteef,Akkana godhiitii bilisa of baasi:
Dhaqi, gad of qabiitii hatattamaan ollaa kee kadhadhu.+
4 Ijji kee akka rafu,Qolli ija keetiis akka mugu hin godhin.
5 Akkuma borofaatti harka adamsituu jalaa,Akkuma simbirroottis harka isa simbira qabatu jalaa bilisa of baasi.
6 Yaa dhibaaʼaa+ nana, gara goondaa* dhaqi;Daandiiwwan ishii ilaali, ogeessas taʼi.
7 Ajajaa, geggeessaa yookiin bulchaa kan hin qabne taatus,
8 Yeroo bonaatti nyaata ishii qopheeffatti,+Yeroo makaraattis soorata ishii walitti qabatti.
9 Yaa dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti achi ciista?
Hirriba kee irraa hoo yoom dammaqxa?
10 Xinnuman ciisa, xinnuman muga,Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette,+
11 Hiyyummaan akkuma saamtuutti,Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+
12 Namni gatii hin qabnee fi hamaa taʼe, dubbii jalʼaa dubbachaa asii fi achi deema;+
13 Inni ija isaatiin dubbata,+ miila isaatiin mallattoo argisiisa, quba isaas namatti qaba.
14 Garaa jalʼaadhaan,Yeroo hundumaa hammina yaada,+ wal morkiis ni babalʼisa.+
15 Kanaan kan kaʼes, akkuma tasaa balaan isa irra gaʼa;Yeruma sana ni caba; fayyuus hin dandaʼu.+
16 Wantoonni Yihowaan jibbu jaʼa jiru;Eeyyee, inni* wantoota torba ni balfa:
17 Ija of tuulu,+ arraba sobuu+ fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu,+
18 Garaa karoora hamaa yaaduu+ fi miila hamminatti fiigu,
19 Ragaa baatuu sobaa yeroo dubbatu hundumaatti sobu,+Akkasumas nama obbolaa gidduutti wal morkii facaasu+ hundumaa.
20 Yaa ilma koo, ajaja abbaa keetii eegi,Barumsa* haadha teetiis hin dhiisin.+
21 Yeroo hundumaa garaa kee keessatti isaan qabadhu;Morma keettis isaan hidhadhu.
22 Yommuu deemtu si qajeelcha;Yommuu ciistu dhaabbatee si eega;Yommuu dammaqxus sitti dubbata.*
23 Sababiin isaas, ajajni kun ibsaa dha,+Seerichis ifa dha,+Adabni sirreeffama argamsiisu daandii gara jireenyaatti geessu dha.+
24 Isaan dubartii amala gaarii hin taane qabdu irraa,+Arraba gowwoomsaa dubartii baalagee* irraas si eegu.+
25 Garaa keetti miidhagina ishii hin hawwin+Yookiin ija ishii isa nama sossobuun hin boojiʼamin,
26 Sababiin isaas, namni tokko dubartii sagaagaltuu irraa kan kaʼe hiyyummaadhaaf saaxilama,*+Haati manaa nama kan biraa garuu, lubbuun isaa inni gatii guddaa qabu kiyyootti akka galu gooti.
27 Namni ibidda qoma isaatti baatee uffanni isaa hin gubanne jiraa?+
28 Yookiin namni barbadaa* irra deemee miilli isaa hin gubanne jiraa?
29 Namni haadha manaa nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwatus akkanuma ni taʼa;Namni ishii tuqee utuu hin adabamin hafu hin jiru.+
30 Hattuun tokko yeroo beelaʼutti nyaachuuf* jedhee yoo hate,Namoonni isa hin tuffatan.
31 Yommuu qabamu garuu, dachaa torba godhee ni deebisa;Miʼawwan mana isaa warra gatii guddaa qaban hundumaas ni kenna.+
32 Namni dubartii wajjin ejja raawwatu kam iyyuu hubannaa* hin qabu;Namni akkana godhu of* irratti badiisa fida.+
33 Madaa fi qaaniitu isa irra gaʼa,+Salphinni isaas isa irraa hin haqamu.+
34 Hinaaffaan abbaan manaa aaree akka gubatu godha;Innis yeroo haaloo baʼu gara laafina hin argisiisu.+
35 Inni kiisii* hin fudhatu;Ati kennaa guddaa akkamii illee yoo isaaf kennite inni hin tasgabbaaʼu.
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, kakachuudhaan.
^ Kal., “qabsiisa.”
^ Goondaan gosa mixii ti.
^ Ykn., “lubbuun isaa.”
^ Ykn., “Seera.”
^ Ykn., “si barsiisa.”
^ Kal., “Daabboo bixxillee tokkotti hafa.”
^ Ykn., “mukukkula.”
^ Ykn., “lubbuu isaa quubsuuf.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Ykn., “lubbuu isaa.”
^ Ykn., “furii.”