Faarfannaa 51:1-19
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa inni erga Baat Sheebaa+ wajjin saalqunnamtii raawwatee booda yommuu Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate.
51 Yaa Waaqayyo, akka jaalala kee isa amanamaatti gaarummaa natti argisiisi.+
Akka gara laafina kee isa guddaattis balleessaa koo naaf haqi.+
2 Dogoggora koo irraa guutummaatti na dhiqi,+Cubbuu koo irraas na qulqulleessi.+
3 Sababiin isaas, ani balleessaa koo akka gaariittan beeka,Cubbuun koos yeroo hundumaa fuula koo dura* jira.+
4 Ani hundumaa caalaa si irratti,* eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera;+Wanta si duratti hamaa taʼes raawwadheera.+
Kanaafuu, ati yeroo dubbattu qajeelaa dha,Murtiiwwan kees sirrii dha.+
5 Kunoo, ani yakkamaa taʼee dhaladheera,Haati tiyyas cubbuu keessatti na ulfoofte.*+
6 Kunoo, ati dhugaa keessa namaa jirutti ni gammadda;+Keessa namummaa koo* ogummaa dhugaa barsiisi.
7 Qulqulluu akkan taʼuuf, hiisoophiidhaan cubbuu koo irraa na qulqulleessi;+Cabbii caalaas akkan addaadhuuf na dhiqi.+
8 Lafeewwan ati caccabsite akka gammadaniif,+Sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu akkan dhagaʼu godhi.
9 Fuula kee cubbuu koo irraa garagalchi,*+Dogoggora koo hundumaas na irraa haqi.+
10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi,+Hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi.+
11 Fuula kee duraa na hin gatin;Hafuura qulqulluu kees na irraa hin fudhatin.
12 Gammachuu fayyisuu keetii naaf deebisi;+Fedhii siif ajajamuu na keessatti kakaasi.*
13 Cubbamoonni gara keetti akka deebiʼaniif,Ani warra balleessaa raawwatan daandii kee nan barsiisa.+
14 Arrabni koo gammachuudhaan qajeelummaa kee akka labsuuf,+Waaqa fayyinaa koo kan taate yaa Waaqayyo,+ dhiigaan itti gaafatamuu irraa na oolchi.+
15 Afaan koo ulfina kee akka labsuuf,Yaa Yihowaa, akkan dubbadhu naaf heyyami.+
16 Ati aarsaa hin barbaaddu, utuu akkana taʼee silaa aarsaa nan dhiheessan ture;+Ati aarsaa guutummaatti gubamutti hin gammaddu.+
17 Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha;Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee* fi bullaaʼe hin tuffattu.+
18 Fedhii keetiin Xiyooniif wanta gaarii godhi;Dallaawwan Yerusaalem ijaari.
19 Achiis aarsaawwan qajeelummaatti,Aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan guutummaatti dhihaatanitti ni gammadda;Sana booda qotiyyoowwan iddoo aarsaa kee irratti ni dhihaatu.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “sammuu koo keessa.”
^ Kal., “Ani si irratti qofa.”
^ Ykn., “Ani yeroo haati tiyya na ulfoofte irraa jalqabee cubbamaa dha.”
^ Ykn., “Eenyummaa koo isa dhokataa.”
^ Ykn., “dhoksi.”
^ Kal., “Hafuura fedhii qabaachuutiin na deggeri.”
^ Ykn., “gaddee.”