Faarfannaa 55:1-23
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit.
55 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi,+Gaaffii ani gara laafina argachuuf dhiheessus hin tuffatin.*+
2 Xiyyeeffannaa naaf kenni, deebiis naaf kenni.+
Yaaddoon koo boqonnaa na dhowwateera,+Baayʼees dhiphadheera.
3 Kun kan na irra gaʼe, wanta diinni dubbatuun,Akkasumas dhiibbaa namni hamaan na irraan gaʼuun kan kaʼe dha.
Isaan rakkina na irratti tuulu,Aariidhaanis ija diinummaatiin na ilaalu.+
4 Onneen koo na keessatti dhiphateera,+Naasuun duʼaas na liqimseera.+
5 Sodaa fi romʼuun natti dhufeera,Hollachuunis na qabateera.
6 Yeroo hundumaa akkana nan jedha: “Maal taʼa utuun akka gugee* qoochoo qabaadhee!
Silaa barrisee dhaqee bakka tasgabbii qabu keessa nan jiraadhan ture.
7 Kunoo, gara bakka fagootti nan baqadha,+Lafa onaa keessas nan buufadhan ture.+ (Seelaa)
8 Iddoo gaaddisa qabu dafee deemee,Bubbee hamaa fi obomboleettii jalaa nan baqadhan ture.”
9 Yaa Yihowaa, isaan burjaajessi, karoora isaaniis fashaleessi,*+Sababiin isaas, ani magaalaa keessatti hamminaa fi walitti buʼiinsa argeera.
10 Isaan halkanii fi guyyaa dallaa ishii irra asii fi achi deemu;Hamminnii fi rakkinni ishii keessa jira.+
11 Badiisni ishii gidduu jira;Cunqursaa fi gowwoomsaan addabaabayii ishii keessaa matumaa hin dhabamu.+
12 Kan natti qoosu diina miti;+Utuu akkana taʼee silaa nan dandaʼan ture.
Kan na irratti kaʼe hamajaajii miti;Utuu akkana taʼee silaa isa jalaa nan dhokadhan ture.
13 Kanaa mannaa, kan na irratti kaʼe siʼi, nama akka kootii,*+Hiriyaa koo isan akka gaariitti beeku dha.+
14 Nuti michummaa cimaa qabna turre;Namoota hedduu wajjin taanee gara mana Waaqayyoo ni deemna turre.
15 Hamminni isaan gidduu fi isaanii wajjin waan jiraatuuf,Badiisni isaanitti haa dhufu!+
Utuma lubbuudhaan jiraniis gara Awwaalaatti* gad haa buʼan.
16 Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha,Yihowaan na oolcha.+
17 Galgala, ganamaa fi waaree nan rakkadha, nan aadas,*+Innis sagalee koo ni dhagaʼa.+
18 Namoonni hedduun waan natti dhufaniif,+Inni warra naan lolan jalaa na* oolcha,* nagaas naaf kenna.
19 Waaqayyo inni bara duriitii jalqabee teessoo irra taaʼee jiru,+Isaan dhagaʼa, deebiis isaaniif ni kenna.+ (Seelaa)
Warri Waaqayyoon hin sodaanne,+Jijjiirama gochuu didu.
20 Inni* warra isaa wajjin nagaa qaban haleeleera;+Kakuu isaas cabseera.+
21 Dubbiin isaa dhadhaa caalaa lallaafa,+Garaa isaa keessa garuu lolatu jira.
Dubbiin isaa zayitii caalaa laafaa dha,Taʼus goraadee luqqifame dha.+
22 Baʼaa kee Yihowaa irratti gati,+Innis si deggera.+
Namni qajeelaan akka kufu* matumaa hin heyyamu.+
23 Ati garuu yaa Waaqayyo, boolla gad fagoo keessa isaan buusta.+
Warri dhiigaan itti gaafatamanii fi namoonni gowwoomsaa raawwatan walakkaa bara isaanii hin jiraatan.+
Ani garuu sittan amanama.
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Yommuun gargaarsa argachuuf kadhannaa dhiheessu hin dhokatin.”
^ Ykn., “makoodii; andarii.”
^ Kal., “arraba isaanii hiri.”
^ Ykn., “nama gita koo taʼe.”
^ Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “nan jeeqamas.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Kal., “na fura.”
^ Jechuunis, michuu isaa isa durii isa lakk. 13 fi 14 irratti caqasame.
^ Ykn., “gatantaru.”