Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Waaqayyo Akka Dandamannu Nu Gargaareera”

“Waaqayyo Akka Dandamannu Nu Gargaareera”

NATAALIYAA fi ilmi ishee Aslaan inni umuriin isaa waggaa sagal taʼe, akkasumas Zariinaa fi intalli ishee Anziheliikaan isheen umuriin ishee waggaa kudha lama taʼe wal bira jiru turan. Ijoollee fi namoonni gurguddaan 1,000 ol taʼanis, weerartoota miʼa waraanaa hidhataniin eegamaa turan.

Guyyaa Roobii, Fulbaana 1, 2004 ganama, Beslaan ishee magaalaa xinnoo taatee fi Aleniyaa, Raashiyaatti argamtu keessatti guyyaa barumsi itti jalqabamu kabajuuf ijoollee fi warri isaanii alatti qophii gochaa turan. Akkuma tasaa, namoonni miʼa waraanaa fi boombii isaaniinis taʼe namoota kaan ajjeesu hidhatan gidduu isaanii seenanii qilleensa irra dhukaasuu fi iyyuu jalqaban. Achii weerartoonni 30 ol taʼan tuuta sodaatee jiru sana qabanii iddoo jimnaaziyamii mana barumsichaatti kan galchan siʼa taʼu, manichatti fanjii naanneessan.

Namoota Boojiʼaman

Kanaafuu, maree nuffisiisaan walii galtee tokko irra gaʼuuf weerartoota sanaa fi humnoota nageenyaa gidduu ture guyyaa sadiif itti fufe. Nataaliyaan isheen Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turte, “Sana dura kadhannaa cimaa akkanaa dhiheessee hin beeku” jetteetti.

Yeroon isaa yeroo bonaa waan tureef, iddoon jimnaaziyamii sun baayʼee hoʼa ture. Guyyaa lammaffaatti ganamaa jalqabee weerartoonni nyaataa fi bishaan boojiʼamtootaaf waan hin kennineef, guyyaa sadaffaatti, jechuunis gaafa Jimaataa namoonni tokko tokko fincaan dhuguu fi abaaboo ijoolleen barsiisota isaaniitiif fidan nyaachuu jalqaban. Nataaliyaan, “Mucaan nu bira taaʼee jiru tokko baala tokko naa kenne. Anis iddoo lamatti hireen Anziheliikaa fi Aslaaniif kenne” jetteetti.

Guyyaa sadaffaatti jeequmsi ni kaʼe. Nataaliyaan, “Yeroo dhukaasni dhukaʼu nan kufe. Aarri cimaan qilleensa kan guute siʼa taʼu, qawween dhukaafamuu jalqabe” jetteetti. Loltoonnii fi shororkeessitoonni walitti dhukaasaa utuma jiranii Nataaliyaanii fi Aslaan loʼanii miliqan. Namni Osishiyaa, Alaan jedhamu gara iddoo nagaa taʼetti isaan geesse. Namoonni kan biraa hedduun garuu miliquu hin dandeenye.

Jeequmsicha Booda

Anziheliikaan yeroo jeequmsichaatti duute

Anziheliikaa dabalatee ijoollee fi namoota gurguddaa dhibbaan lakkaaʼamantu duʼe. Beslaanitti torban hedduudhaaf sagaleen booʼichaa ni dhagaʼama ture. Appaartaamaa Nataaliyaa irraa manni barumsichaa ni mulʼata ture; naannoo sanatti manni barumsaa haaraan kan ijaarame taʼus, Aslaan achi keessa seenuu hin dandeenye. Taphachuuf illee alatti hin baʼu ture. Nataaliyaan, “Yihowaan sodaa isaa moʼuuf akka isa gargaaru cimsinee kadhanne” jetteetti. Yeroo booda, mana barumsaatti deebiʼuuf ija jabina argateera.

Wanti Nataaliyaatti qorumsa taʼe immoo, walgaʼii Galma Mootummaatti geggeeffamu irratti argamuu ture. Nataaliyaan akkana jetteetti: “Iddoo tokkotti namoota baayʼee wajjin yeroon taʼu hundatti, manichi waan weeraramuuf jedhu natti fakkaata ture. Homtuu akka hin uumamne nan kadhadhan ture. Yeroo muraasa booda garuu, gara walgaʼii deemuun dhiise. Akkasumas, nuyi lubbuudhaan oollus namoonni hedduun akka duʼan beekuu kootti dhiphina cimaatu natti dhagaʼama ture.”

Jajjabina Argachuu

Nataaliyaan akkana jetteetti: “Miseensota gumichaa na gargaaruu isaanii itti fufan baayʼeen galateeffadha. Dhugaa Baatuun Taatiyaanaa jedhamtu yeroo hunda guyyaa sadi sadiitti dhuftee na gaafatti turte. Booda, Dhugaa Baatuu kan biraa Yuuliyaanaa jedhamtuu fi gaarummaa qabdu, mala qabeettii taatee fi karaa namatti toluun dubbattu, akkasumas Macaafa Qulqulluu akka gaaritti beektu fiddee dhufte. Isheenis carraaqqiin gochaa tureef kan na galateeffatte siʼa taʼu, yeroon dubbadhu garaadhaa na dhaggeeffatti turte.

“Yeroo booda waaʼee guyyaa sanaa sodaa tokko malee dubbachuu dandaʼeera

“Yuuliyaanaan yaada Phaawulos ergamaa 2 Qorontos 1:9 irratti argamu naa dubbiste. Phaawulos Asiyaa keessatti rakkinni hedduun erga irra gaʼee booda, ‘Akka waan firdiin duʼaa nutti faradameetti, nutti dhagaʼamee ture’ jedheera. Akkasumas, Isaayaas 40:31 isa, ‘Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in kaʼu’ jedhu naa dubbiste. Caqasoonni akkanaa, akkasumas jajjabinni ani Yuuliyaanaa fi warra kaan irraa karaa miiraa argadhe, ijoollee koo wajjin deebiʼee walgaʼiiwwan irratti akkan argamu na dandeessiseera. Taʼus, yeroo kanattis galma keessa taʼuun na dhiphisa ture.”

Zariinaan yeroo booda Dhugaa Baatuu Yihowaa taateetti; yeroo Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu itti jalqabuu fi lafa bareedduu, qulqulluu fi nagaadhaan guutamte keessatti Anziheliikaan duʼaa kaatee itti simattu hawwiidhaan eeggatti. (Maatewos 6:9, 10; Hojii Ergamootaa 24:15) Nataaliyaanii fi ijoolleen ishee bara 2009tti cuuphamaniiru. Amma iyyuu jijjigaa jimnaaziyamii bira kan jiraatan taʼus, haala suukanneessaa isaan mudatee ture irraanfataniiru. Nataaliyaan, “Yeroo booda waaʼee guyyaa sanaa sodaa tokko malee dubbachuu dandaʼeera. Waaqayyo akka dandamannu nu gargaareera” jetteetti.